ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhimma miseensa hoggansa ABO tokko irratti Abbaa Alangaa Federaalaa qulqulleessee ibsa akka kennu ajaje 

Finfinnee, Onkoloolessa 27/2023 – Miseensa Gumii Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) kan ta’an Amaan Filee Bitootessa 07, 2020 waahila paartii isaanii magaalaa Buraayyuutti hidhamanii argaman Abdii Raggaasaa gaafachuuf wayita dhaqaniitti achumatti hidhamanii hanga ammaatti osoo hin hiikamiin jiru, dubbi himaan ABO Lammii Gammachuutu Addis Standarditti hime. 

Waliigaltee araaraa mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Oromoo gidduutti Hagayya 2018 Asmaraatti taasifame hordofuudhaan miseensota ABO bara 2018 gara biyyaatti deebi’an keessaa tokko kan ta’an Obbo Amaan Filee, akka miseensa paartichaatti godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti hojii idilee paartii isaanii hojjataa turuu fi yeroo hidhaman sanatti ammoo waajjira godina Arsii Lixaatti ramadamanii hojjachaa turuu dubbi himaan paartichaa himaniiru.

Akka Lammiin jedhanitti, Amaan erga Buraayyuutti hidhamanii booda kutaalee Oromiyaa garagaraa naanneeffamuun hidhaatti dabarsaniiru. Keessattuu Yaa’aaballoo – Mooyyalee, Meggaa fi Shaashamanneetti hidhamanii turan. Yeroo ammaa kanatti magaalaa Shaashamanneetti hidhamanii mana murtii olaanaa godina Arsii Lixaatti adeemsa dhaddacha isaanii hordofaa jiru.

Obbo Amaan Filee irratti himata shororkeessummaa irratti banamuu fi himata dabalataa bara 2018 dura damee Adda Bilisummaa Oromoo kibbaa yeroo hogganaa turanitti namoota ajjeesteetta jedhu irratti dhiyaachuu Obbo Lammiin Addis Standarditti himaniiru. 

Adeemsa mana murtii hordofaa turuudhaan Manni Murtii Waliigala Oromiyaa murtii balleessummaa erga irratti murteesse booda, himatamaan Amaan Filee gara mana murtii federaalaa dhaddacha Ijibbaataatti ol iyyannoo fudhatanii turan. Manni murtii Ijibbaataas akka manni murtii waliigala Oromiyaa himatamaa kanaaf dhiifamni godhamuufi dhiisuusaa ragaa barbaachisuun falmisiisee murtii barbaachisu akka kennuuf gadi deebise ture. 

Kana hordofuudhaan manni murtii waliigala Oromiyaa dhaddachi kibbaa xalayaa Onkoloolessa 19, 2023 Abbaa Alangaa Federaalaatti barreesseen abbaan alangaa dhimmoota muraasa irratti qulqulleessee deebii akka dhiyeessuu gaafateera. 

Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa xalayaa kanaan abbaan alangaa dhaabni siyaasaa ABOn himatamaan kun “miseensa hoggansa dhaabichaa ta’ee yakka hojjeteera’ jedhamee himatame kun bu’uura labsii 1069/2010’n dhiifamni godhamuufi dhiisuu isaa akka qulqulleessee mirkaneessu gaafateera. Yoo dhaabichaaf dhiifamni godhameera ta’e, dhimmi namoota ‘hoggansa dhaabichaa ta’anii yakka raawwataniiru’ jedhamanii himataman akkamitti akka ilaalamuus gaafateera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Abbaan Alangaa Federaalaa dhimmoota kana qulqulleessee karaa Komishinii Poolisii Oromiyaatin dhaddachaaf akka dhiyeessu gaafateera. Haaluma kanaan dhimma kana ilaaluuf Sadaasa 02, 2023tti beellameera. AS

Related Articles

Back to top button