ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Haleellaa Diroonii Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Kombolchaatti raawwatameen lubbuun namoota 8 darbe

Finfinnee, Muddee 26/2023 – Naannoo Oromiyaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa ganda Barrootti haleellaa diroonii kaleessa Wiixata Muddee 25, 2023 ganama dallaa Waldaa Muluu Wangeelii irratti raawwatameen lubbuu amantoota saddeet darbuu fi sadi madaa’uu jiraattotni himan.

Tajaajilaan gaggeessitoota waldichaa keessaa tokko kan ta’e maqaan isaa eeramu hin barbaanne Addis Standarditti akka himetti, amantootni miidhaan irra gahee dabalatee miseensonni waldaa Muluu Wangeelii Barroo hunda guyyaa Wiixata ganama irraa eegalee Boqqolloo dallaa waldicha keessa facaafamee jiru akka sassaaban beellamni qabamee ture. 

Akkaataa beellamichaan Wiixata barii irraa eegalee miseensonni waldichaa lakkoofsaan hedduu ta’an Boqqolloo gahe dallaa waldichaa keessa sassaabaa otoo jiranii gara naannoo sa’aatii 1:00tti haleellaa diroonii tasa raawwatameen namoota sassaabaa turan keessaa saddeet battaluma sanatti ajjeefamuu fi namoota sadi irratti miidhaa ulfaataa qaqqabuu himeera. 

Itti dabaluun, “namoonni sadi miidhaan qaamaa jabaa irra gahee kun yeroo ammaatti hospitaala magaalaa Kombolchaa keessatti yaalaa argachaa jiru, garuu carraan lubbuun hafuu isaanii baay’ee dhiphoodha,” jechuun ibse. 

Akka gaggeessaan waldichaa kun jedhutti, namoota ajjeefaman kunneen keessaa muuziqeessitoota waldichaa Daammanaa Likkaa (umurii 22) fi Dhugaasaa Waqkennee (umurii 21) jedhaman argamu. “Namoonni ajjeefaman kun namoota nagaa fi tajaajiltoota waldichaati,” jedhe. 

Jiraataan ganda Barroo kan biraa haleellaa diroonii waldaa Muluu Wangeelii irratti raawwatameefi ajjeechaa amantootarra gahe mirkaneessuun, guyyaa har’a Kibxata barii irraa kaasee aanicha keessa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo fi humnoota mootummaa gidduu “waraana cimaa” gaggeeffamaa akka jiru himeera. 

Itti dabaluunis, “har’a ganama waraana cimaa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo fi Raayyaa Ittisa Biyyaa gidduu adeemsifamaa jiruun sosochiin konkolaataas ta’e namootaa hin jiru. Hawaasa waldichaa dabalatee jiraatoonni ganda Barroo sirna awwaalcha namoota saddeet kana irratti sirnaan hirmaachuu hin dandeenye,” jedhe. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dhimma kana ilaalchisee hanga gabaasni kun qindaa’utti odeeffannoo gama mootummaa irraa bahe hin jiru. Odeeffannoo jiraattotni laatan kana qondaaltota mootummaa irraa mirkaneeffachuuf waajjira nageenyaa aanichaa qunnamuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne.

Waraana gama Lixa Oromiyaatti humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu yeroo garagaraatti gaggeeffamuun haleellaan diroonii godinichatti yeroo raawwatamu inni kun kan jalqabaa miti.

Baatii muraasa dura, Onkoloolessa 07 fi 08 bara 2023 [guyyoota walitti aanan ayyaanni Irreechaa magaalaa Finfinnee fi Bishooftuutti kabajamaa turetti], godina Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaalee Habaaboo Guduruu fi Kombolchaatti haleellaa diroonii raawwatameen lubbuun namoota 12 ol darbuu Addis Standard jiraattota wabeeffachuun gabaase ture. Namoota kunneen keessaa shan aanaa Kombolchaa keessatti ajjeefaman. AS

Related Articles

Back to top button