DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: KMNI buqqaatonni tajaajila namoomaa gahaa hin arganne jedhe

Finfinnnee, Onkololeessa 23, 2023 – Buqqaatonni biyyattii keessatti argaman rakkoo siyaas-dinagdee garaagaraatiif saaxilamuu fi tajaajila namoomaa gahaa hin argatin jiraachuu ibseera.

KMNI gabaasa waggaa guutuu kan bara 2015 ALI Onk 20, 2023 baaseen, Itoophiyaa keessatti namoonni qe’ee irraa buqqaafaman keessaa gara dhibbantaa 80 kan ta’an sababa rakkoo nageenyaatiin eeruun buqqa’iinsa itti fufaa jiruuf furmaanni waaraa akka kennamuufi walitti bu’iinsi karaa nagaa hiikamuu akka qabu dabalee ibseera.

KMNI qorannoo naannooleee Oromiyaa, Affaar, Amaaraa, Beenishaangul Gumuz, Kibba Itoophiyaa, Giddugaleessa Itoophiyaa, fi Sopmaalee keessatti taasisuun baqattoota 368 ol ta’anii fi mooraa baqattootaa 62 daawachuun gabaasa kana qindeessuu ibseera.

Baqattoonni kunneen rakkoo akkaataa galmee fi qabiinsa sanadaa, nageenyaa fi tasgabbii, mirga socho’uu, dubartoota, daa’immanii fi maanguddoo dabalatee mirga gargaarsa namoomaa argachuu furmaata waaraa argachuu kan qabu ta’uu ibseera.

Garee fi namoota dhuunfaa jiraattota bakka jireenyaa idilee isaanii irraa buqqisanii, lubbuu namaa balleessan, qabeenya barbadeessan fi miidhaa qaamaa geessisan kana irratti tarkaanfiin itti gaafatamummaa fi  olaantummaa seeraa akka fudhatamuufi mirgi buqqaatotaa akka kabajamu gaafateera. 

Kana malees, sirna galmeebuqqaatotaafi sanada argachuun walqabtee rakkoon akka jiru eeruun kunis deeggarsa buqqaatotaaf godhamu irratti dhiibbaa geessiseera jedhe.

Gama biraatiin, maatiin tokkoda’oo meetira afur ta’u keessa waloodhaan jiraachuu isaanii irraa kan ka’e dubartootaa fi daa’imman balaadhaaf saaxilamu isaanii KMNI yaaddoo qabu ibseera.

Mootummaan deeggarsa namoomaa gahaa ta’e kan nyaataa, bishaan, bakka jireenyaa, tajaajila fayyaa fi qulqullina, barnootaa fi tajaajila hawaasummaa barbaachisoo biroo guutummaatti buqqatoottaf hatattamaan akka kennu gaafateera.

Buqqaatonni godinoota Wallaggaa rakkoo tajaajila gargaarsa namoomaa ulfaataa keessa jiraachuu Addis Stadnard gabaasaa tureera. Saffiisaan bal’achaa jiraachuu weerara busaatiin walqabatee keessumaa godinaalee lixa Oromiyaa rakkoo iulfaataa keessa jiraachuun gabaafameera. AS

Related Articles

Back to top button