ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Mariin  hidha haaromsaa  marsaa 4ffaa waliigaltee malee goolabame

Finfinnee, Muddee 20, 2023 – Mariin gar-sadee dhimma hidha haaromsaarratti Finfinneetti gaggeeffamaa ture milkii malee xumuramuu ministeeroonni Itoophiyaafi Misraa beeksisan. Biyyoonni lamaan waliisaanii komatan.

Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa ibsa baaseen, marichi kan milkaa’uu dhabe sababa Misra “xiinsammuu koloneeffannaa qabduu” fi “adeemsa marichaatti danqaa taateefiidha.” Ministeerichi milkaa’uu dhabuu marichaatiif Misraa komate.

Mariin gartuu sadii dhimma hidha haaromsaa Sudaan, Itoophiyaafi Misra irratti hirmaatan Muddee 17 -19, 2023 Finfinneetti gaggeeffamaa tureera.

Itoophiyaan waldhabdee biyyoota yaa’a gadii waliin qabdu fedhii qabaachuu eeruun ilaalchi koloneeffannaa Misra marichi akka hin milkoofne taasiseera jedhe.

Itoophiyaan bishaan laga Abbayyaa walqixxummaadhaan akka fayyydamaniif malee mirga Misraa lbishaanichatti fayyadamuu daangeessuuf akka hin taane ministeerichi ibseera.

Haaluma wal fakkaatuun, ministeerri dhimma alaa Misraa, gamasaatiin, ibsa baaseen mootummaan Itoophiyaa chaaratroota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaa Afrikaa hin hordofne jechuun mootummaa Itoophiyaa komate.

Akkasumas, ibsi mootummaan Masrii karaa ministeera bishaanii fi jallisiin baaseen mariin hidha haaromsaa marsaa afraffaa gaggeeffamaa ture bu’aa malee xumuramuu isaa beeksisuun milkaa’uu dhabuu marichaatiif Itoophiyaan sababa taateerti jedheera. Itoophiyaan furmaata teeknikaa fi seeraa biyyoota sadan fayyadu dhiyaatee ture fudhachuuu diduu himeera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Itoophiyaan waliigalteewwan idil-addunyaa laggeen daangaa ce’an irratti taasifaman tuffachuun bishaan Abbayyaa to’annaa jala fi daangaa malee fayyadamuu akka barbaaddu ta’uuministeerichi ibseera. Itti dabaluun, Itoophiyaan marii kana hanga haalli lafarra jiru jijjiiramutti yeroo bitachuuf kan itti fayyadamuuf hojjacaha jirti jedheera.

Akkaataa guuttaa bishaanii hidhichaafi bulchiinsa bishaanichaa itti dhiyeenyaan hordofuu kan itti fuftu ta’uu Misra himteerti. AS

Related Articles

Back to top button