ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Eessa buuteen obboleessa Ajajaa Olaanaa WBO hanga ammaatti hin beekamne

Finfinnee, Muddee 08, 2023 –  Obboleessi Ajajaa Olaanaa Waraana Bilisumaa Oromoo (WBO) Jaal Marroo (Kumsaa Dirribaa) Obbo Abarraa Dirribaa kan humnoota mootummaatiin buutamee ture hanga ammaatti eessa akka geeffame kan hin beekne ta’uu maatiin Addis Standard’tti himan.

Obboleessi Jaal Marroo obbo Abarraa Dirribaa kan tibbana humnoota mootummaatiin magaala Shaggara aanaa Burraayyuu ganda Keellaatii ganda keessa jiraatuu butamuu Addis Standard gabaasee ture.

Hanga ammaatti Obbo Abarraa eeessa akka geessan humnoonni mootummaa odeeffannoo homaatuu maatiidhaaf kan hin laatin ta’uu maatiin dhimmichatti dhiyeenya qabu Addis Standard’tti himeera.

Haaa ta’u malee, odeeffannoon miseensi poolisii tokko baase akka mul’isutti, Obbo Abarraan magaala Finfinnee naannoo kiiloo jahaatti qofaatti hidhamaa erga turanii booda guyyaa kaleessaa gara mana hidhaa bishooftuutti dabarfameera shakkiin jedhu jiraachuu maddi oduu keenyaa himeera.  

Obbo Abarraan hamma yoonaatti mana murtiitti hin dhiyaatiniifi abukaatoo dhimma isaa hordofu kan hin qabne ta’uu barameera.

Obbo Abarraan qonnaan bulaafi abbaa ijoollee saddeetii yoo ta’u siyaasa keessatti hirmaannaa tokoyyuu kan hin qabneefi obboleessa isaa wajjiinis hariiroofi waliigaltee kan hin qabne ta’uu raga bahaan keenya himaniiru. 

Mariin nageenyaa marsaa lammaffaa mootummaa Itoophiyaafi WBO gidduutti Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa ture waliiigaltee malee goolabamuu hordofuun qaamoleen lamaan haleellaa isaan gidduu ture cimanii itti fufuu gabaasaaleen mul’isaniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button