ODUU

Oduu: Naannoo Tigraayitti manneen barnootaa 522 humnoota garaagaraatiin dhuunfatamanii akka argaman komishiniin naannichaa beeksise

Finfinnee, Guraandhala 13, 2024 – Naaannoo Tigraayitti manneen barnootaa 105 keessa buqqaatonni qubatanii kan argaman yoo ta’u 522 immoo humnoota garaagaraatiin dhuunfatamanii akka argaman komishiniin too’annoofi eegumsa balaa tasaa beeksise.

Komishiniinichi kana kan jedhe ibsa koree miseensota bu’oota uummataa naannichatti daawwannaa taasisaa jiruuf ibsa yeroo kennuuttiidha.

Komishinichi ibsa yeroo kennetti, manneen barnoota 105 ta’an keessatti baqattoonni qubatanii kan jiran yoo ta’u kan 522 ta’an immoo humnoota garaagaraaatiin dhuunfatamanii kan argaman ta’uu himeera.

Koreen miseensota bakka bu’oota uummataa kan Diimaa nagawootiin (PhD) durfamu waraana naannichatti mudatee tureen walqabatee gaaga’ama namoomaa naannichatti mudate daawwachuuf gara naannichaa yeroo imaletti ta’uu eerameera.Akkasumas, ibsa ogeeyyiin komishinii naannichaa dhiyeessee korichi dhaggeeffateera.

Manneen barnootaa akka mooraa baqattootaatti tajaajilaa jiraachuufi humnoota garaagaraatiin too’atamuunsaanii adeemsa baruufi barsiisuurratti danqaa ta’uu komishinichi ifoomseera.

Hoongee naannichatti itti fufee jiruun walqabatee aanaalee 36 hongeen miidhamuufi jiraattonni miliyoona 1.5 ta’an hubamuu ogeessi komishinarri komishinichatii ogeessii gamaaggama balaa tasaa Obbo Fissahaa Baaraakii ibseera.

Naannichatti lafti qonnaa heektaara 1.3 kan facaafamuu malu keessaa 49% qofa facaafamuu himameera. Akkasumas, buufataaleen fayyaa 335 barbadaa’uun hawaasni dhibee akka busaa, Taayfasiifi dhibee saree maraatteetiif saaxilamuu komishinichi addeessseera. Kana malees, dhibeewwan hir’ina nyaataatiin dhufan hammaachaa dhufuu eerameera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Rakkoon naannichaa mudate ufaataa ta’uu eeruun duulli qindaa’aa kan barbaadu ta’uu walitti qabaan koree dhimmaa alaafi nageenyaa Diimaa Nagawoo (PhD) dhaamaniiru. AS

Related Articles

Back to top button