FALMII GULAALLISEERA FI HAQA

Falmii Gulaalli: Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa “bilisuummaa irraa bilisa ta’e”

Hiree Waaqjiraatin

Finfinnee, Fulbaana 07/2023 – Biyyi tokko ‘Biyyadha’ jedhamuuf wantoota afur qabaachuu akka qabdu sadarkaa idil addunyaarratti kan irratti waliigalamee fudhatama argatedha. Isaan kunneenis daangaa murta’aa, uummata, mootummaa fi ol’aantuummaa aangoo /sovereignty/ qabaachuudha. Ta’us garuu biyyootni tokko tokko  mootummaa karaa seera qabeessaan aangootti dhufeef qofa beekamti ‘Biyya’ jedhamu yeroo kennanis ni mula’ata.

Mootummaan tokko ammoo gama isaatiin mootummaa dimokratawaa fi guutuu kan taasisu qaamolee sadii irraa yoo ijaaramedha yaadrimeen jedhus sadarkaa idil addunyaatti fudhatamaa fi beekamtii argateera.  Qaamoleen kunneenis ‘qaama seera baaftuu, qaama seera hiiktuu fi qaama seera raawwachiiftuudha. Yeroo ammaa kana ammoo miidiyaan dhiibbaa uumaa dhufee irratti hunda’uutiin akka qaama mootummaa arfaffatti yeroo itti fudhatamaa jirutu jira.

Barreeffama kana irratti waa’ee dhimma qaama mootummaa ‘seera hiiktuu’ kan Oromiyaa ilaalla. Barreeffama kana keessatti sadarkaa Manni Murtii Waligala Oromiyaa irra jiru daawwanna.

Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa bilisummaa dhabe

Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa baroota 1980’oota keessa kufaatii sirna mootummaa Darguun booda akka hundaa’e hundi keenya quba qabna. Bara sanatti egaa mootummaan aangootti dhufees waraanaan ta’uutiin mootummaa ce’umsaa hundeessuun haga Heerri Mootummaa hamma hojiirra jiru kun ba’utti bulchaa turan. Erga mootummaa ce’umsaan booda Heerichaan Itoophiyaan naannoolee sagalii fi bulchiinsa magaalaa lamaan hundeeffamte. Kana keessa takka Oromiyaa keenya. Naannooleen akkuma Heericha gubbaatti heerame aangoo naannoo isaanii bulchuu waan qabaataniif mootummaa mataa isaaniiti jechuudha. 

Qaama Mootummaa Naannoo Oromiyaa kana keessa tokko kan ta’e qaama seera hiiktuu ykn mana murtii ka jedhamu kana. Egaa bara sana Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa bilisummaa heeraan isaaf mirkanaa’ee suutuma suuta osoo kabachiifatuu yeroo dheeraan booda bilisummaa fi itti gafatamummaa dhugaa mirkaneessaa dhufuun isaa seenaa yeroo dhiyooti. Keesumattuu jalqabbii bara 2000(A.L.Htti) bilisummaan kun haala kamiin ibsama ka jedhu ilaalchisees isaa bilisummaa dhaabbata (kan mana murtichaa) fi bilisummaa abbaa seerummaa kana abbootiin seeraa dhuunfaatiin sababa hojichaa qabaatanidha jechuudha. Kunis Heera Mootumaa Naannoo Oromiyaa Keewwata 79 irratti ifatti qalama gurraachaan waraqaa adiirratti katabamee arganna. 

Bilisummaa dhaabbata yeroo jedhamuttis hogganaan al’aanaa mana murtii hojjettoota mana murtii abbootii seeraa dabalatee ofiin fo’atee, filatee qacarachuu, hojiirraas qoratee gaggeessuu ka danda’uu fi bajata caffeen ramadamuufillee ofumaan kan bulchatu ta’uu agarsiisa. Bilisummaan abbaa seerummaa ammoo bilisummaa dhuunfaa abbootiin seeraa hojii isaanirratti qaban yoo ta’u abbootiin seeraa sammuu isaanii fi heerichaaf qofa bitamuun hojii idilee isaanii dalaguu qabaachuu isaanii agarsiisa. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Egaa ani turtii koo mana murtii keessa bara 1980’ootaa eegalee jiruun bilisummaan lameen hamma ani kaasu kun bara 2000 keessa sirnaan kan ifatti mirkanaa’anii mul’atan yoo ta’u darbee darbee ammoo sababa hogganaan mana murtii sadarkaan jiru laafaa ykn dadhabaa ta’eef bilisummaan kun guutee hin mirkanaa’u ture.

Garuu, jijjirama mootummaa ganna shanan har’aatii asi Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa  kun seenaa umurii isaa keessatti galmeessee hin beekne galmeessuutti jira. Manni Murtii kun bara 2015 keessa hojii bara bajataa kana xumuruutiin yeroo bashannanaa ykn muuxannoo wal jijjirraa jechuun karaa deemaa ka tureef gaafa Hagayya 23, 2015 ammoo Yaa’ii Abbootii Seeraa Adaamaatti geggeessee jira. Anis akka abbaa seeraa mana murtichaa tokkootti hirmaadheen jira. Ya’icharraas kaniin hubadhe dhuguma hundi keenya ‘short memory’ ta’uu keenya.

Yaa’ii Abbootii Seeraa Oromiyaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffame. Suuraa: Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa/Telegraama

Jijjiiramni akka biyyaatti dhufe jedhamu kun jalqabbiirratti Mana Murtii Waliigala Oromiyaaf rifoormii ciccimoo fidee kan dhufe fakkaatee ture. Haa ta’u malee yeroo sana Pireezdaantootni Mana Murticha bulchaa turan Caffee Oromiyaa irratti karaa kabajamoo Pirezedaantii Obbo Shimallis Abdiisaatin federaalaaf barbaadaman jechuun aangoorraa ka gaggeffamanii fi nama amma manicha bulchuun bakka kan bu’an ture. Akeekni jijjiirraa hoggantootaas mana murtii kanarraa bilisummaa inni duraan qabu mulquuf cidha qophaa’ee akka ta’e hundaafuu bulee turee gale. Kunis hojiin agarsiifamuutiini. 

Gochi kun haala kamiin ibsama kan jedhu yoo ilaallu bilisummaan abbaa seerummaa seenaa manneen murtii Oromiyaa keessatti kan cabee yookiin irra deemamee bara jijjiiramaa kana keessattidha. Innis abbootii seeraa yeroo fi haala barbaadameen hidhuutii hanga mana murtii marsuutiin dhaddacharraa abbootii seeraa hidhuutti ga’uu isaati. Abbootiin seeraa dhaddacharraa kaafamanii hidhaman kunneen maatii ofii kan bulchanii fi daa’imoota itti gaafatamummaa isaaniin gara ardii kanatti dhufte kan qaban yoo ta’u, seeraan ala hidhamanuus kaffaltii beenyaa xinsammuu tokko malee hojii isaanii hojjeechuutti jiru. Ofii mirga namaa kabachiisaa kan ture yeroo mirgi isaa sarbamu eessatti, eenyutti himachuu danda’a? Furmaata akka hin argannee yoo beeke ammoo himannichumaa mitii gocha isarratti raawwatamellee dagachuuf dirqama. Of sobuuf of lola.

Abbootiin seeraa yaa’ii kanarratti argaman ‘eenyuun- yoom –eessatti to’annaa ykn hidhaa jala’ akka oolfamuu danda’an hin beekan. Tarii yaa’ii kanarra yeroo ba’anii gara mana isaanitti galanii maatii wajjiin osoo jiranii qaamni seeraan kabachiisa jedhu to’annaa jala oolchuu danda’a. Abbootiin seeraa hojii isaanirratti nageenya hin qabne kan namoota biroo kabachiisu jechuun abjuun dudubachuudha. Garuu abbootiin seeraa kun Sammuu isaaniif ittigafatamummaa qabu jedha heericha.

Guduunfuuf, Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa qaama bilisarra bilisa ta’e ta’uutiin dirqama heeraan bilisummaa dhaabbataa fi abbaa seeraa kabachiisuuf isarratti gatame cinatti gatee dikooreeshiniitiin fuula isaa bakkee babbareechataa jira. Barri bara suuraa taatuus ogeessoota irraa kun takkumaa gonkumaa hin eegamu ture. Hoggansi mana murtichaa Heera Mootummaa cinaatti gatee qaama aangoo lakkaa’ee itti kenneef ajajamuu yoo filate illee abbootiin seeraa garuu sammuu isaanii fi heera mootummaaf amanamoo ta’uun dukkana haqa uummataa haguugee jiru kana qindoomuutiin ifatti baasuu qabu turan. Itti gaafatamummaan kunis itti gaafatamummaa seenaa fi seeraa ta’uun waan hin oolleef abbootiin seeraa mana murtii kabachiisuufis ta’ee of kabachiisuuf gammachuu har’aa argatan dhiisuutiin luugama bilisummaa itti gaafatamummaa hidhachuutiin dhaloota booriitif mana murtii bilisa ta’e dabarsuu qabu. AS

________________________________________________________________________________________________________________

Hubachiisa Gulaalaa: Hiree Waaqjiraan (maqaa jijjiirame) Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti hojjetuudha.  

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button