Abdii Biyyansaatin @ABiyenssa
Finfinnee, Muddee 28/2023 – Hayyoota seenaa uummata Oromoo keessatti maqaan isaanii adda durummaan ka’u keessaa tokko kan ta’an Sheek Bakrii Saphaloon, hayyuu Oromoo, walaleessa fi barsiisaa amantiidha. Hunda caala kan ittiin beekaman qubee Afaan Oromoo ittiin barreeffamu uumuu isaaniini.
Tibbana ammoo kitaaba seenaa fi hojiilee Sheekh Bakrii Saphaloo bal’inaan xiinxalu maxxanfamee gabaaf dhiyaateera. Dhimma hayyuu Oromoo kanaafi kitaaba tibbana barreeffame ilaalchisee barreessaa kitaabichaa Toofiq Mahaammad Daawud waliin turtii taasisneerra. Itti dhiyaadhaa!
Addis Standard: Toofiq eenyu?
Toofiq Mahaammad Daawud: Kanin dhaladhee fi guddadhe magaalaa Dirree Dhawaa aanaa Biyyoo Awwaallee Araddaa Koortuuttii jedhamutti dha. Ijoollummaa koo irraa kaaseen barnoota amantii Islaamaa barachaa ture. Haala kana keessatti ammoo barsiisoota duraan barattoota Sheekh Bakrii Saphaloo turan kan akka Sheekh Ahimad Suleemaan irraa baradhe.
Barnoota sadarkaa tokkoffaa mana barumsaa Koortuutti baradhe. Barnoota sadarkaa lammaffaa ammoo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Qaallichaatti baradhe. Sana booda, naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti kolleejjii fayyaa Jigjigaa jedhamutti muummee fayyaa barnoota Faarmaasiitin waggaa sadiif baradheen bara 2010 ALI eebbifame.
Ergasii naannoo Somaaleetti ogeessa fayyaa ta’ee waggaa lamaaf hojjadheera. Akkasumas, magaalaa Dirree Dhawaatti buufata fayyaa Laga Harree jedhamutti ji’a shaniif hojjachaan ture. Osoo achi hojjedhuu yuunivarsiitii Rifti Vaalii irraa muummee barnoota Ikkonoomiksiin digirii jalqabaa xumure. Yeroo ammaa kana bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaatti hojjetaa mootummaa ta’e hojjechaan jira.
Hojii mootummaa hojjedhu alatti, kitaabas nan barreessa. Hanga ammaatti kitaabolee sadii barreesseera. Garuu kan maxxanfame kitaaba JANGAL jedhamu kanadha.
AS: Kitaaba seenaa Sheekh Bakrii Saphaloo barreessuuf maaltu si kakaase?
Toofiq: Waa’ee Sheekh Bakrii Saphaloo irratti xiyyeeffatee wanti gama kitaabaatin barreeffame hin jiru. Waa’ee isaanii qorannoo fi barruu qofatu barreeffame argama. Piroofeesar Mahaammad Hasan waa’ee isaanii barruu barreessaniiru, Dr Nuraddiin Amaan ammoo qorannoo isaanii digirii lammaffaa fi sadaffaa irratti hojjetaniiru. Malee kan biraa hin jiru. Kun ammoo akkan kitaaba kana barreessuuf na kakaase.
Kitaaba Sheekh Bakrii Saphaloo katabuuf kanan yaade yeroo barataa kutaa jaha turetti. Bara sana irraa kaasee waa’ee Sheekh Bakrii Saphaloo nan barreessa jedhee ragaalee barbaachisoo ta’an walitti qabu eegale. Maanguddoota irraa, akkasumas barruulee fi walaloowwan Sheekh Bakrii Saphaloo irraa yeroo masjidatti barannu ragaalee qabachaan ture.
Mana barnootaa amantaa Islaamaa keessatti waa’ee Sheekh Bakrii Saphaloo barttoonni isaanii durii kun nu barsiisu, gara manaatti yeroon galu ammoo maatiin koo waa’ee isaanii natti himu ture. Lamaan gidduu kanatti barachaan ture.
AS: Mata duree kitaaba kana maaliif Jangal jettee moggaaste?
Toofiq: Walaloo Sheekh Bakrii Saphaloo keessatti jechi “Jangal” jedhamu irra deddeebi’ee argama. Adeemsa walaloo isaa kana irratti hundaa’uun itti moggaase. Kana malees, namoonni bara sana isaan waliin turan Jangal jechuun isaan waamu turan.
Jangal jechuun Afaan Oromoo ta’e hiikkaan isaa “humna xiqqoon waan guddaa jigsu” jechudha. Dalagaa humna qaama tokko irraa guddaa ta’ee kuffisuu jechudha. Fakkeenya qabsoon qeerroo fi qarreen gageessaa turan yoo ilaalle, dargaggoonni kun humna isaan caalu, baankii fi taankii hidhate socho’uu injifatan. Haalli kun ammoo Jangal jedhamuun ibsama.
Sheekh Bakriin nama qabsoo bilisummaa uummata Oromoo keessatti gahee guddaa qabudha. Keessumaayyuu gorsaa Jeneraal Taaddasaa Birruu turaniiru. Yeroo Jeneraal Taaddasaa Birruu mana sirreessaa Galamsoo seenanii turanitti, akka haala mana sirreessaa bahanii gara biyya Somaaliyaatti nan godaana jedhutti yeroo sadi deemuun gorsaa turan. “Lakkii biyya hambaatti hin godaaniin, warri achitti godaan illee qabamanii mana hidhaa keessa jiru. Mana hidhaa kana keessa siin baasa, garuu gara biyyaa hambaatti hin godaantu,” jedhaniin.
Isaan barsiisaa Jaarraa Abbaa Gadaa, Taaddasaa Birruu fi qabsa’ota kanneen biroo hedduu turaniiru. Kanaan akka kootti, Sheekh Bakrii Saphaloon barsiisaa qabsaa’ootaati jechuun ni danda’ama.
AS: Qabiyyeen kitaabichaa maali?
Toofiq: Kitaabni kun seenaa fi hojiilee Sheekh Bakrii Saphaloo irratti kan fuulleeffatudha. Hojiilee kanneen akka bubee katabuu, walaloo barreessuu fi yaalaa garagaraa dalaguu isaanii of keessatti kan hammateedha.
Kitaabichi seenaa qubee katabuu isaanii fi walaloowwan ergaa ciccimoo qaban barreessan ni xiinxala. Waliigalaan waa’ee jireenya isaanii daa’imummaa irraa kaasee hanga gondaansa fi jiruu biyya hambaa bal’inaan daawwachiisa. Kitaabni kun fuula dhibba lamaa qaba.
AS: Hojiilee gurguddaa Sheekh Bakrii Saphaloo dalagan…
Toofiq: Sheekh Bakrii waa’ee herreegaa irratti barreessaniiru. Kan akka Aljebraa, astiroonoomii, seenaa fi falaasama garagaraa irratti barreessaniiru. Astiroonoomii, ji’oogiraafii fi herreega hedduu barsiisuun addatti beekamu. Namoonni baay’een barsiisaa amantii duwwaa itti fakkaatu, garuu nama siyaasa fi falaasama jiruu illee xiinxalanii hawaasa dadammaqsanii turan.
Sheekh Bakrii Saphaloon jireenya isaanii keessatti kitaaboolee kudha torba barreessaniiru. Kitaaba kudha torba barreessan keessaa bara 1977 ALAtti lola waraana Somaalee fi Itoophiyaa giddutti yookaan mootummaa dargii fi mootummaa Ziyaad Baree gidduu gaggeeffamaa tureen kitaabonni isaanii sagal otoo hin maxxanfamiin Dirree Dhawaatti jalaa gubataniiru. Kitaaba saddeet hafan keessaa kitaaba afur argachuu danda’eera. Kanneen hafan ammoo argachuuf tattaaffii gochaan jira.
Kitaabonni gubatan kun baay’een isaanii seenaa Oromoo irratti kan xiyyeeffatanii fi kan isaan kitaaba herreegaa waa’ee Aljebraa barreeffame gara Afaan Oromootti hiikan turan. Kunis akka hawaasni Oromoo falaasama herreega addunyaa afaan isaatin baratu tattaaffii taasisaa turan agarsiisa. Hunda caala garuu Gaanfa Afrikaatti nama qubee uume jalqabaa ta’uun beekamu.
AS: Maddeen kitaaba kana barreessuuf fayyadamte maali?
Toofiq: Kitaaba kana barreessuuf maddeen garagaraa fayyadameera. Kanneen keessa hojiilee isaan hojjatanii darban argachuun, barttoota isaan waliin turan irraa, maatii isaanii irraa, angafoota isaan waliin turan kan akka Artisti Shantam Shubbisaa, Sheekh Adam Tuulaa, Artisti Alii Birraa irraa akkasumas barruu qorannoo isaan irratti barreeffaman akka maddatti fayyadameera.
AS: Seenaa nama dhuunfaa barreessuun faayidaa akkamii qaba?
Toofiq: Seenaa nama tokko, keessattuu nama saba isaaf waa gumaache darbe katabuun dhalootni muuxannoo fi mudammoo, bu’aa bayii, akkasumas hojiilee isaarra akka baratuuf gargaara. Akkasumas seenaa keessatti bara baraan akka yaadatamu taasisa. AS