ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: MM Abiy Baankii Misooma Afrikaatin dhiifama gaafachuu isaanii hordofee baankichi hojjettoota idil addunyaa gara Itoophiyaa deebisuuf murteesse

Finfinnee, Amajjii 19/2024 – Ministirri Mummee Abiy Ahimad “mootummaa Itoophiyaa bakka bu’uun” Baankii Misooma Afrikaa “ifatti dhiifama gaafachu” isaanii hordofee baankichi hojjettoota isaa idil addunyaa hunda gara Itoophiyaatti deebisuu fi hojii idilee Itoophiyaa keessa gaggeessu itti fufuuf murteessu beeksise.

Baankichi Obkoloolessa 2023 keessa hoji gaggeessaa baankichaa damee Itoophiyaa Dr Abdul Kamaaraa dabalatee hojjettoota isaa lama irratti Finfinneetti qaamolee nageenyaa mootummaatin haleellaa raawwatamuu hordofee mootummaa Itoophiyaaf xalayaa barreessuun qorannoon akka gaggeeffamu gaafatuus mootummaan bu’aa qorannoo isaa ifa gochuu dhabuu eeruun baatii Muddee darbe  hojjettoota isaa idil addunyaa Itoophiyaa keessaa baasuuf murteesse ture. 

Yeroo haleellaan kun raawwatamu baankichi mootummaa Itoophiyaaf xalayaa komii kan barreesse yoo ta’u, mootummaanis atattamaan qorannoo gaggeessee bu’aa qorannoosaa akka ifa godhu ibse ture. 

Haata’u malee, “mootummaan Itoophiyaa qorannoo qaamolee nageenyaa haleellicha raawwataniiru jedhaman irratti gaggeeffame baankichaaf qooduu dhabuu isaatinii fi hojjettoota biratti gama nageenyaan amantaa guutuu argachuu dhabuu isaatin,” baankichi hojjettoota isaa idil addunyaa Itoophiyaa keessaa baasuuf murteessuu baankichi yeroos beeksise ture..

“Walgahii Ministira Muummee Abiy Ahimad fi Pirezidaantiin Baankii Misooma Afrikaa Doktar Adesinaa gidduutti taasifameen, akkasumas dhiifama mootummaan Itoophiyaa gaafate fi MM Abiy taatee yeroo darbe uumame furuuf waadaa cimaa galuu isaanii hordofee Baankiin Misooma Afrikaa amma Itoophiyaatti hojii idilee isaa ni eegala. Hojjettoonni idil-addunyaa baankichaa hundi gara Itoophiyaatti ni deebi’u,” jedheera baankichi.

Baankichi yeroo jalqabaaf yaada kenneen, “mootummaan Itoophiyaa dhimma maallaqa gara Baankichaatti dabarfamuu osoo qabu bade irratti qorannoo gaggeeffamu irratti Baankicha waliin guutummaatti tumsuuf waadaa galeera” jedhe.

Ministirri Muummee Abiy gama isaaniin bal’inaan osoo hin ibsin fuula X irratti “Baankii Misooma Afrikaa waliin tumsi qabnu tattaaffii wabii nyaataa Itoophiyaa mirkaneessuuf taasisnuuf barbaachisaadha. Deeggarsa obboleessa koo Pirezidaantii Baankichaan hariiroo keenya cimsuuf kutannoo qabna,” jedhan.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Baankiin Misooma Afrikaa baatii Hagayya 2023 keessa Itoophiyaaf deeggarsa maallaqa dolaara miiliyoona 84.3, Itoophiyaatti oomisha qamadii fooyyeessuu fi galii qonnaan bultoota dabaluuf oolu kennuu isaa ni yaadatama.  

Deeggarsi kun Fandii Misooma Afrikaa irraa sirna biyyoota galii gadi aanaa qabaniif liqii laafaa kennuun doolaara miiliyoona 54, Mootummaa Nezerlaand irraa doolaara miiliyoona 20, dhaabbata daldala qonnaa OCP Afrikaa irraa doolaara miiliyoona 10, fi Giddugala Madaqsuu Addunyaa irraa doolaara kuma 300 kan of keessaa qabu ta’uu ibsameera. AS

Related Articles

Back to top button