DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: MM Abiy FAOtiin badhaafamuun] hordofee namoonni yaada garaagaraa calaqqisiisaa jiru

Finfinnee, Amajjii 30, 2024 – Dhaabbanni Nyaataafi Qonnaa Mootummoota Gamtoomanii “dandeettii bulchiinsaafi kutannoo wabii nyaataatiif qabuuf” MM Itoophiyaa Abiy Ahmadiif(PhD) badhaasa olaanaa Agricola jedhamu badhaaseera.

Akka  dhaabbatichaatti, badhaasni kuni badhaasa kabajaa “namoota omisha midhaan itti fufaa, wabii nyaataa mirkaneessuufi tumsa idiladdunyaatiif kutannoofi gargaarsa olaanaa agarsiisaniif laatamu” MM Abiyyiif laateera.

Sirna badhaasaa magaala guddoo Xaaliyaanitti Sanbata Guddaa darbe erga fudhatee booda MM Abiy Ahmad ergaa karaa X’tiin dabarseen, dhaabbatichi “tattaaffii nuti wabii nyaataatiif gochaa jirruuf badhaasni olaanaa Agricola beekamtii nuuf kenneef” kan galateeffatu ta’uu ibseera.

“Xiyyeeffannaan nutimiidhaan gatii guddaa qabaniifi warshaadhaaf barbaadaman omishuurratti goone bu’aa gaarii argamsiisaa jiruufi walabummaa nyaataatiif kutannoon hojjachuu itti fufna,” jedheera.

Deeggartoonni Abiy Ahmadiin badhaasni kuni karoora omisha qamadiitiin of danda’uuf taasifamaa jiruu “beekkamtii kennamuu malu” jechuun leellisaniiru.  

Gorsaan dhimma alaa MMfi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu’aan Itoophiyaa kan ta’e Taayyee Atsqasillaasee beekamtii Abiyyiif kenname kana jajeera.

Haa ta’u malee, Itoophiyaa keessatii namoonni beelaafi hongeedhaan hubamaa jiru jechuun badhaasa kanarratti qeeqa kan kaasanis jiru. Gabaasaawwan dhaabbileen garaagaraa baasan akka agarsiisutti, Itoophiyaatti namoonni lakkoofsaan huddeee ta’an beelaaf saaxilamuu ibsaniiru.

Itoophiyaatti lammiileen miliyoona 6.6 gargaarsa midhaan nyaataa barbaadu. AS

Related Articles

Back to top button