ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Obbo Taayyee Danda’aan hanga ammaatti mana murtii hin dhiyaanne; Abukaatoo akka hin qunnamne dhorkamuu maatiin himan

Finfinnee, Muddee 15/2023 – Guyyoota muraasaan dura aangoorraa kaafamanii to’annoo seeraa jala kan oolan Deetaa Ministira Nageenyaa Itoophiyaa duraanii Obbo Taayyee Danda’aa, erga hidhamanii guyyaa sadi ol ta’uus hanga ammaatti mana murtii akka hin dhiyaanne, abukaatoo isaaniif dhaabachuu barbaadan waliinis akka hin qannamne dhorkamuu maatiin Addis Standarditti himan. 

Waggoota lamaa oliif Deetaa Ministira Nageenyaa Itoophiyaa ta’uun tajaajilaa kan turan Obbo Taayyee Danda’aa qeeqa cimaa tibbana mootummaa irratti dhiyeessan hordofee Muddee 11, 2023 xalayaa MM Abiy Ahimad irraa barreeffameen aangoo isaanirra kaafamuu, akkasumas guyyaa tokko booda ammoo to’annoo jala ooluu isaanii ni yaadatama. 

Haadha warraa Obbo Taayyee kan ta’an Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo Addis Standarditti akka himanitti, abbaan warraa isaanii waajjira qorannoo yakka olaanaa federaalaa magaalaa Finfinnee naannoo Meeksikoo jedhamuun beekamutti erga hidhaman guyyoota muraasa lakkoofsisuus hanga ammaatti “fagoorra ilaaluu malee” itti dhiyeenyaan dubbisuu akka hin eeyyamamneef himaniiru. 

“Guyyaa jalqabaa eessa akka jiru argachuu hin dandeenye. Guyyaa lammaffaa ammoo nyaata qabadhee deemuus arguun dhorkamee deebi’e. Sadaffaarra mana hidhaa keessa jiru deemeen fagoottan argee malee, itti dhiyaadhee dubbisuuf naaf hin eeyyamamne,” jedhan.

Maatii isaanii qofa osoo hin taane abukaatonni Obbo Taayyeef dhaabbachuu fedhii agarsiisan akka isaan hin qunnamne dhorkamuus himaniiru. “Abukaatonni baay’ee isaaf dhaabbachuuf fedhii agarsiisuun qunnamuuf gaafatanii turan. Garuu eeyyama hin arganne. Adeemsi mana murtiis hin jalqabamne,” jedhan.

Obbo Taayyeen abbaa ijoollee lama [umurii lamaafi torba] yoo ta’an, wayita to’annoo jala oolanitti ijoollee isaanii dabalatee miseensonni maatii isaanii saddeet ta’an mana keessa turuu haadha warraa isaanii himaniiru. 

Aadde Sintaayyoon haala sakatta’insa Wiixata galgala mana isaanitti taasifamaa ture ilaalchisee wayita yaadachiisan, Wiixata halkan keessa naannoo sa’aatii shan hanga kudhanitti sakatta’insi taasifamaa turuu ibsuun, “taateen kun hundu wayita raawwatamu ijoolleen isaanii argaa waan turaniif xiin-sammuu isaanirratti dhiibbaa guddaa geessisuu” himan.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Ijoollee abbaan keenya eessa jira jedhanii na gaafachaa jiru. Xiin-sammuun isaanis hedduu miidhameera, barnootas addaan kutaniiru.”

Kana malees, Obbo Taayyeen erga to’annoo jala oolanii booda maatinsaanis mana mootummaan kenneefii keessa jiraataa turan keessaa guyyoota sadi gidduutti akka bahaniif ajajni itti kennamuu hordofee guyyaa kaleessa ganama naannoo sa’aatii 3:30tti mana isaanirraa baafamuu fi manichi saamsamuu himaniiru.

“Ammaaf meeshaa muraasa fi wayyaa uffannu qabannee gara mana firaatti dheessineerra. Meeshaa hafe akkuma jirutti mana wajjiin saamsameera,” jedhan aadde Sintaayyoon.

Meeshaalee yeroo sakatta’insi raawwatametti mana isaanii keessa argame jedhamanii fi himannnaa “qaamolee farra nageenyaa waliin mootummaa fi paartii isaanirratti shira hojjechuu” jedhu mootummaan ibsa isaatin irratti dhiyeesse ilaalchisee Aadde Sintaayyoon “fudhatama hin qabu jechuun yaada isaanii Addis Standarditti himaniiru.

“Himannaa irratti deemaa jiru kun baay’ee nu ajaa’ibeera. Obbo Taayyeen nama paartii isaaniif kufanii ka’anii aarsaa kaffalaniidha. Akkasumas nama seera itti bulmaataa paartii isaanii kabajani. Meeshaalee waraanaa [qawwee kilaashikoovii fi shugguxii], akkasumas gabatee konkolaataa hunda mootummaatu itti kenne. Akka inni seeraan ala qabateetti himuun sirri miti,” jedhan. 

Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii ibsa Kibxata darbe baaseen, “Obbo Taayyeen faallaa itti gaafatamummaa ummataa fi mootummaa irraa itti kennameen, humnoota farra nagaa Itoophiyaa diiguuf hojjetan waliin ta’uun ergama diigumsaa osoo hojjechaa jiran argamaniiru,” jedhe ture. Kana malees, “jeequmsa fi hidhannoon mootummaa kuffisuuf hojjechaa akka turan bira gahameera,” jedhe. AS  

Related Articles

Back to top button