ODUUSIYAASA

Oduu: Humni Qilleensa Itoophiyaa biyyoota Afrikaa garagaraa waliin tumsaan hojjechuuf qophiidha – Lt. Janaraal Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Muddee 14/2023 – Humni Qilleensa Itoophiyaa damee hundaan biyyoota Afrikaa hunda waliin tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu Ajajaa Humna Qilleensa Itoophiyaa Letenaal Janaraal Yilmaa Mardaasaa himan. Ajajichi kana kan dubbatan waltajjii ajajoota humna qilleensaa Afrikaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jiru irrattidha.

Waltajjii Ajajoota Humna Qilleensaa Afrikaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jirurrattis ajajoonni humna qilleensaa biyyoota Afrikaa, hoggantoonni dhaabbilee aviyeeshinii fi attaachoonni waraanaa biyyoota adda addaa akka argaman eerameera.

Waltajjicharrattis rakkoolee misooma humna qilleensaa Afrikaa keessatti mudachuu malu waliin hiikuuf haalawwan mijatoo ta’an irratti mariin gaggeeffamaa jira jedhameera.

Ajajaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Lt. Jeneraal Yilmaa Mardaasaa haasawa baniinsa waltajjicha irratti taasisaniin, Humni Qilleensichi biyyoota Afrikaa hedduuf gama humna qilleensaa, leenjii fi geejjibaa qilleensaatiin gargaaraa turuusaa eeruun, gara fuulduraattis itti fufa jedhaniiru.

Humni Qilleensaa Itoophiyaa hojiiwwan eegale daran cimsuun biyyoota Afrikaa waliin damee hundaan tumsaan hojjechuuf qophii ta’uus ibsaniiru.

Humni Qilleensaa Itoophiyaa hundeeffama isaa waggaa 88ffaa Sadaasa 30, 2023 irraa eegalee dhaadannoo “Humni Qilleensaa Itoophiyaa, wareegama kaffaluun biyya fure” jedhuun kabajamaa jiraachuu odeeffannoo humna qilleensicha irraa argame ni mul’isa. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button