ODUUSIYAASA

Oduu: Gamtaan Afrikaa waldhabdee Itoophiyaafi Somaaliyaarratti kan mari’atu ta’uu ibse

Finfinnee Amajjii 17, 2024 – Haasaa baniinsaa dura taa’aan mana maree nagaa fi tasgabbii erga taasisee booda Gamtaa Afrikaatti ergamaan Gaanaa Baankoolee Ade’ooyeefi komishinarri dhimma siyaasaa, nageenyaafi tasgabbii mana marii nagaafi tasgabbiitiif ibsa laatu jedhamee eegama. Akkasumas, bakka bu’oonni Itoophiyaaafi Somaaliyaa ibsa laatu jedhamee eegama.

Walgahiiin kuni walgahii idilee osoo hin taane waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaafi Somaaliilaandii gidduutti mallattaa’e hordofuun waldhabdeen Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti dabalaa dhufuu hordofee kan uumameedha.

Amajjii 011, 2024 MM Abiy Ahmad( PhD) fi pireezidaantii Somaaliilaand Muse Bihi Abdii giduutti waliigalteen mallatteeffamee ture. Waliigalteen kuni Itoophiyaan ulaa galaanaa kan humna bishaanirraafi buufata doonii irratti ijaarratu kan argattu yoo ta’u Somaalilaandiif Itoophiyaa imoo Somaaliilaandiif beekamtii kan keenitu ta’iuu gabaafameera.  

Somaaliyaa garuu gochaan kuni tokkummaafi birmadummaashee rratti dhiibba qaba jechuun waliigalyteen kuni fudhatama hin qabu jettee ture. Somaaliyaa dhimma kanratti akka mari’ataniif Gmata Afrikaaafi Mootummoota Gamtoomanii gaafatteerti.

Akkaata waliigaltee kanaatiin, Itoophiyaan  akka biyya of dandeesseetti Somaaliilaandiifbeekamtii kan kennitu yoo ta’e biyya jaqlabaa taati. Itoophiyaanimmoo buufata doonii barbaraa akan argattu ta’a.

Waliigalteen kunimmoo hariiroon Itoophiyaafi Somaaliyaagidduu jiru akka goolabamu taasisa. Somaaliyaan tokkummaa daangaa biyyatshee tiksuuf kan qophoofte ta’uu Pireezidaantiin Somaaliyaa himaniiru.

IGAD, gamasaatiin, dwaldhabdee kanarratti mari’achuu Amajjii 18, 2024 waamicha taasisee ture. Itoophiyaan xalayaaAmajjii 16 dura taa’aa IGADiif barreessiteen garuu maricharratti kan hin argamane ta’uu ibsiteerti.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Muussaa Faaqii Muhaammat ibsa Amajjiii 03 baaseen  biyyoonni kunneen waldhabdee akka qabbaneessan gaafachuun Somaaliyaafi Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa birmadummaafi tokkummaa daangaa waliiisaanii akka kabajan gaafatteerti.

Gamtaan Awurooppaa tokkummaa daangaafi birmadummaa Somaaliyaa akka kabajamu gaafateera. Dhaabbanni  Gamtaa Islaamummaafi Liigiin Arabaa biyyoonni seera ollummaa akka kabajaniifi birmadummaa waliisaanii kabajuun dhimma keessoo waliisaanii keessa akka hin gallee akeekkachiiseera.

Somaaliyaan dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii marii akka qopheessu gaafaattus dhaabbatichi garuu biyyoonni Afrikaa miseensa dhaabbatichaa ta’an sadiifi sanii ol walgahii akka qophaa’uuf sagalee akka dhageessisan gaafateera.

Walgahiin har’aa kanarratti biyyoonni Afrikaa sagalee kan dhageessisa n yooo ta’e Mootummoota Gamtoomanii dhiimmicha keessa galuu danda’a jedhamee eegala.

Waldhabdee uumame caalaa dhaabbanni Mootumoota Gamtoomanii taateen kuni Mul’ata Ce’umsa Somaaliyaa Gamtaan Afrikaa kaa’e kan Itoophiyaan humna waraanaa ergaa jirtuu ni fashaleessa sodaa jedhu qabu.  

Humni waraanaa Itoophiyaa Somaaliyaa keessa jiraachuun sochii Alshabaab ni guta jedhanii amanu. Alshabaab waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliiland gidduutti raawwtaame kan hin gfiudhanne ta’uu ibseera.

Kuni akkanaan osoo jiruu, bu’aa walgahii Gamtaan Afrikaa maal akka ta’e ni ifooma jedhamee eegama. Dhimmichi harka mootummoota Gamtoomanii yoo gahe waldhabdeen kuni gara waraanaatti akka hin guddanneef gaggeessitoota biyoota lamaaniirra qoqqobbiin kaa’amuu danda’a

Manni marii nagaafi tasgabbii ibsa Gamtaan Afrikaa baasu hordofuun tarkaanfii fudhavhuu danda’a. Mannimmarichaa walgahii adda ta’ee qindeessuun hoggantoota byyoota lameenii affeeruu danda’a. AS

Related Articles

Back to top button