DHIMMA HAWAASAAODUU

​Oduu: UN fi KMNI Itoophiyaan haqaa ce’umsaa keessatti mala miidhamaa giddugaleessa godhate akka hordoftu dhaaman

Finfinnee, Muddee 29/2023 – Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa fi Waajjirri Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNHCR) argannoowwan marii dhimma haqa ce’umsaa irratti miidhamtootaa fi hawaasa naannolee garagaraatti argaman waliin godhe ilaalchisee gabaasa fuula 90 baasaniiru.

Gabaasni bahe kun akka agarsiisutti, hirmaattonni araarri “kaayyoo barbaachisaa fi galma ga’uu danda’u ta’us, dhugoomuu kan danda’u erga madaan miidhamtootaa fayyee booda qofa” jechuun cimsanii dubbataniiru.

Gabaasichi qaamolee fi galmoota ijoo haqaa ce’umsaa kanneen akka itti gaafatamummaa, dhugaa barbaaduu, beenyaa, sarbamiinsa irra deddeebi’amee akka hin raawwatamne mirkaneessuu irratti xiyyeeffatee ilaalcha fi fedhii hirmaattota bal’inaan xiinxaleera. 

Marii hawaasaa KMNI fi Waajjira Mirgoota Namoomaa UN baatilee saddeetif gaggeessaa turan namootni 805 ta’an kan irratti hirmaatan ta’uu kan eere gabaasichi, kanneen keessaa miidhamtootaa fi maatii isaanii, buqqaatota biyya keessaa, qaama miidhamtoota, geggeessitoota aadaa fi amantii, fi dhaabbilee hawaasa siivilii tattaaffii mirga namoomaa fi nagaa keessatti hirmaatan hirmaachisuu ibseera.

Mariin kun naannolee Affaar, Amaaraa, Hararii, Oromiyaa, Somaalee fi Tigraay akkasumas bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaatti kan gaggeeffame ta’uu fi marii dabalataa abbootii amantaa sadarkaa biyyoolessaatti gaggeeffamuu beeksiseera.

Gabaasni kun dhiittaa mirga namoomaa darbeef deebii sirrii kennuun barbaachisaa ta’uu ibseera.

Fedhii haqaa miidhamtootaa fi hawaasni naannoo adda addaa irra jiran guutuuf adeemsa haqaa ce’umsaa bal’aa sarbama mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwatamuuf deebii kennu fi hojmaata waliigalaa hordofu hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu gabaasa kana keessatti ibsameera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dhiittaan mirga namoomaa deddeebi’ee akka hin mudanneef jijjiirraa fi haaromsa seerotaa fi dhaabbilee irratti taasifamu hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu hirmaattonni cimsanii ibsaniiru kan jedhe gabaasichi, kunis heera mootummaa dabalatee tarsiimoo fi seera biyyatti biroo qorachuu fi fooyyeessuu akka gaafatu ibsameera. AS

Related Articles

Back to top button