ODUUSIYAASA

Oduu: Qondaalli Somaaliilaand dubbiin seenaatarri Ameerikaa Ilhaan Omar “haasaa loogii sabummaatiin guutame” jechuun morman

Finfinnee, Amajjii 30, 2024 – Qondaalli Somaaliilaand haasaa seenaatarri Rippbaliikanii Ameerikaa Ilhaan Omar taasifte ”dubbii loogii sabummaatiin guutameedha” jechuun mormaniiru.

Ilhaan Omar, gamasheetiin, haasaan dhimma Somaaliyaafi Itoophiyaarratti kutaa magaalaa MIiniyaappoolisitti taasise, “karaa sirrii hin taaneen” hiikameera jetteerti. Ilhaan Omar haasaa taasifteen dhalattoota Somaaliyaatiif gargaarsa kan gootu ta’uu waadaa galteerti. Haa ta’u malee, boodarra dubbiin koo “dogoggoraan” hubatameera jechuu Washington Times gabaseera.

Akka suura-sagaleen haasaa Ilhaan Af-Somaaliitiin taasifte agarsiisutti, Ilhaan “hojiin jalqabaa” guyyaa “namoonni afaan Somaalii dubbatan” hundi biyya Somaaliyaa tokko itti ta’an kan arguu ta’uu dubbatteerti.

Itti aantuun ministeera alaa Somaaliilaand Roodaa Elmii “haasaa Ilhaan taasifte “ajaa’ibsiisaafi riifaasisaadha” jetteerti.

“Haasaan isheen taasiftee itti gaafatamummaa isheefi kutaa biyyaa isheen bakka buutuu kan hin madaalle,” jechuun  “haasaan isheen taasifte safuu kan hin qabneefi dhugaa lafarra jiru hubannoo keessa kan hin galchine,” ta’uu Roodaan ergaa karaa X dabarsiteen ibsiteerti.

Aadde Roodaa Elmiin erga Somaaliilaand bara 1991 Somaaliyaarraa fottooqxee eegalee Somaaliilaand bakka bu’uun tajaajilaa turteerti. Haa ta’u malee, Somaaliilaand hanga yoonaatti hawaasa addunyaarraa beekkamtii hin arganne.

Mootummaan Itoophiyaa dhiyeenya kana waliigaltee ulaa galaanaa Somaaliilaand waliin mallatteeseera. Akkaataa waliigaltee kanaatiin, Somaaliilaand Itoophiyaarraa beekkamtii kan argattu ta’a. Mootummaan Somaaliyaa waliigaltee kana kan mormu ta’u ifatti ibseera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti manni marii nagaafi tasgabbii dhimma Itoophiyaafi Somaaliyaarratti Wixata darbe mari’ateera. Gamtaa Afrikaatti ergamaan Gaanfa Afrikaa Oluseeguun Obaasaanjoo biyyoota lamaan araarsuuf ni bobba’a jedhame eegama.

Ilhaan Omar dhimma Somaaliilaandiif Itoophiyaarratti haasaa kan taasifte yoo ta’u Somaaliyaan naannoo Itoophiyaa Ogaadan kiyya kan jettu yoo ta’u, akkasuma Keeniyaa waliinis waldhabdee daangaa ni qabdi.

Haasaan Ilhaan Omar taasifte kuni “namoota hedduu mufachiiseera jechuun manni marii Ameerikaa amala ishee agarsiiifte kana ilaalacha keessa akka galchu gaafatteerti.

Ilhaan gamasheetiin, haasaan isheen taasifte “guutumatti dogogoraan hiikameera” jetteerti. AS

Related Articles

Back to top button