ODUUSIYAASA

Oduu: Liigiin Arabaa waldhabdee Somaaliyaafi Itoophiyaarratti torban kana keessa mari’ata

Finfinnee, Amajjii 15, 2024 – Liigiin Arabaa waldhabdee Somaaliyaafi Itoophiyaa gidduutti “guddachaa jirurratti” marii hatattamaa kan taasisu ta’uu itti aanaan barreessaa olaanaa Liigii Arabaa  Hosaam Zaakii himan.

Akka gabaasa miidiyaaleetti, walgahiin ministeerotaa kuni dhimma waldhabdee Somaaliyaafi Itoophiyaarratti toora Inteerneetiitiin Amajjii 17, 2024 gaggeeffama. Walgahicharratti dhimmi waliigalteee “seeraan alaa” Somaaliilaandiifi Itoophiyaa gidduutti mallatteeffame kan itoophiyaan ulaa Galaana Diimaa ittiin argatturratti kan mari’atu ta’a.

Morokoon walgahicha kan gaggeessitu yoo ta’u marichi kan qophaa’e gaaffii Somaaliyaan dhiyeessite hordofee ta’uu eerameera. Ejjannoo Somaaliyaa kan deeggaru ta’uu Zaakiin dubbateera,

MM Somaaliyaa Haamzaa Andii Baaree Sanbata duraa darbe akka dubbatetti, waliigalteen mallattaa’e “fudhatama kan hin qabne” jechuun Itoophiyaan dhimma keessoo Somaaliyaa keessa galuurraa akka of qusattu akeekkachiiseera.

Itoophiyaan Somaaliilaand waliin waliigaltee ulaa gaalaanaa mallatteessuu hordofee Somaaliyaan ambaasaaddarashee Itoophiyaa jiru waamuun ni yaadatama.

Misra dabalatee biyyoonni Arabaa hedduu waliigaltee kana hin fudhanneefi tokkummaa daangaa Somaaliyaatti kan amanan ta’uu ibsaniiru.

Somaaliilaand Somaaliyaarraa fottoquun ofiin bulchuu bara 1991‘tti kan eegalte yoo ta’u Itoophiyaan ulaa galaanaa Diimaa fi buufata doonii Barbaraa akka fayyadamtu Amajjii 01, 2024 waliigaltee mallatteesiteerti.

Somaaliyaan ibsa baafteen waliigalteen kuni “fudhatama hin qabnee” fi tokkummaa daangaashee tiksuuf tarkaanfii kan fudhattu ta’uu akeekkachiifteerti.

Erga Eritraan bara 1991 keessa Itoophiyaarraa fottoqxee jalqabee Itoophiyaan ulaa galaanaa malee hafuunshee ni beekama. AS

Related Articles

Back to top button