ODUUSIYAASA

Oduu: “Akka odeeffannoo hanga ammaa qabutti namni sababa beelaan du’e hin jiru” – MM Abiy Ahmad

Finfinnee, Guraandhala 06/2024 – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa yaa’iisaa idilee 14ffaa har’a Guraandhala 06 ganama bakka Ministira Muummee Abiy Ahmad argamanitti gaggeessee jira.  Walga’ii kana irratti MM Abiy Ahmad gaaffii miseensota mana maree irraa ka’eef deebii fi ibsa kennaniiru.

Gaaffilee MM Abiy Ahmadiif ka’an keessa tokko dhimma hongee kutaalee biyyattii adda addaa keessatti mudatee fi deebii mootummaan isaanii kennaa jiru keessaa argama.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad deebii laataniin, “akka odeeffannoon hanga ammaa qabutti namni sababa beelaan du’e hin jiru” jedhan. Itti dabaluun, “gaafa dhukkuboota busaa, garaacha itti dabalamu, sababa hanqina nyaataatiin du’u danda’u malee sababa isaatin qofa miti,” jedhan. 

Mootummaan Itoophiyaa hongee biyyattii keessatti mudateef xiyyeeffannoo hin laanne dhimma jedhame kan qeeqan mummichi ministiraa, mootummaan miidhamtootaaf deeggarsa taasisuuf birrii biiliyoona 15 baasuu himaniiru. “Misooma hir’isnee akka namni hin duune gooneerra,” jedhan. 

“Baasii kana hunda kan goonu sababa hongeetiin namoonni beela’anii akka du’an hayyamuu hin qabnu jechuudhaani” kan jedhan MM Abiy, mootummaan Itoophiyaa pirojektoota qabu tursiise uummata tumsuuf ni hojjeta jedhaniiru.

“Hongeen akka aadaa keenya, akka Adawaa waggaa dhibbaaf kan nu biraa hin badne waan ta’eef akka dhimma haaraatti kan irratti haasofnu miti. Waggoota dhibba darbaniif hongee dhufu akka malu otoo beeknu sadarkaa gahaa ta’een oomishnee namootni beelaan akka hin duune gochuu hin dandeenye,” jedhan.

Ibsa Ministirri Muummee gogiinsa ilaalchisee kenne keessatti, gogiinsi akka aadaa keenyaatti Itoophiyaaf injifannoo ta’ee waggoota dhibbaaf nu daawwachaa waan tureef akka seenaa haaraatti waan dubbannu miti. Waggoota dhibba darbaniif gogiinsi akka dhufu beeknus, namoonni beelaan akka hin duune gahaa oomishuu dadhabne jedhan.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Hongee amma biyyattii keessatti mudate “ija siyaasaatin ilaalamuu hin qabu” kan jedhan MM Abiy, “barana Itoophiyaa keessatti yeroo kamiyyuu caalaa oomisha kanaan dura argame hin beekamneetu oomishame. Qonnaan bulaa biyya keenya ammoo oomisha kana otoo qabu obboleessi kee beelaan du’aa jira yoo jedhame cal hin jedhu. Yoo mootummaan dadhabellee uummatni walgargaaree namni beelaan akka hin duune taasisa,” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button