DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Sirni barnootaa oolmaa daa’immanii barana eegalee hojiirra oole maatii barattoota biratti komii kaase

Finfinnee, Amajjii 22/2024 – Sirna barnootaa (kaarikulamii) oolmaa daa’immanii bara barnootaa kanarraa eegalee hojiirra oole maatii barattoota biratti komii uumuu ibsame. Sirni barnootaa oolmaa daa’immanii (KG) baay’inaan afaan dhalootaa fi tapha irratti xiyeeffata jedhame kun, daa’imman lakkoofsa hanga 20 jiran qofa akka baratan kan daangeessu ta’uu BBCn kitaaba Biiroo Barnoota Finfinnee qopheesse eeruun gabaaseera.

Qajeelfamni barsiisotaa Biiroon Barnoota Magaalaa Finfinnee qopheesse sababni jijjiirraa sirna barnootaa kanaa kitaabonni kanaan dura turan “cimaafi qabiyyee hedduu kan qabatan” ta’uu eeruus, qabiyyee barnoota fudhatan hir’isuun isaa barattootni “gahumsa isaanii gadi akka baratan taasisaa jira” jedhamuun komii irratti ka’eera. 

Itoophiyaatti bara kanarraa kaasee barattoonni oolmaa daa’imanii afaan Ingilizii barachuu dhaabaniiru kan jedhe gabaasichi, daa’immaan keessumaa kanneen magaalaa Finfinnee keessa jiraniifi gara manneen-barnootaa dhuunfaatti baratan akka kanaan duraa maqaasaanii Ingiliffaan barreessuu shaakaluun hafuu ibse.

Barattoonni oolmaa daa’immanii akka kanana duraa qubee afaan Ingilizii A, B, C, D,.. yeedalootiin lakkaa’uu fi barnoonni akka ‘Spoken English’ fi ‘English Literature’ jedhaman barnoota ‘KG’ keessaa haqamuu akeekeera. 

Akkaataa hoj-maata Ministeera Barnootaatiin barattoonni afaan Ingilizii akka gosa barnootaa tokkotti barachuu kan jalqaban kutaa tokkoffaa yeroo qaqqabanittidha.

Sirni barnootaa haaraa barnoota Ingiliffaa ‘KG’ keessaa hambise kun garuu maatii barattootaa biratti fudhatama akka hin arganne BBCn maatii barattoota dubbise wabeeffachuun gabaaseera. 

Bara barnootaa kanarraa kaasee hojiirra oolaa kan jiru sirni barnootaa haaraa kun, daa’imman kan baratan gosa barnoota garagaraatti kan qoodame osoo hin taane, barattoonni oolmaa daa’immanii bara jalqabaa ‘Qabatamoo’ Waa’ee koo, Mana koo, Maatii koo, Mana-barumsaa koo fi Naannoo koo jedhaman akka baratan ibsameera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Barattoonni oolmaa daa’immanii sadarkaa lamaffaa kan baratan keessatti ammoo waa’een “Waaliyaa”, “Hawaa”, “Biqiltoota”, fi “Geejjiba” kanneen jedhan keessatti argamu.

Baranarraa kaasee barattoonni KG kan baratan irra caalaan tooftaa taphaa, faaruufi hibboo, oduu durii ykn sheekkoon ta’uu kan ibsu gabaasichi, qajeelfamni barsiisotaa hojiirra oolmaa sirna barnootichaatiif jecha Biiroon Barnoota Magaalaa Finfinnee baase, “daa’imman kan barata taphaanidha,” akka jedhu eereera.

Kana malees, akka kaarikulamii haaraa kanatti daa’imman turtii waggaa sadii keessatti lakkoofsa kana baratan hanga 20tti ta’uu ibsameera. 

Oduu walqabatuun, Ministeerri Barnootaa gosoonni barnootaa qormaataa biyyaalessaa kutaa 12ffaaf kennaman dameewwan lameeniin ja’a ja’a akka ta’an murtaa’uu beeksiseera.

Gosni barnootaa kunneenis barattoonnni damee Saayinsii Umamaa, qormaata Afaan Ingilizii, Herreega, Fiiziksii, Keemistirii, Baayoloojii Fi Iskoolaastik Apitiitiyuudii akka fudhatan murtaa’eera. Akkasumas barattoonni Saayinsii Hawaasaa, Qormaata Afaan Ingilizii, Herreega, Seenaa, Ji’oogiraafii, Ikkoonoomiksii fi Iskoolaastik Apitiitiyuudii akka fudhatu. AS

Related Articles

Back to top button