DHIMMA HAWAASAAODUUSIYAASA

Oduu: Oromiyaafi Somaaleetti hirmaattonni marii biyyaaleessaa adda baafamaa jiraachuu komishinichi ibse

Finfinnee, Amajjii 15, 2024 – Naannolee Oromiyaafi Somaaleetti hojiin hirmaattotai marii biyyaaleessaa adda baasuu torban dhufu keessa kan gaggeeffamu komiishiniin marii biyyaaleessaa beeksise.

Kutaalee biyyatti waldhabdeefi mormiin keessatti uumame keessatti mariin biyyaalessaa kana gaggeeffamu ta’uu walitti qabaan komishinicha Pirof Masfin Araayaa dubbataniiru.

Piroofeesarichi ENA’tti akka himanitii, qaamoleen qabsoo hidhannoo gaggeessaa jiran marichatti hirmaachuun rakkoo jiru karaa nagaatiin akka furan dhaamaniiru. Qaamolee fageenya taa’anii komii dhiyeessaa turan marichaatti hirmaachuuf waliigaluu eeraniiru.

Paartiin Uummata Affaar, Paartii Federaalawaa Sidaamaafi Paartiin Bilisummaa Ogaadeen paartilee marichatti hirmaachuuf waliigaltee mallatteessuu Pirof Masfin eeraniiru.

Komishinichi “qaama walaba ta’e” waan ta’eef paartii kamii waliinuu kan hojjachuu kan barbaadu waan ta’eef paartiileen hundi gara maritti dhufu qabu jedhaniiru.

Naannolee Sidaamaa, Kibba lixaa, kibba itoophiyaa, giddugaleessa Itoophiyaa, Affaar, Beenishaangul Gumuz, Gaaambeellaa, Hararii, Findfinneefi Dirree Dhawaatti hojiin hiurmaattonni adda baasuu raawwatamuu komishinichi himeera. AS

Related Articles

Back to top button