ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Joo Baayidan ajaja yeroo balaa biyyaaleessaa Itoophiyaatti namoota murtaa’an irratti qoqqobbiin akka kaawwamu baasan haaromsan

Finfinnee, Fulbaana 08/2023 – Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan labsii hatattamaa biyyoolessaa rakkoo namoomaa fi mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti mudate ilaalchisee Ajaja 14046n namoota murtaa’an irratti qoqqobbii kaa’uuf baasan yeroo lammataaf haaromsaniiru.

Pireezidaant Baaydan ajaja duraa kana kan beeksisan yeroo waraanni naannolee Tigraay, Affaarii fi Amaaraa keessa turetti Fulbaana 17, 2021 ture. Waraana kanaan “hokkora, gocha gara jabinaa fi dhiitaa mirga namoomaa kan akka haleellaa eenyummaa irratti xiyyeeffate, gudeeddii fi miidhaa saalaa, gargaarsa namoomaa danquu fi kanneen biroo kan haala adda ta’een nageenyaa biyyaaleessaa fi hariiroo Ameerikaan biyya kana waliin qabdu irratti balaa ta’eera.” Sababa kanaaf, balaa kana qolachuuf labsii yeroo muddama  biyyaaleessaa labsuu beeksisanii turan. 

Labsii qoqqobbii kana yeroo lammaffaaf Fulbaana 7, 2023 irraa kaasee haaromsuu  ibsuun Itoophiyaan, “nagaa biyyaaleessaa fi hariiroo haajaa alaa Ameerikaa irratti sodaa goonkumaa hin baraminii ta’uu itti fuftee jirti. Sababa kanaan ajaja 14046 Fulbaana 17, 2021 labsame ture Fulbaana 17, 2023 boodas itti fufuu qaba,” jedhan.

Haaldureewwan ajaja bara 2021 keessatti ibsaman keessaa inni tokko Ameerikaan marii waliigaltee waraana dhaabuu, humnoota Eeritraa Itoophiyaa keessaa baasuu fi tokkummaa lallabuu, tokkummaa daangaa fi nageenya Itoophiyaa kan deeggartu ta’uudha.  

Waraanni hammaataan waggoota lamaaf deemaa ture waliigaltee waraana dhaabuu mootummaa Federaalaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) gidduutti Sadaasa 2022 keessa Piriitooriyaatti mallatteeffameen goolabamuus mootummaan federaalaa humnoota Eeritraa guutumatti baasuu waan hin dandeenyeef naannoo Tigraay aanaa Iroob keessatti yakkoota waraanaa kana akka buttaa fi miidhaa saalaa raawwatamuu itti fufeera. 

Gabaasa haaraa Amnastii Intarnaashinaal Fulbaana 5 baaseen, erga waliigalteen waraana dhaabuu Sadaasa 2022 mallatteeffame booda “yakka waraanaa fi yakka namummaa irratti raawwatamu” kan akka ajjeechaa jumlaa, gudeeddii, garbummaa saalaa fi saamichi humna waraanaa Eeritraatiin raawwatamuu beeksiseera. Gochaan gara jabinaa kun kan raawwatame aanaalee Kokoob Tsibaah fi Maariyaam Shawitoo kan daangaa Eeritraatti dhiyaatanii argamanitti ta’uu gabaasichi eereera. AS 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button