SIYAASAXIINXALA
Trending

Xiinxala: Barbaacha filannoo Buufata Doonii Itoophiyaa: Kara mariidhaani moo humnaan?

Abdii Biyyansaa @ABiyenssa

Finfinnee, Fulbaana 09/2023 – Ji’oota muraasa dura muummichi ministeera Itoophiyaa Abiy Ahmad waa’ee buufata doonii fi barabaachisuma yookaan murteessummaa biyyattiif qabu irratti haasawaa godhan walqabatee oduun dhimma kana ilaalchisee naanna’uu eegale. Ergasii yeroo walga’ii invastarootaa fi daldaltoota wajjiin godhanitti Itoophiyaan buufata doonii mataa ishee akka ishee barbaachisu fi hatattamaan akka argachuu qabdu cimsanii ibsan. Baasii buufata doonii duwwaaf bahu akkasumas rakkoolee buufata doonii biyyoota ollaa irratti hundaa’uun walqabatee dhufu danda’uu ibsaniiru. Akka isaan jedhanitti mootummaan Itoophiyaa kaayyoo kana galmaan ga’uuf marii irraa kaasee hanga humna fayyadamuutti filannoo hunda ilaalaa akka jiru akeekaniiru.

Yunivarsiitii Finfinneetti Pirofeesara Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa kan ta’an Mararaa Guddinaa, mariin buufata doonii argachuu mirkaneessu gara waraanatti ce’uu ni danda’a jedhan. Tarsiimoon akkanaa naannichaa kan duraanuu tasgabbii kan hin qabne irratti rakkoo biraa fiidu danda’aa jedhaniiru. Akkasumas rakkoo mootummaas ta’e kan mootummaa hin taaneen dhufu kun diigumsa akka ta’u shakkii tokko malee cimsanii dubbataniiru.

Qorataa Dhimma Gaanfa Afrikaa fi geessa dhimma idil-addunyaa kan ta’e Iyyaasuu Haayilamikaa’el, hoggantoonni siyaasaa itti yaadanii gowwoomsaa mootummaa fi tarsiimoo haguuggachuu irraa kan ka’e buufata doonii dhaqqabuuf waraana ifatti labsuun isaanii hin oolu jechuun falmu. Haa ta’u malee, hariiroo diinummaa Asmaraa fi biyyoota dhihaa gidduu jiru ilaalcha keessa galchuun, barbaachisummaan mootummaan Itoophiyaa Galaana Diimaa dhaqqabuuf qabu humnoota dhihaa biratti fudhatama argachuu akka danda’u Iyyaasuun ni amana.

Kaka’umsa Itoophiyaan buufata doonii argachuuf taasistuu duuba jiru ilaalchisee tilmaamni adda addaa ka’aa jira. Akka Piroofesar Mararaan jedhanitti bu’uura deeggarsa Amaaraa deebisuuf, ummata Amaaraa addaan qooduuf, yookaan deeggarsa warra dhihaa sirnichaaf qaban ilaaluuf ta’uu malaa jechuun yaada kaasa. Jijjiirama tibbana imaammata alaa Itoophiyaa irratti mul’ate, kan caalaatti tilmaamamuu hin dandeenye, kan nama dhuunfaa irratti hirkatee, fi utubaa kan hin qabne dha jechuun irratti dabaluu. 

Itoophiyaa keessatti mormitoota adda dureen beekamaan keessa tokkoo kan ta’an Mararaan, waraanni kun Eertiraan waldhabdee Tigraay keessatti hirmaachuu ishee akkasumas imaammata alaa Itoophiyaan yeroo amma hordofaa jirtu irraa kan madde ta’uu akka malus yaada dhiheessa. Waliigaltee Piriitooriyaa Sadaasa bara 2022 mallattaa’ee booda mootummaa Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti waldhabdeen uumamuun maddeen ni mul’isu.

Iyyaasuun waldhabdee dhimma biyya keessaa irraa gara naannootti jijjiiruu ta’uu mala jechuun yaada dhiheessa. “Gaaffiin buufata doonii carraaqqiin humnaan furuuf deemamu salphaa hin ta’u,” jechuun ibsaniiru. “Waraanni Eertiraa waliin godhamu kamiyyuu walitti dhiheenya bara 2018 cabsuu danda’a, kunis naannicha keessatti rakkoo mataa isaa ni qabaata.”

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Oomishaalee fi Daldala guddachaa jiru keessummeessuuf filannoowwan buufata doonii babal’isuu

Waggoota kurnan darbanitti daldalli biyya alaa Itoophiyaa waggaa waggaadhaan dabalaa kan dhufe yoo ta’u tilmaamni fe’umsa gara toonii miiliyoona 15 ol yoo guddatuu fi oomisha boba’aa immoo meetiriik toonii biiliyoona afuriitti tilmaamama. Yeroo ammaa kana buufata doonii Jibuutii fe’umsa kana qabachuu danda’a. Haa ta’u malee waggoota kurnan dhufan keessatti heddumminni daldala alaa dachaa ol akka ta’u tilmaamameera.

Itoophiyaan buufata doonii Jibuutii irratti hirkattummaa guddaa akka qabdu kan ibsan, Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa keessatti dippilomaatii olaanaan maqaa isaanii akka hin ibsamne gaafatan Addis Istaandardiif kan himan yoo ta’u, buufata doonii adda addaa barbaaddun barbaachisaa akka ta’ee himaaniru. Bara 1998 lola Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti uumameen dura buufata doonii Massawaa fi Assab fe’umsa daldala alaa Itoophiyaa keessaa %75 ol kan keesumesaan turan. Haa ta’u malee waraana kana hordofuun meeshaaleen biyya alaatii galfamanii hundi jechuun ni danda’ama gara Jibuutiitti deebi’aniiru. Yeroo ammaa kana fe’umsi Itoophiyaa galtee fi al-ergii %95tti dhihaatu buufata doonii Jibuutii keessa kan darbu yoo ta’u, kan hafe ammoo karaa Poort Sudaan fi Barbaraa kan ergamudha.

Dippilomaatichi olaanaan kun baasii Itoophiyaan Jibuutiif dhimma buufata doonii kafaltuu kana hir’isuuf hojjachuu qabdi jedha itti dabalaa sababa dinagdee sirrii ta’etti buufata doonii filannoo biraa barbaaduun barabaachiisa akka ta’e cimsanii dubbatu. Yeroo ammaatti Itoophiyaan buufata dooniif kaffaltii waggaatti doolaara biiliyoona 2  ta’uu ni baastii jedhui.

Qorataan Gaanfa Afrikaa kan ta’an Iyyaasuu, qormaata biyyoonni lafaan hin marfamne mudatan kanneen akka fageenya dheeraa, geejjibaa qaala’aa, baasii daldalaa olaanaa, adda baafamuu, gabaa addunyaa daangeffame, fi hojimaata daangaa qaxxaamuraa walxaxaa ta’e caalaatti ibsu. Itti dabaluudhaanis, “Dabalataan, mootummoonni lafaan hin marfamne qabeenya uumamaa muraasa qaban geejjibaaf biyyoota qaxxaamuraa haala hawaas-dinagdee gadhee qaban irratti baay’ee hirkatanii waan jiraniif, guddachuuf rakkisaa ta’a.”

Jijjiirama ji’oopoolitikaa Gaanfa Afrikaa keessatti mul’atu

Sababa diinagdeetiin alattis, ji’oopoolitikiin gaanfa Afrikaa jijjiiramaa jiru kanaaf jechaa Itoophiyaan buufata doonii kannen biroo barabaaddu qabdi jedha ogeeyyiin kunnen. Eyasuu akka ibsutti, qooda fudhattoonni biyya alaa naannicha keessatti argamuun qoqqoodinsa ji’oopoolitikaa biyya alaa akka fide, ji’oopoolitikaa gaanfa afrikaa keessaa bocamee, rakkoo fayyadamuu buufata doonii kakaaseera. Kaka’umsi daldalaa, waraanni bakka bu’ummaa, dippilomaasii daldalaa, fi waliigalteewwan nageenyaa hundi adeemsa kana keessatti gahee akka qaban ni amana.

“qooda fudhattoonni biyya alaa buufata doonii Gaanfa eegsisan qoqqoodinsa ji’oopoolitikaa biyyoota jiddu kan fide yoo ta’u, kaka’umsa daldalaa, waraana bakka bu’ummaa, dippilomaasii daldalaa fi waliigaltee nageenyaatiin ji’oopoolitikaa Gaanfa afrika keessaa wantoota haaraa fiderra.” jechuun Eyaasu ibseera.

Dippilomaatichi olaanaan kun gocha Jibuutiin bara 2013 keessa raawwatte, geejjibni meeshaalee gara Itoophiyaatti dhufan akka hin dhufne, rakkoolww adda addaa buufata dooniin walqaqbatanii dhufu danda’aan Itoophiyaan akka hubatuu taasisera. Haa ta’u malee, taatee kun amma kun sababa rakkoo jibuutin walqabatee dhufe osoo hin taane imaammata alaa walitti dhufeenya biyyoota olaa jabeessu kan kaayyeffate ta’uu isaa cimsanii dubbataniiru. Kana ilaalchisee Itoophiyaan akkuma dippilomaatii olaanaan kun ibsetti qabeenya ishee hunda bakka tokkotti walitti qabuu irraa of qusachuu filachuun, Jibuutii qofatti akka hin hirkanne of eeggannoo goochuufidha jedha.

Garaagarummaan hawaas-dinagdee, hawaas-siyaasaa fi teessuma lafaa biyyoota kana gidduu jiru gahumsa geejjibaa irratti dhiibbaa guddaa geessisuu danda’a, akkuma Eyasuu ibsetti. “Ittisaa fi nageenya biyyoota bufata doonii qabnef, bufatii doonii walabaa ta’ee bayyee barabaachisaa dha.”

Iyyaasuun rakkoo biyyoonni buufata doonii hin qabne isaan mudatuu bal’inaan yeroo ibsanitti, “qormaanni biyyoonni buufata doonii hin qabne isaan mudatu keessa tokkoo biyyoota  tasgabbii hawaas-dinagdee hin qabnen yeroo daangeffaman ni hammaata” jechuun ibsa.

Buufata doonii barbaachaaf sababoonni jiraatanis, Itoophiyaa gara waraanaatti deemuun bayyee raakisadha jechuun ogeeyyiin cimsanii ni dubatu. Mararaan daldala daangaa qaxxaamuraa biyyoota gaanfa Afrikaa gidduu jiru guddisuun barbaachisaa ta’uu cimsee ibsa.Akkasumas, daandiiwwan geejjibaa fi imaammata dinagdee haaraa baasu fi hojjachuu barabaachisa dha jedha. Dabalataanis, naannichaa keessatti hariiroo ummataa cimaa ta’ee ijaaruun itti fayyadama waliinii buufata dooniitif murteessaadha jedha.

Dippilomaatii olaanaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa kun Eertiraa waliin mari’achuu fi jijjiirraa lafaa dhiyeessuun carraa buufataa doonii argachuu irratti hojjatamuu qaba jedha. Yaada kana jalatti Itoophiyaan buufata doonii kana kan argattu yoo ta’u, Eertiraan ammoo lafa qonnaaf ta’uu argatti. Filannoon biraa ammoo qophii abbummaa waloo buufata doonii Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti taasifamuu  dha jedha.

Yaada Mararaa fi dippilomaatii kanaa kan waligaluun, Iyyaasuun barbaachisummaa buufata doonii ibsun carraa hedduu saquun barbaachiisa akka ta’ee hubachiiseera. Mariin dippilomaasii daandii ta’uu akka danda’u ibsuun karaa waarana deemuun filannoo ulfaataa ta’uus garuu hojiirra ooluu kan danda’u dha jedha. Haa ta’u malee, naannoo duraanuu waldhabdee keessa jiru keessatti humna fayyadamuun rakkoo jiru hammeessuu waan danda’uuf tarkaanfii waraanaa akka hin fayyadamne Iyyaasu akeekkachiisaniiru. Garaa waraanatti deemun kun waraana bakka bu’umma biyyoota baha giddugaleessaa kan akka Yunaayitid Arab Emireetota (UAE) fi Sa’uudii Arabiyaa, akkasumaas Ameerikaa fi Raashiyaa giddu fiidu danda’a jedha. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button