ODUUSIYAASA

Oduu: Hariiroon Itoophiyaa fi Chaayinaa sadarkaa tokko guddate: Pireezidaant Zhijiinpiing

suura: Biiroo MM Itoophiyaa

Finfinnee, Onkolooleessa 17, 2023 – Hariiroon Itoophiyaa fi Chaayinaa sadarkaa tokko dabaluu pireezidaantiin Chaayinaa Zhijiinpiing himan.

Zhijiinpiing kana kan jedhan walgahii Chaayinaa Beelt Roods jedhamu kan marsaa sadaffaaf Beejingitti gaggeefamaa jiru kan MM Abiy Ahmad (PhD) irratti hirmaachaa jiru irrattiidha. MM Abiyyii fi Zhiinjiinpiing waliin dhimma waloo biyyoota lamaanii irratti mari’achuu miidiyaan Chaayinaa gabaaseera.

Akkasumas, biyyoonni lamaan waliigalteewwan garagaraa 12 ta’an malatteessuun ibsame.

Abiyyii fi Zhiijinpiing erga mari’atanii booda ibsa waloo baasuun gabaafameera. Biyyoonni lamaa tarsiimoo tumsa waloo itti fufaa ijaaruuf waliigalteerra gahuu eerameera. Hariiroon Itoophiyaa Chaayinaa waggoota kurnan darban keessa ijaaran tumsa Chaayinaa fi Afrikaa keessaa isa ijoo ta’uu pireeezidaantiin Chaayinaa dubbachuun ibsameera.

Walliigaltee kanaan biyyoonni lameen misoomaa waloo saffisaa biyyoota lamaan fayyadu gaggeessuuf waliigaluu zhiijiinpiing dubbateera.

Biiroon MM Itoophiyaa, gamasaatiin, ibsa baaseen Itoophiyaan miseensa garee BRICS taatee galmaa’uun walqabtee MM Abiyyiif dhaamsa baga gammaddee dabarsuu ibsserra.

Akkasumas, hariiroon Itoophiyaa fi Chaayinaa sadarkaa tarsiimoo tumsa itti fufatti guddachuu ibseera. Piroojektii ashaaraa magariisaa Itoophiyaan gaggeessaa jirtu dinqisiifachuun Chaayinaan kan deeggartu ta’uu eereera jedhame.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Abiy invastimantiin Chaayinaa guddina diinagdee Itoophiyaatiif gama qonnaa, warshaa, teeknoolojii (ICT), misooma albuudaa, tuurizmii gahee olaanaa kan qabu ta’uu ibsuun kana caala akka misooma dabalataa akka taasisaniif waamicha taasiseera jedhame.

Haaluma wal fakkaatuun, MM Abiy MM Chaayinaa Sitr Likee Yaang wajjiin wal qunnamanii dhimma diinagdee guddisuurratti mari’ataniiru. MM biyyoota lamaanii waliigalteewwan garagaraa 12 malatteessuu ibsi biiroo MM Itoophiyaa ifoomseera. AS

Related Articles

Back to top button