DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Itoophiyaatti lammiileen miiliyoona 4 ta’an deeggarsa nyaataa aatattamaa akka barbaadan ibsame

Finfinnee, Amajjii 10/2024 – Naannolee hongeen miidhaman kan akka Oromiyaa, Affaar, Amaaraa, Tigraay, Kibbaa fi Kibba Lixa Itoophiyaa keessatti namoonni gara miliyoona 4 ta’an gargaarsa nyaataa hatattamaa akka barbaadan Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Itoophiyaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa beeksisan.

Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa fi Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, kenniinsa gargaarsa namoomaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti raawwatamaa jiru ilaalchisee ibsa waloon kennaniin, naannolee kunneenitti hanqina nyaataa hongee hordofee mudateen alatti dhibeewwan akka busaa fi koleeraa mudachuu fi beeladoota irrattis miidhaan qaqqabaa jiraachuu ibsaniiru.

Daangeffamni qabeenya hidda gadi fageeffate akkuma jirutti ta’ee rakkoon nageenyaa iddoo tokko tokkotti jiru raabsa gargaarsa namoomaa irratti dhiibbaa hamaa akka uume ibsichaan eerameera.

Akkasumas naannoolee hongeen miidhaman irra caalaan isaanii mootummaa fi dhaabbileen gargaarsaa deeggarsa namoomaa kennuu akka danda’an kan ibsame yoo ta’u, mootummaan deeggarsa marsaa sadiitiin yoo xiqqaate lammiilee miliyoona 7.3 ta’aniif gargaarsa namoomaa kennuu akka danda’e ibsameera.

Naannawaa walakkeessa baatii Muddeetti deeggarsa dhaabbilee biroo fi Sagantaa Nyaataa Addunyaa eegalameen Naannoo Amaaraa, Tigraay, Somaalee fi Afaaritti lammiilee miiliyoona 6.5 deeggarsa akka argatan taasifamuun ibsameera.

Dhiyeessiin deeggarsa namoomaa kunis kanneen deeggarsi dursa barbaachisu hundaaf baatii Amajjii cimee kan itti fufu ta’uu ibsichaan akeekameera.

Qaamoleen tumsitootaas sochii kana tumsuuf xiyyeeffannaa akka kennan waamichi kan dhiyaate yoo ta’u, deebii yeroon gaafatu deeggarsa maallaqaa fi namoomaa dhiyeessuun dhimma murteessaa ta’uun eerameera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Mootummaa fi dhaabbileen deeggartootaa, deeggarsa namoomaa gama dhiyeessuun muuxannoo qabanii fi humna nama baratee qaban hojichaaf oolchuuf qophii ta’uu ibsichaan akeekaniiru. AS

Related Articles

Back to top button