ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Obboleessi Ajajaa Olaanaa WBO erga hidhamanii hanga ammaatti mana murtii akka hin dhiyaanne maatiin himan

Finfinnee, Muddee 23/2023 – Obboleessi Ajajaa Olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)  Kumsaa Dirribaa ykn baay’inaan Jaal Marroo jedhamuun beekamu kan ta’an Obbo Abarraa Dirribaa erga hidhamanii gara baatii tokko ta’uus hanga ammaatti mana murtii akka hin dhiyaanne maatiin Addis Standarditti himan. 

Obbo Abarraan Sadaasa 27, 2023 magaala Shaggar kutaa magaala Burraayyuu iddoo addaa Keellaa jedhamutti guyyaa keessaa naannoo sa’aatii torbaatti miseensota humna nageenyaatiin “humnaan butamuu” namni taatee sana argee yeroos Addis Standarditti hime ture.

Ergasii gara magaalaa Bishooftuutti geeffamuun “buufata poolisii naannoo sarkiil jedhamutti lafa jala hidhamanii akka argaman” odeeffachuu namni maatii isaanitti dhiyeenya qabu Addis Standarditti himeera.

Obbo Abarraan erga to’annoo jala oolanis torbanoonni lakkaawwamuus, hanga ammaatti mana murtiitti kan hin dhiyaanne ta’uu fi maatii waliinis qunnamuuf akka hin eeyyamameef himeera. 

“Isa daawwachuun kan hin eeyyamamne waan ta’eef odeeffannoon miseensa poolisii dhimmichatti dhiyeenya qabu irraa arganneen, Abarraa magaala Bishooftuu iddoo sarkil jedhamutti qofaatti lafa jala harkaafi miilli hiidhamee akka argamu dhageenye,” jedhe namni maatiitti dhiyeenya qabu kun.

Kana malees, “namoonni eessa buutee isaa iyyaafatan sadii fi kanneen maqaan isaanii bilbila isaa keessatti argame torba, akkasumas haadha qabeenyaa mana isaaniif [Obbo Abarraaf] kireessite poolisiin to’ateera,” jedhe.

Namoota Abarraa wajjiin hariiroo qaban hunda adamsamaa jiru kan jedhe namni kun, “namoota isa waliin hariiroo qaban biroo sodaa hidhaa irraa kan ka’e mana isaanii dhiisanii dheessanis, doorsisaan poolisii hin dhaabbanne,” jedhe.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Abbaa ijoolee saddeet kan ta’an Obbo Abarraan, kanaan dura jalqaba bara 2021 keessa qabamanii erga waggaa lamaaf hidhamee booda dhuma bara 2022 keessa gadhiifamuu, sana boodas nageenya isaanif yaadda’uun qe’eefi maatii isaanii Godina Horro Guduruu Wallaggaatti argaman dhiisanii gara magaala Burraayyuutti galuu maatiin himeera.

Addis Standard odeeffannoo kana maddeen dabalataa akkasumas qaamolee mootummaa magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa Buraayyuu, akkasumas poolisii magaalaa Bishooftuu irraa qulqulleeffachuuf yaaliin godhe hin milkoofne. AS

Related Articles

Back to top button