ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Pireezdaantiin Masrii Abdal Fattaah Al-Sisii deeggarsa Somaaliyaatif qaban ibsuun kallattiidhaan Itoophiyaa doorsisan

Finfinnee, Amajjii 22/2024 – Dhuma torbee darbetti Pirezdaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waliin masaraa isaanii Kaayiroo argamutti kan mari’atan Pireezdaantiin Masrii Abdal Fattaah al Siisii, haasaa godhaniin Itoophiyaa doorsisaniiru.

Al Sisiin haasawaa kaleessa taasisaniin, “ergaan ani Itoophiyaaf qabu, yaaliin lafa Somaaliyaa xiqqollee to’achuuf godhamu eenyuyyuu kan hin fudhanne ta’uu isaati,” jechu isaanii Rooyitars gabaaseera.

Pireezidaant al-Siisiin, Pirezidaantii Somaaliyaa waliin masaraa isaaniitti ibsa waloo kennaniin, “Masrii hin qorinaa, obboleeyyan ishees akkasuma; keessattuu Somaaliyaan gidduu akka seennuuf yoo nu gaafatte duubatti hin jennu” jechuun akeekkachiisaniiru.

Biyyi isaa guutumatti Somaaliyaa akka deeggartu kan ibsan al-Sisiin, waliigalteen Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduutti taasifame “fudhatama hin qabu” jedhaniiru. “Somaaliyaa irratti haleellaan kamuu akka raawwatamu hin hayyamnu, abbaan biyyummaa Somaaliyaa eegamuu qaba,” jedhan.

Oduu walqabatuun, ibsa Pireezdaantii Masrii hordofee Gorsaan Nageenyaa MM Abiy Ahimad kan ta’an Redwaan Huseen ergaa fuula X isaanirratti maxxansaniin, “qaamoleen Somaaliyaan yeroo rakkoo keessa turtetti hin deeggarre, garuu amma michuu fakkaatanii dhiyaachuuf yaalan ka’umsi isaanii miira diinummaa Itoophiyaaf qabanidha,” jechuun qeeqaniiru. 

“Ajandaan ijoo isaanii naannichatti tasgabbii fi nageenya mirkaneessu osoo hin taane waldhabdee fi rakkoo uumuudha,” jedhan Ambaasaaddar Redwaan.

Itoophiyaan kutannoo nageenya Somaaliyaatiif qabdu dhiigaa fi dafqa ijoollee ishee qaqqaaliin ifatti agarsiifteetti kan jedhan Ambaasaaddar Redwaan Huseen, waliigalteen Itoophiyaan Somaalilaand waliin mallatteessite waliigaltee walta’iinsaa ulaa galaanaa isheef argamsiisu malee “daangaa fi abbaa biyyummaa biyya biraa kan cabsu miti” jedhaniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button