DHIMMA HAWAASAAODUUSIYAASA

Oduu: “Dhaabbileen federaalaa qubsuma lafa lixa Tigraay jijjiiruuf yeroo hojjachaa jiran kanatti filannoon uummataa hin yaadamu” – Getaachoo Raddaa

Finfinnee Guraandhala 13, 2024 – Dhaabbileen federaalaa qubsuma lafa Lixa Tigraay jijjiiruuf hojjachaa jiraachuu eeruun filannoo uummataa (riifarandamii) gaggeessuun “kan hin yaadamne” ta’uu Pireezidaantiin bulchiinsa yeroo naannichaa Obbo Getaachoo Raddaa himan.

Geetaachoon ibsa guyyaa kaleessaa miidiyaalee naannichaatiif kenneen yeroo ammaa uummanni Tigraay dabalataan buqqaafamaa jiraachuu eeruun filannoo uummataa gaggeessuun kan hin yaadamneedha jedhaniiru. Filannoon kan adeemsifamu yoo ta’e akkaataa waliigalteen Piriitooriyaatiin heera biyyattii hordofee raawwatamuu qaba jedhaniiru.

Filannoon gaggeeffamuu dura buqqatonni qe’eesaaniitti deebisuun uummanni ofisaatiin akkaataa itiin of bulchu mijeessuufi waldhandee akka hin uumamne gochuun barbaachisaa ta’uu eereera.

Marii mootummaaa federaalaa waliin tibbana taasisan hojiirra oolmaa waliigaltee Piriitooriyaarratti kan fulleeffate ta’uu himuun namoota Tigraay lixaa keessaa buqqaafaman qe’eesanitti deebi’uu dhabuun dadhabina mootummaa federaalaa ta’uu eeraniiru. Mootummaan federaalaa hojii isarraa eegamu kan hin hojjatin ta’uu bulchaan bulchiinsi yeroo kuni dubbateera.

Waliigaltee nageenyaa dahoo godhachuun mootummaa Eritraafi biyyoota biroo waliin ta’uun mootummaa federaalaarratti badii hojjachaa jira himata jedhu mootummaan federaalaa banuu Obbo Geetachoon ibsaniiru. Ajandaan ijoo mootummaa naannichaa garuu nageenya buusuufi buqqaatota qe’eetti deebisuu ta’uu himaniiru.

Akkasumas, murteen boordiin filannoo biyyaaleessa beekamtii Adda Bilisumma Ummata Tigraay (ABUT) haquun sochii paartichi taasisaa jirurratti danqa ta’uu bulchiinsi yeroo kuni dabalee ibseera.

Dhimma kanarratti ministeerri haqaa hordoffii taasisuu deebii hatattamaa akka kennu itti gaafatamummaan itti laatamuu eeruun kunis yeroo gabaabduu keessatti raawwatamuu qab jedhaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Akkasumas, dhimmi waliigaltee Piriitooriyaarratti marii  torban dhufu keessa gaggeeffamurratti Gamtaa Afrikaa, dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi Moootummaan Afrikaa Kibbaa kan mari’atan ta’uu Geetachoon yaadachiisaniiru. AS

Related Articles

Back to top button