DHIMMA HAWAASAASEENESSA
Trending

Seenessa: Kumsaa Morodaan Finfinneen barnoota ammayyaa osoo hin argatin dura Naqamteetti eegalchiisan – Tasfaayee Tolasaa (PhD)

Geetahun Laggasaatiin @Birmaduu2 

Finfinnee, Amajjii 04/2024 – Mootota jaarraa 19ffaa keessatti gama Lixa Oromiyaa irraa ka’an keessa tokko kan ta’an Kumsaa Morodaan magaalaa masaraa bulchiinsi isaanii itti argamu Naqamteetti siidaa isaanii ijaaruuf hojii jalqabameera. 

Ijaarsi siidaa yaadannoo mooticha Leeqaa Naqamtee Kumsaa Morodaa birrii miiliyoona 23 oliin magaalaa Naqamteetti ijaaramuu eegaluu bulchiinsi magaalichaa tibbana beeksisuun ni yaadatama. 

Mootiin Kumsaa Morodaan Afaan Oromoon akka barsiifamuu fi barnootni ammayyaa Wallaggatti akka eegalamu fi sochiin daldalaa fi hojiin ogummaa adda addaa akka Naqamteetti babal’atu qooda guddaa kan gumaachan ta’uu hayyoonni himu.  

Odeeffannoon bulchiinsa magaala Naqamtee tibbana baase akka mul’isutti, siidaan kun baasii birrii miliyoona 23.78n magaalaa Naqamtee iddoo marfata 1ffaa jedhamutti ijaarama.  

Siidaan kun kan ijaaramu “gaaffii jiraattota magaalaa Naqamtee fi uummata godinaalee Wallaggaa baroota dheeraaf gaafataa turan deebisuu yaadamee ta’uu” gabaafameera.

Kumsaa Morodaan bara 1881 masaraa mootummaa isaanii magaalaa Naqamtee keessa kan ijaarsisan yoo ta’u, masaraan kuni hanga ammaatti magaala Naqamtee ganda Bakkanniisa Qasee keeessatti argama.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Sirna jalqabsiisuu ijaarsa siidaa kanaarratti kantiibaan bulchiinsa magaalaa Naqamtee Obbo Misgaanuu Tulluu, Bulchaa Itti aanaa Godina Wallagga Bahaa Obbo Gammadaa Tafarraa, jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantaa argamaniiru.

Nutis jalqabbii hojii ijaarsa siidaa mooticha irraa ka’uun qorattoota seenaa irraa waa’ee mootii Kumsaa Morodaa fi qooda gaggaarii isaan guddina Oromiyaafi Wallaggaaf gumaachan odeeffanneerra.

Yuunivarsitii Wallaggaatti Qorataafi Hayyuu Seenaa kan ta’an Tasfaayee Tolasaa (PhD) Addis Standard waliin turtii taasisaniin akka himanitti, mootichi Kumsaa Morodaa erga Oromoon sirna Gadaatiin buluu dhiisee mootummaa abbaa gonfoo jalatti kufee mooticha Leeqaa Naqamtee sadaffaa ta’uu eeeraniiru. 

Kumsaa Morodaan akkuma abbaan isaanii mootichi Morodaa Bakaree bara 1839 lubbuun isaa darbeen aangootti ol bahuun hanga bara 1923 mootii Leeqaa Naqamtee ta’uun bulchaniiru.

Kumsaan ilma mooticha Morodaa Bakaree Godaanaati. “Kumsaa Morodaan mootii abbaa gonfoo jalatti Dajjaazmaachii ta’anii haa bulchan malee, eenyummaan Oromoofi sabboonummaan akka hin cabneef gumaacha olaanaa taasisaniiru,” jedhu Tasfaayeen. 

Akka Dr. Tasfaayeen jedhanitti, “Kumsaa Morodaan mootummootaa saba biroo naannawaa isaanii jiran waliin hariiroo gaarii uumuu mootii danda’eedha. Kunimmoo uummata isaan jalatti buluuf faayidaa guddaa argamsiiseera.”

Mootii Kumsaan, “mootummaa nafxanyaa yeroo sanaa waliin waraana keessa osoo hin galiin karaa nagaatiin hariiroo gaarii uumuun lubbuun namaa akka darbine taasisuun kan beekamu” ta’uus hayyuun seenaa kuni eeraniiru.

Mootota Leeqaa Naqamtee keessaa siidaan yaadannoo Kumsaa dhaabuun kan barbaachise “fedhii uummataatiin ta’uu ibsameera.

Hojiilee mootichi Kumsaa Morodaa hojjatan?

Akka hayyuu Tasfaayee Tolasaa (PhD) jedhanitti, Kumsaa Morodaa uummata Oromoofi hawaasa naannichaatiif oolmaa hedduu oolaniiru.

Warra ergamtoota amantaa (mishinariiwwan) dhimma bahuun naannoon Wallaggaa barnoota ammayyaa akka argatan taasiseera. “Finfinneen barnoota ammayyaa osoo hin argatin waggaa saddeet dura Naqamteetti akka eegalamu taasisuu” hayyuun seenaa kun himaniiru. 

Carraa barnootaa argatan kanatti fayyadamuun, hayyoonni akka Yilmaa Dheeressaa, Amaanu’eel Abrahaam, Abrahaam Ayyaanaafi kanneen biroo hedduun iddoo guddaa gahaniiru. 

Ogummaa harkaa kan akka sibiila tumuu, uffata dhahuu, kooraa hodhuufi kanneen biroo mirgi isaanii akka kabajamuu labsuun magaala Naqamtee keessatti iddoo hojiifi mana akka argatan taasisaniiru.

Inni kan biraa, naannoo laggeeniitti iddoo jireenya bineensota bosonaatti dallaa ijaarsisuun paarkii ijaarsisaniiru. “Yeroo kanatti warroonni adiiyyuu waa’ee paarkii sirriitti hin hubanne turetti, isaan bineesonni bosonaa akka hin adamfamneefi hin ajjeefamne dhoorkisiisaa turan,” jedhan qorataan seenaa kun.

“Kumsaan waraanatti kan hin amannee waan turaniif rakkoo jiran mariidhaan furaa turan. Rakkoo siyaas-dinagdee mootota ollaa isaatti argaman kan akka mooticha Jimmaafi Beenishaangul wajjiin jiru karaa nagaatiin furaa turan.”

“Inni kan biraa yeroo nafxanyaan lafa Oromoo saamaa turetti, Kumsaan gibira mootummaa giddu galeessaatiif erguun alatti lafa qonnaan bultootaa akka hin saamamneefi uummatichi baay’ee akka hin dararamnee gahee guddaa taphachaa turan,” jedhan Dr. Tasfaayeen.   

Kana malees, Masaraan Kumsaa Morordaa akkaataa sirna Gadaa eegeen akka ijaaramu taasisuun aadaa Oromoo calaqqisiisaniiru kan jedhan hayyuun seenaa kun, “baqattoota weerara nafxanyaa dheessuun Horroo Guduruu Arjoorraa gara isaanii yeroo dhufanitti dahoo kennuufi ture,” jedhan.  

Dabalataan, “mootichi kuni akka mootii Oromoo hacuuccaa nafxanyaa jala tureetti Oromoodhaaf oolmaa guddaa ooluu fi manneen barnootaafi buufataalee fayyaa magaala Naqamteetti ijaarsisuunn seenaa keessa shoora olaanaa taphachuu isaanii hayyuun seenaa kuni eeraniiru. AS

Related Articles

Back to top button