ODUUSIYAASA

Oduu: Dhaabbanni Mootumoota Gamtoomanii dhimma Itoophiyaafi Somaaliyaarratti har’a mari’ata

Finfinnee, Amajjii 29, 2024 – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti manni marii nageenyaa dhimma waldhabdee Itoophiyaafi Somaaliyaarratti guyyaa har’aa waaree booda ni mari’ata. Walgahiin kuni kan karoorfame Somaaliyaan xalayaa mana marichaatiif barreesiteen manni marichaa dhimma waliigaltee Itoophiyaaafi Somaaliilaand irratti akka maria’tu gaafachuu hordofeeti.

Manni marichaa dhimma kanarratti mari’achuuf har’a sa’aatii booda ajandaa “nageenyaafi tasgabbii Afrikaa” jedhuun walitti kan qabamu ta’a.

Chaaratara mootummoota Gamtoomanii keeyyata 35 eeruun xalayaa Somaaliyaan Amajjii 23 barreesite hordofuun biyyi Faransaay kan walgahii ji’a Amajjii keessummeessitu walgahii kana qindeessiteerti. Waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliilaand mallatteessan hordofee Gaanfa Afrikaa keesssatti hokkorri ni babal’ata sodaa jedhu kan qabdu ta’uu Somaaliyaan xalayaa kanaan ibsiteerti.

Qabxiileen waliigaltichaa gadifageenyaan ibsamuu baatus Somaaliilaand Itoophiyaaf liizii ulaa galaanaa ijaarsa humna waraanaaf oolu 20km waggaa 50f ta’u kan kennitu ta’uu kan himtu yoo ta’u Itoophiyaan garuu ibsa Amajii 03, 2024 baasteen, “ulaa galaanaa amansiisaafi itti fufaa ijaarsa humna waraanaafi daldalaaf oolu Galoo Galaana Edenitti kan argattu” ta’uu ibsiti. Akkaataan waliigaltee kanaatiin Itoophiyaan, gamasheetiin, Somaaliilaandiif beekamtii kan kennitu ta’uu eerameera.

Somaaliyaan xalayaa Amajjii 23 mana marichaatiif barreessiteen waliigalteen kuni birmadummaafi tokkummaa daangaa Somaaliyaa kan cabsuudha jechuun waliigaltee Somaaliilaand waliin taasifame kanaaf beekamtii kan hin kennine ta’uu eerteerti.

Itoophiyaan, gamasheetiin, xalayaa mana marichaatiif Amajjii 26 ergiteen waliigalteen kuni akkaataa seera idiladddunyaa eegeen Itoophiyaan ullaa galaanaa akka argattuuf taasisa” jetteerti. Dhimma kanaan walqabatee marii Gamtaan Afrikaa qopheesseerratti kan hirmaattu ta’uu ibsuun Dhaabbanni Mootummmoota Gamtoomanii dhimma kan keessa akka hin gallee Itoophiyaan gaafatteerti.

Haa ta’u malee, Gaanfa Afrikaatti ergamtuun addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Haannaa Sarwaa Teetteeh miseensota mana marichaatiif har’a ibsa laatu. Walgahii kanarratti biyyoonni miseensa mana marichaa dhimmicharratti yaada akka kennaniifi akkaataa nageenyaafi tasgabbii naannichaa tiksuurratti ni mari’atu jedhamee eegama.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“A3 plus one” dabalatee miseensonni tokko tokko dhimmicha Obaasaanjoon akka hordofu ni gaafatu jedhamee eegama. Aljeeriyaan dhimmi kuni tumsaafi hariiroo Arabaafi Afrikaa hubuu danda’uurraa kan of qusattu ta’uu ibsieerti.

Torbanoota darban keessa, qaamolee mootummoota garaagaraa kan akka dhaabbata tumsa Islaamummaafi Mootummoota Misoomaaf Gamtoomanii, Liigii Biyyoota Arabaafi Gamtaa Afrikaa dhimmi kuni isaan yaaddeessuu ibsanii ture. Tokuummaa Somaaliyaa tiksuurratti xiyyeeffachuun mariin akka taasifamu waamicha taasisaniiru.

Gamtaa Awurooppaa dabalatee miseensonni mana marichaa hedduu kan akka Chaayinaa, UKfi Ameerikaa waldhabdeen dabalaa dhufuun isaan yaaddeessuu ibsanii  ture. Dhimma nageenyaa Somaaliyaafi Gaanfa Afrikaarratti guyyaa har’aa mariin ni taasifama jedhamee eegama. AS

Related Articles

Back to top button