ODUU
Trending

Seenessa: Dhugaan suuraa reeffa tuulame agarsiisu duuba jiru maali?

Abdii Biyyansaa @ABiyenssa

Finfinnee Muddee 01, 2023 – Suuraan reeffa walirratti tuulame agarsiisu tibbana miidiyaa hawaasaarra naanna’aa turuun ni yaadatama. Suuraan kuni kan eenyuuti? Taateen kuni eessatti mudate?

Taateen kuni Godina Qeellam Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Maleekkoo Manahamootti kan mudate ta’uu maddeen dhimmichatti dhiyeenya qaban Addis Standard’tti himaniiru.

Akka madeen knu himanitti, suuraan kuni amantoota Wladaa Makaana Yasuus aanaa Gidaamii keessatti argamuu ta’uu maddeen ibsaniiru. Amantoota sagal hidhattoota uffata dambii raayyaa ittisaa biyyaa uffataniin ajjeefamanii gatamaniiti ta’uu maddeen kunneen himan. 

Gagggeessitoota mana amantichaa kan ta’an keessa tokko maqaansaa akka hin eeramne gaafate Addis Standard’tti akka himetti, Sadaasa 24, 2023 hidhattoonni uffata dambii raayyaa ittisa biyyaa uffatan amantoota waldaa Makaanayasuus damee ganda Maleekkoo Manahamoo 12 ta’anii kadhannaa halkanii gaggeessaa turanitti cabsuun amantoota dhiiraa sagal butanii erga fudhatanii booda iddoo addaa Baddeessaa Galmaa jedhamu geessuun ajjeesanii gataniiru.

Hidhattoonni kunneen halkan keessaa sa’aatii torbatti dallaa mana amantichaa cabsanii seenuun dhiiroota sagal butanii dubartoota dhiisanii deeman.

Maqaa dargagoota ajjeefamanii Taliila Lammeessaa (umurii 21), Toliinaa Lammeessaa (umurii 20), Tamiiraat Lammeessaa (umurii 18), Jireenya Dingataa (umurii 25), Solomoon Dingataa (umurii 22), Geetaachoo Beekkataa (umurii 25), Qabbannaa Bulchaa (umurii 23), Siraaj Danuu (umurii 21), Hiikaa Beekaa (umurii 18) kan jedhaman ta’uu maddi oduu keenyaa himeera.

Kadhannaan kuni guyyaa sadiif kan gaggeeffamaa kan ture yoo ta’u taateen kuni guyyaa lammaffaatti halkan keessaa naannoo sa’aatii torbaatti raawwatamuu maddi keenya addeesseera.

Gageessaan mana amantiichaa kun itti dabaluu, “dargaggoon kun Sagantaa kadhanna halkanii torban torbaniin qabu turan. Gaafa guyyaa jimaata garuu Ijoolleen kun rayyaa ittisaa biyyaatiin iddoo kadhannaatii butamanii ajjeefamaniru,” jedhe.

Obboleettiin namoota ajjeefamaniii keessaa tokkoo kan taate Eebbisee Lammaa taateen kuni magaala Gidaamiitti raawwatamuu mirkaneessiteerti.

Akka Ebbiseen himteetti, hidhattoonni kunneen “mee macaafanii kun akka isin fayyisuu danda’u ilaalla” jechaa doorsisaa turuu himteerti.

Erga jumlaan ajjeessaanii booda reeffa isaanii irra macaafa qulqulluu kaa’anii gatanii biraa erga adeemaanii guyyaa lama booda reeffi isaanii bakeetti tuulamee argameera Eebbiseen dabaltee himteerti.

Maatiin ajjeefamtootaa mooraa raayyaa ittisa biyyaa dhaquun ijoolleen kuni eeessa akka jiran kan gaafatan yoo ta’u deebii iddoo isaan jiran kan hin beeknu jedhu argachuu himteerti.

Ijoolleen kunneen siyaasa keessatti hirmaannaa kan hin qabneefi tajaajiltoota waldaa turuu Eebbiseen eerteerti.  AS

Related Articles

Back to top button