AADAA FI AARTIIODUU
Trending

Oduu: Keeniyaatti dubartoonni 100 ta’an sochii aadaa fi duudhaa Booranaa kunuunsanii dhalootaatti dabarsuuf kaayyeeffate eegalan

Finfinnee, Amajjii 11/2024 – Gareen dubartoota Booranaa biyya Keeniyaa Kaawuntii Isi’oloo keessa jiraatan duudhaa fi aadaa isaanii guddisuu fi kunuunsuun faayidaa barnootaaf dhaloota ammaa fi gara fuula duraatiif akka darbu tattaaffii jalqabuu isaanii miidiyaan Neeshiin gabaaseera.

Gareen ‘Gadhis Adhaa’ jedhamu kun dubartoota 100 kan of keessaa qabu yoo ta’u, dubartootni irra caalaan isaanii umriin isaanii waggaa 50 ol ta’uu eerameera. Sochiin taasisaa jiran kanas, bara dijitaalaa aadaa addunyaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiru madaaluun hambaa aadaa badhaadhaa isaanii eeguuf kan yaadame ta’uu gabaafame.

Dura teessuun garee kanaa kan ta’an Aadde Habibaa Waariyoo, hambaalee aadaa kunuunsuu fi galmeessuu barbaadan keessaa sirboota fi shubbisa aadaa, uffata aadaa, qophii nyaataa fi aartii adda ta’an ta’uu eeruun, hambaaleen aadaa kunneen keessa muraasa dhaloota dargaggoota biratti badaa akka jiran hubanneerra jedhan.

“Dargaggoonni keenya eenyummaa isaaniin akka boonaniif aadaa isaanii waliin akka wal qunnamanii fi dinqisiifatan gargaaruu barbaanna,” kan jedhan Aadde Habiibaan, sagantaa barnoota aadaa isaanii keessattis dargaggoota irratti xiyyeeffachuu isaanii ibsaniiru.

Hawaasa naannoo Oromiyaa bira darbee Keeniyaa keessatti kan argamu, akkasumas kaawuntii Isi’oloo keessatti lakkoofsa baay’inaan jiraatan keessa tokko kan ta’e Booranni, maatii hawaasa Oromoo keessatti hangafa jedhamee beekama. 

Sochii aadaa fi duudhaa Booranaa kunuunsanii dhalootaatti dabarsuuf godhamu kanaan, wiirtuu jiraattonni meeshaalee aartii fi hambaalee aadaa isaanii itti argatan hundeessuuf karoorfamuu ibsameera.

Barreessituun garichaa Soofiyaa Godaanaa Moluun agarsiisawwan garagaraa qopheessuun sagantaalee hubannoo aadaa gaggeessuuf karoorfachuu ibsuun, hanqinni maallaqaa garuu danqaa itti ta’uu himaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Aadaa keenya qooduun kunuunsanii eeguuf karaa filatamaadha. Nuti garuu hojii kana hojjechuun hanqina maallaqaa qabna,” kan jedhan Aadde Soofiyaan, mootummaa fi dhaabbilee miti mootummaa deeggarsa akka godhaniif waamicha taasisaniiru. 

Turizimii biyya keessaa guddisuu keessattis mootummaa Keeniyaa waliin hojjechuuf fedhii akka qaban ibsaniiru. AS

Related Articles

Back to top button