ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Itoophiyaan walgahii IGAD waamerratti kan hin argamne ta’uu ibsite

Finfinnee, Amajjii 17, 2024 –  Miniseerri Dhimma Alaa Itoophiyaa walgahii adda ta’e Moootummoonni Misoomaaf gamtoomanii (IGAD) Amajjii 18, 2024 qopheessee irratti saba sagantaa biraatiin walirra bu’eef kan hin hirmaanne ta’uu beeksise.

Xalayaa ministeerichi dura taa’aa IGAD’iif barreesseen, “Sababa sagantaa biraa kanaan dura tureen walirra bu’eefi hubachiisa gabaabduu walgahicharratti akka hirmaaannu gaffeetamneen” Itoophiyaan walgahii Ugaandaa, Kaampaalaatti qophaa’erratti hirmaachuun kan rakkisu ta’uu addeesseera.

Haa ta’u malee, “Akkaataa hojimaata Igad eegeen Itoophiyaan beellama guyyaa biraa qabachuuf qophiidha,’ xalayichatu jedhe. Maddi ministeera dhimma laa Jibuuttitti dhiyeenya qabu xalayaan miidiyaa hawaasaarra naanna’aa ture kanuma mootummaa iItoophiyaatiin barreeffame ta’uu Addis Standard’tti himeera.

Yaaliin Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaarraa deebii argachuuf Addis Standard taasisse hin milkoofne.

Walgahiin dura taa’aan IGAD pireezidaantiin Jibuutii Ismaa’il Omar Gulleh waliigaltee Itoophiyaafi Somaalilaand gidduutti mallatteeffame hordofuun waldhabdee Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti uumameefi waraana Sudaan irratti irratti mari’achuuf waame mootummaan Sudaan walgahicharratti argamuun dura gaggeessitootoonni waraanaa Sudaan Abdel Fattaah al-Burhaaniifi Hamdaan Dagaaloo “Heemeetiin” qaamaan walqunnamuun rakkoo isaani gidduu jirurratti mari’achuu qabu jechuun walgahii IGAD waameeratti kan hirmaanne ta’uu dursee ibseera. Boodarara garuu Sudaan hariiroo IGAD waliin qabu addaan kutuu eereera.

Itoophiyaafi Sudaan kan hirmaanne ta’uu haa himan malee waa’ee gaggeeffamuu marichaatiin walqabatee ibsi Jibuutiis ta’ee IGAD kennan hin jiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button