ODUUSIYAASA

Oduu: Maayik Hamar waldhabdee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu jiru akkaataa mariin furamurratti dubbachuuf gara Finfinnee Kaampaalaa imalan

Finfinnee, Amajjii 18/2024 – Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa kan ta’an Maayik Hamar Amajjii 17 hanga Amajjii 24 bara 2024 Ugaandaa Kaampaalaa fi Finfinneetti daawwannaa akka taasisan Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksise. Daawwannaa kanaan dhimma Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Sudaan irratti akka mari’atan eerameera.

Marii ariifachiisaa IGAD 42ffaa Ugaandaatti gaggeeffamu irratti argamuun hoggantoota biyyoota miseensa IGAD waliin dhimma waldhabdee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu uumame, akkasumas waraana Sudaan keessa deemaa jiru ilaalchisee akka mari’atan beeksiseera.

Oduu walqabatuun, marii ariifachiisaa IGAD Ugaandaatti har’a eegalamu irratti hirmaachuuf Pireezdaantiin Somaaliyaa Haasan Sheek Mohaammad Kaampaalaa galaniiru. Itoophiyaan gama isheetiin walga’ii har’aa irratti argamuu akka hin dandeenye ibsuun ishee gabaasuun keenya ni yaadatama. 

Ameerikaan waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu mallatteeffame hordofee waldhabdee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu guddachaa jiru karaa dippiloomaasiin hiikuuf yaalii IGAD taasisu akka dinqisiifattuu kan ibse waajjirichi, “daangaa Somaaliyaa bara 1960 daangeeffameef beekamtii akka kennitu” irra deebiin hubachiiseera.

Maayik Haamar turtii Finfinneetti taasisanittis dhimma hojiirra oolmaa waliigaltee Pritooriyaa irratti aanga’oota biyyattii waliin akka mari’ataniis ibsameera. Kana malees, waldhabdee naannolee Oromiyaa fi Amaaraatti deemaa jiraniin rakkoo nageenyaa uumaman dhaabsisuun garaagarummaa jiru mariidhaan furuuf yaalii ni taasisu jedhameera. AS

Related Articles

Back to top button