Oduu: ‘Khuullee’ ilaalchisee qaamota dhimmi ilaallatu bira kara idileetiin wanti gahe hin jiru: BBO
Finfinnee, Guraandhala 05/2024 – Boca qubeelee Afaan Oromoo haaraa qubee Laatinii waggoota dheeraaf Afaan Oromoo itti fayyadamaa jiru akka bakka bu’uuf kalaqamee dhimma ijoo miidiyaa hawaasaa ta’e ilaalchisee Biiroon Barnoota Oromiyaa deebii laateera.
Bocni qubee maqaa Khuullee jedhamu itti laatame kun barattoota kumaatamaan lakkaawwaman ittiin barsiifamaa akka jiran kan ibsame ta’uus, biirichi garuu “qaamota dhimmi ilaallatu bira kara idileetiin wanti gahe hin jiru” jedheera.
Tibbana “barbaachisummaa qubee Afaan Oromoo amma faayidaarra oolaa jiru filannoo kan biraan bakka buusuu” ilaalchisee Yuunivarsiitii Wallaggaatti waraqaan qorannoo dhiyaachuu hordofee hayyoonni qeeqa jabaa irratti kaasanis hedduudha.
Abbaan kalaqaa boca qubee Khuullee kan ta’an Maaster Hasan Ayimoo dhimma kana ilaalchisee af-gaaffii Addis Standard waliin taasisaniin, hanga ammaatti qubee haaraa kanaan kitaabilee 10 ol maxxansiisuun barattoota 5000 ol barsiisu himanii turan.
Dhimmi barattootni ittiin barsiifamuu eegaluu isaanii kun ammoo qeeqa ture daran jabeesse. Tibbana Addis Standard waliin turtii kan taasise ogeessa afaanii Lalisaa Indiris, “qubeen haaraa dhaabbatni qorannoo tokko hin mirkaneessiin kitaaba ittiin maxxansanii barattoota barsiisuu jalqabuun dogoggora seenaanis seeraanis nama gaafachiisuudha,” jedhe.
Kana malees, Biiroon Barnoota Oromiyaa burjaajii uumame irratti ibsa akka laatu fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa garagaraan gaafatamaa tureera.
Watwaata hedduu booda hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Tolaa Bariisoo (PhD) ergaa gabaabaa kaleessa karaa fuula fesbuukii biirichaa irratti dabarsaniin, dhimmichi “foon lafa jiruuf allaattiin samii irratti walnyaatti” akkuma jedhamutti “karaa al-idilee ta’een deemaa jira malee qaamota dhimmi ilaallatu bira kara idileetiin wanti gahe hin jiru,” jedhan.
“Dhimmi Qubee fi Afaan Oromoo Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin dhimma tumamee bubbuleedha,” kan jedhan Dr. Tolaan, itti dabaluun “qubeen Afaan Oromoo rakkoo qaba jedhameetuu osoo itti amanamee qorachiisee uummata mariisisee kan heera kana jijjiiru caffeedhuma malee nama dhuunfaa tasuma ta’uu hin danda’u . Kanaaf yaada qorataa tokkoo irraa ka’ame akka dhimma guddaa tokkootti hafarsuun barbaachisaa miti,” jedhan.
“Dhimmi kun karaa al-idilee ta’een deemaa jira malee qaamota dhimmi ilaallatu bira kara idileetiin wanti gahe hin jiru. Kanaaf akka allaattii samii irraa waan lafa jiruuf walfixuun barbaachisaa miti” jedhan.
Haata’u malee ibsichi waa’ee dhimma kitaabilee kumaatama manneen maxxansaa mootummaa keessatti maxxanfamuun raabsamanii fi barattoota ittiin barsiifamaa jiran wanti jedhe hin jiru. Dhimma kana ilaalchisee bal’inaan qulqulleessuuf yaaliin Addis Standard hoggantoota olaanoo biirichaa qunnamuuf taasise hin milkoofne. AS