DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Buqqaatonni Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabarat 10,000 ol ta’an “beela hamaaf” saaxilaman

Geetahun Laggasaatiin @Birmaduu2

Finfinnee, Muddee 20, 2023 – Jiraattonni Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabarat 10,590 ta’an gandoota aanichaa 22 keessaa sababa rakkoo nageenyaatiin qe’eesaanirraa buqqaafaman gaaga’ama namoomaa hammaataa keessa jiraachuu aanga’oonniifi jiraataan godinichaa himan.

Xalayaa bulchaa godinichaa Obbo Geetuu Taaddasaa Abdiitiin chaappeeffame kan dhalattoota aanaa Gindabaratiif barreeffame Addis Standard qaqqabe akka mul’isutti, jiraattonni gandoota aanichaa irraa buqqaafamanii magaala aanichaa kan taate magaala Kaachis keessa qubataniii argaman rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu ibseera.

Buqqaatonni kunneen rakkoo tajaajila nyaataa, mana jireenyaafi fayyaa kan hin arganne waan ta’eef beela hamaaf saaxilamuu xalayichi addeesseera.

Xalayaan bulchaa godinichaatiin barreeffame, “[Nmaoonni] Qe’eefi qabeenya isaa irraa buqqa’ee magaalaa aanaa qubachuun rakkoo beela hamaafi dhibee adda addaan dararamaa jira,”jechuun hanga ammaatti bulchiiinsi aanichaa  gargaaraa kan ture ta’us kana booda humna isaatii ta’uu ibsuun dhalattoota aanichaa biyya garaagaraa keessa jiraatan gargaarsa gaafachuuf kan dirqame ta’uu ifoomseera.

Rakkoon jiru ulfaataa ta’uu ibsuun dhalattoonni aanichaa biyya garaagaraa jiran “haadhaafi abbaa” isaanii akka gargaaran gaafatameera.

Jiraataan aanichaa kan bilbilaan Addis Standard dubbise akka himetti rakkoon nageenyaa aanicha keessa jiru jiruufi jireenya uummataa ulfaataa taasisuu himeera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Konkolaataan daandiirra darbuu hin danda’u. Qaama eenyummaan isaa hin beekamnetu abiddaa guba,” jechuun tajaajilli geejjibaa guutumattiaddaan cituun walqabatee qonnaanbulaan omisha isaa gabaa baafachuu hin dandeenye jedheera.

Gandoota aanichaa lakkoofsaan 34 ta’an keessaa 22 kan ta’an rakkoo nageenyaa ulfaataa keessa jiraachuu jiraataan kuni himeera. Gandoota 22 kana keessa tajaajiloonni bu’uuraa kan hin jirre ta’uu eeruun jiraattonni rakkoo fayyaafi nageenyaa ulfaataa keessa jiru jedheera. Buufanni fayyaa qoricha of keessaa hin qaban waan ta’eef tajaajila fayyaa hin llaatan waan ta’eef jiraattonni kunneen rakkoo fayyaa ulfaataa keessa jiraachuu addeesseera.

Namoota qe’eesaanirraa buqqa’anii magaala Kaachisaa keessa qubataniin alatti namoonni gandoota keessa jiraatan tajaajila bu’uuraa kamiyyuu kan hin arganne ta’uu dubbateera.  

Rakkoo nageenyaa jiru ulfaataa ta’uurraa kan ka’e geejjibniifi daldalli magaalaa tokkoo gara magaala biraatti taasifamuu addaan citeera waan jiruuf daldalli magaaala tokkoo gara magaala biraatti gochuun kan hin danda’amne ta’uu himeera.

Waraana humnoota mootummaafi loltoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti godina Shwaa Lixaa keessatti gaggeeffamuun walqabatee haleellaawwaan garaagaraa yeroo garaagaraatti gaggeeffaman lubbuun lammiilee nagaa dabarsaa, qabeenyaa barbadeessaa jiraachuu addis Standard gabaasaa tureera. AS

Related Articles

Back to top button