Itoophiyaan yaaddoon otuma jiruu Haqa Cehumsaa hojiirra oolchuuf tattaaffachuun ishee daandii haqaa fi araara dhugaa ni danqa. Irra deebiin haa ilaalamu!

Finfinnee, Caamsaa 17/2024 – Yaaliin Itoophiyaan namoota hokkora siyaasaan hubamaniif haqa ce’umsaa, araaraafi itti gafatamummaa mirkaneessuuf taasisftu sadarkaa murteessaarra gaheera. Torban muraasa dura manni maree ministeerootaa imaammata haqaa ce’umsaa biyyoolessaa raggaasisuun isaa tarkaanfii murteessa fudhachuu agarsiisa.

Haa ta’u malee, kaayyoon imaammata kana bocuun barbaachiseef hawaasa addunyaa ittiin sossobuuf malee haqa dhugaa mirkaneessuuf miti sodaan jedhu akka qaban ogeeyyiin yaada dhiyeessu. Yaaddoon kuni kan mul’ate Amajjii bara 2023 yeroo ministeerri haqaa sanada filannoo imaammata haqaa ce’umsaa ifoomsedha.

Itti aansuudhaan gareen ogeeyyii ministeerichaan filataman imaammata bocamuuf galtee akka ta’uuf yaada uummataa sassaabuuf marii bal’aataasisaniiru. Rakkoon kun yaad-rimee mataa isaa kan miidhu qofa osoo hin taane, qajeeltoowwan bu’uuraa isaa keessaa tokko  kan ta’e fedhii miidhamtootaaf dursa kennuu ni mancaasa. 

Hirmaannaan ministeera haqaa kan qaama hojii raawwachiiftuu ta’e ogeeyyii imaammata kana qopheessan filachuurraa kaasee hoogganuun rakkoo jalqabaa ture. Kunis hoggantoonni paartilee siyaasaa mormitoota gurguddoo hedduu walgahii marii Amajjii 10 bara kana gaggeeffame keessaa akka bahaniif kana booda adeemsa kana akka morman taasiseera.

Yaaddoon hammatamummaa fi amanamummaa jiraachuu eeruun mootummaan bu’uura haqaa ce’umsaa akka carraa faayidaa siyaasaatti fayyadamuu fi hawaasa idiladdunyaa biratti fudhatama argachuuf yaaluu dhiisee nagaa fi araara biyyaalessaa dursa akka kennu dhaamaniiru.

Yaaddoon baayʼachaa kan ture taʼus, Manni Maree Ministeerootaa sanadicha raggaasisuuf kan itti fufuun isaa sanadichi fudhatama akkka hin arganne taasiseera. Lolli naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti mul’atu , jeequmsa siyaasaa irraa ce’umsi ifa ta’e jiraachuu dhabuu dhugaa haqa ce’umsaa faallessudha.

Kana malees, waldhabdeewwan dhiittaa mirga namoomaa fi gocha hammeenyaa bakka jiranitti imaammata kana hojiirra oolchuuf ariifachuun bu’a qabeessummaa adeemsichaa kan xiqqeessuu qofa osoo hin taane seera qabeessummaa bu’aa isaas hir’isa.  Kufaatiin kun yaad-rimee sana mataasaa gaaffii keessa kan galchu qofa osoo hin taane bu’uuraa isaa keessaa kan fedhii miidhamtootaaf dursa kennuu jehdu ni faalleessa.

Sababiin biraa adeemsa haqa ce’umsaa kana miidhu kan biraan imaammata kana bocuu qofa osoo hin taane hojiirra oolmaa keessatti mootummaan yakka sukaneessaa raawwate jedhamee himatame gahee olaanaa ta’ee hirmaachuu isaati.

Komishiniin Ogeeyyii Mirgoota Namoomaa Idil-addunyaa Itoophiyaa (ICHREE), Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa, fi dhaabbileen mirga namoomaa addunyaa adda duree ta’an yakki duguuggaa sanyii, yakka waraanaafi dhiittaan mirga namoomaa waraanaa miidhamtoota cinaatti dhiibaman irratti keessumaa naannoo Tigraayitti yeroo waraanni waggaa lamaaf ture sanatti raawwatamuu gabaasaniiru.

Battala imaammanni kuni qophaa’aa turetti naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti yakki walfakkaataan raawwatamuu ni mala yaaddoo n jedhus ni jira.   

Dhimmi ifatti amanamummaa haqa ce’umsaa kana gadi buuse mootummaan yakka sukaneessaa raawwate jedhamee himatame imaammata haqa ce’umsaa bocuu qofa osoo hin taane hojiirra oolmaa isaa keessattis gahee olaanaa taphachuu isaati.

Giddugaltummaan mootummaa olaanaa ta’uunsaa adeemsichi bu’a qabeessa akka hin taane kan taasisuu fi ummataa fi qooda fudhattoota biroo gidduutti wal amantaan dhabuun kan uumu ta’uusaati.  Imaammatichi qorannoo fi himannaan kan raawwatamu sirna mana murtii jiru keessatti “abbaa seeraa addaatiin” akka to’atamuu fi “mana murtii addaatiin” akka murtaa’u tumeera.

Haa ta’u malee, amala mootummaan Itoophiyaa kan qorannoo loogii hin qabne jibbuu dabalatee, akkaataa qabiinsa miseensota ICHREE kan  UN irraa eeyyamni kennameefii, fedhii inni qorannoorratti dhiibbaa uumuuf qabu irratti hundaa’uun miidhamtoonni haqaa ce’umsaa milkaa’aa ta’e ni argatu jechuun dubbii hin fakkaanneedha.

Adeemsi kun akka mootummaan barbaadetti yoo adeemsifamus, gufuun guddaan tokko jiru yakka qaamolee biyya alaatiin, keessattuu humnoota Eertiraa yakka dhala namaa irratti raawwatanii fi naannoo Tigraay keessatti yakka waraanaa lammiilee nagaa irratti raawwatame abbootiin seeraa biyya keessaa kunneen yakka qorachuufi yakkamtoota seeratti dhiyeessuu hin danda’an.

Yaaddoowwan gurguddoo armaan olitti ibsaman malees imaammatichi rakkoolee itti yaadamanii galfaman kan akka sarbama mirga namoomaa bara heerri Itoophiyaa hojiirra itti oolee bara 1995 irraa kaasee raawwataman kan ilaalaman ta’uu eerameera. Taateen kuni itti gaafatamummaa yakkaa kan dukkaneessuu fi sarbama mirga namoomaa waggoota afran darban keessatti baay’inaan galmaa’e kan addunyaan itti gaafatamummaa gaafachuuf sagalee tokkoon akka dubbattu kakaaseefi imaammatichi akka bocamuuf sababa ta’e gara araaraatti akka hin ceene kan gufachiisuudha jechuun ogeeyyonni falmaniiru.

Imaammatichi iftoominaan akka geeggaafamu haa eeru malee itti gaafatamummaan yakkaa qaamota “dhiitama mirga namoomaa gurguddoo” raawwatan qofaafi “yakkamtoota hirmaannaa olaanaa” qaban irratti qofa xiyyeeffachuu dabalatee jechoota ifa hin taane hammachuun isaa miidhamtootaaf murteen haqaa akka hin kennamne kan agarsiisuudha.

Michoonni idil-addunyaa itti gaafatamummaa, haqaa, fi tasgabbii siyaasaa Itoophiyaa keessatti dagaagsuuf deeggarsa taasisaa jiran ejjannoo isaanii irra deebi’anii madaaluu qabu. Tattaaffiin haqaa ce’umsaa fashalaa’e adeemsa haqaaf godhamu kan danquu ta’uufi hokkorri deebi’ee akka uumamuuf karaa kan banu ta’uu hubachuun murteessaadha.

Qaamoleen dhimmicha keessaa qooda qaban hundi adeemsa kana irra deebi’anii akka xiinxalaniif barruun kuni waamicha dhiyeessa. AS

Exit mobile version