DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Sagantaan barnoota gannaa addaan cite yeroo dhiyootti furmaata argata: Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Guraandhala 13, 2024 – Sagantaan barnoota gannaa addaan cite “yeroo dhiyootti furmaata kan argatu” ta’uu ministeerri barnootaa beeksise. Barattoonni eebbifamuuf waggaa xumuraarra turan barnootasaanii bara kana keesssa akka xumuraniif taasifama.

Sagantaan barnoota gannaa akka addaan citu murteen ministeerichi dabarse jireenyasaanirratti dhiibbaa uumuu barattoonni sagantichaa Addis Standard’tti himanii ture.

Ministeera barnootaatti hoggantuun misooma barnootaa Assaggadach Mireessaa wabeeffachuun FBC’n akka gabaasetti, rakkoo ture furuuf karoorfcahuun hojiin eegalamuu himaniiru. Karoora kana hojiirra oolchuuf odeeffannoon barattoota sagantaa gannaa turanii walitti sassaabamaa jira jedhaniiru.

Yuunivarsitii sagantaa gannaa kana kennaa turan wajjiin guyyoota 15 itti aananii dhufan keessatti mariin kan gaggeeffamu ta’uu Aadde Assaggadach ibsiteerti.

Kana malees, marattoonni eebbifamuuf waggaa xumuraarra gahanii turan sagantaa barnoota saanii bara kana keesssa akka xumuraniif kan hojjatamu ta’uu eeruun murtee dhumaa guyyoota 45 keessatti kan ifoomfamu ta’uu eeraniiru.

Addaan cituu sagantaa gannaa hordofee barsiisonni kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti argaman lakkoofsaan hedduu ta’an sagantaa gannaa hordofaa turan rakkoo keessa galuu Addis Standard gabaasee ture. Barsiisonni kunneen baasii yeroofi qarshii hin barbaachifne keessa galuu ibsaniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button