ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti “haleellaa hidhattota Faannootin” lubbuun namoota 13 darbe

Abdii Biyyansaatin  @ABiyenssa 

Finfinnee, Muddee 14/2023 – Naannoo Oromiyaa godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu keessa bakka Qorqobbee jedhamutti Kibxata darbe Muddee 12, 2023 haleellaa “hidhattootni Faannoo” namoota oomisha gahe hamuuf gara godina Goojjam Lixaa aanaa Buree imalaa turan irratti raawwataniin lubbuun namoota 13 darbuu fi namootni hedduu madaa’uu jiraatoonni aanichaa Addis Standarditti himan.

Barsiisaa aanicha keessa jiraatu kan maqaan isaa akka dhahamu hin barbaadne tokko Addis Standarditti akka himetti, Kibxata ganama barii naannoo sa’aatii 12:00tti namootni kunneen midhaan gahe sassaabuuf gara naannoo Amaaraa aanaa Buree imalaa osoo jiranii ganda Jooj bakka Qorqobbee jedhamu yeroo gahan karaarratti hidhattoota Faannootin dhaabsifamuun ajjeefamuu himeera.  

Akka odeeffannoo jiraataa kana irraa argametti, namoota ajjeefaman keessa muraasni maqaan isaanii Tabsuuloo Dassaalee, Caalaa Dajjaash, Warqaalam Siraabizuu, Jaalataa Zalaalam, Araagoo Mallasaa, Gazzuu Tafarraa, Mollaa Addisuu fi Abbabaa Tamasgeen yoo ta’an, isaan kunneen dabalatee lubbuun namoota 13 darbeera.

“Namoonni ajjeefaman kunneen keessa dafqaan bultoota, abbootii qabeenyaa fi qonnaan bultoota argamu,” kan jedhe jiraataan kun, midhaan dhalattoota Oromoo tibbana sababa rakkoo nageenyaatin aanaa Buree irraa buqqa’anii gara aanaa Amuruu dheessan sassaabuuf imalaa turan ta’uu eereera.

Baatii tokko dura, Sadaasa 08, naannoo Amaaraa godina Goojjam Lixaa aanaa Buree gandoota Baqqoo Caaboo fi Sontom Maariyaam keessatti “haleellaa qindaa’aa” hidhattootni Amaaraa “Faannoo” dhalattoota Oromoo irratti geessisaniin “yoo xiqqaate lubbuun namoota 25 darbuu” fi jiraattotni hedduu gara Horro Guduruu Wallaggaatti baqachaa jiraachuu Addis Standard jiraattoota wabeeffachuun gabaase ture.

Addis Standard namootni haleellaa Sadaasa 08 dheessanii gara godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Agamsaa qubatan irraa akka odeeffateetti “dhalattoonni Oromoo haleellaa kana yeroo dheessanitti laga Abayyaa yeroo ce’anitti lubbuu dhaban kan jiran ta’uu” gabaase ture.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Haleellaa tibbanaa ilaalchisee, jiraataan aanaa Amuruu kan biraa Addis Standard dubbisees haleellichi Kibxata ganama namoota midhaan sassaabuuf imalaa turan irratti raawwatamuu mirkaneesseera. Namootni kunneen “midhaan dhalattootni Oromoo naannoo Amaaraa godina Goojjam Lixaa aanaa Buree ganda Caabboo irraa dhiyeenya kana sababa haleellaa humnoota Faannootin buqqaafaman sassaabuuf godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu irraa gara aanaa Buree imalaa osoo jiranii hidhattoota Faannootin ajjeefamuu” himeera.

”Konkolaataa fe’umsaa Siinootiraarkii jedhamu qabeenyummaan isaa kan Obbo Nugusaa Baanjaa ta’e rukutuudhaan namoota kudha sadi ajjeessaniiru. Namoonni afur ammoo konkolaaticha irraa utaaluun lubbuudhaan hafuu dandaniiru. Nutis bilbila namoonni arfan hafan kunneenin reeffa namoota ajjeefaman bira qaqqabuu dandeenye,” jechuun Addis Standarditti himan.

Dhimmuma walqabatuun, Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) rakkoolee nageenyaa fi ajjeechaa lammiilee nagaa irratti yeroo garagaraatti raawwatamu ilaalchisee ibsa kaleessa Muddee 13, 2023 baaseen ajjeechaa namoota 13 iddoo Qorqobbee jedhamutti raawwatame balaaleeffateera. ABOn, “gocha suukanneessaa uummata nagaa irratti raawwatamaa jiruuf kan itti gaafatamu mootummaa aangoorra jiruudha,” jedhe.

Itti dabaluun, “mootummaan yakka namoomaa itti fufiinsaan ummata nagaa meesha maleeyyii irratti raawwataa turee fi jiruuf gaafatama seeraa fi seenaa jalaa hin bahu,” jedhe.

“Qurxummii bishaan keessaa balleessuuf galaana gosuu” dhaadannoo jedhuun waraana hin xumuramnetti xumura gochuuf ummata nagaa fi meeshaa maleeyyii irratti duulamaa jira kan jedhe ABOn, haalli kun akka dhaabbatuuf ummanni Oromoo fi sabaaf sablammii biyyattii, akkasumas hawaasni idil addunyaa dhiibbaa akka irratti godhu waamicha dhiyeesseera. AS

Related Articles

Back to top button