AADAA FI AARTIIODUU
Trending

Oduu: Itoophiyaan hambaalee seena-qabeessa galmeessisuun Afrikaa keessaa tokkoffaa taate

Finfinnee, Fulbaana 22, 2023 – Itoophiyaan baay’ina hambaalee seena-qabeessa dinqisiisoo ta’an dhaabbata idiladdunyaa hambaalee galmeessu UNESCO jedhamuun beekamtii argataniin Afrikaa keessaa tokkoffaa ta’uu Business Insider African gabaaseera.

Itoophiyaan tokkoffaa kan taate hambaalee seena-qabeessa dinqisiisoon ta’an 11 galmeessisuu miidiyichi eereera. Bosonii gaarreen Baalee hambaa seenaa qabeessa ta’ee UNESCOtiin tibbana galmeeffamuu biiroon aada fi tuurizmii Oromiyaa beeksiseera.

Biyyoonni Afrikaan hedduu hambaalee seena-qabeeyyii hedduun kan beekaman ta’us Itoophiyaan biyyoota hambaalee dinqisiisoo galmeessisan keessaa hambaalee 11 galmeessisuun tokkooffaa ta’uu miidiyichi eereera. Itoophiyaatti aananii Afrikaa Kibbaa fi Tuunisiyaa 10 fi sagal galmeessisuun tarreedhaan lammaffaa fi sadaffaa ta’aniiru.

Gaarreen Baalee, Dirree Sheek Huseen, Holqa Soof Umar, teessuma lafa Geede’oo, teessuma lafa Konsoo, Batskaana Laalibalaa, Paarkii biyyaaleessa Sameen, Masjida Anajaashii, Siidaa Aksuum, Masara Faasil fi Dallaa Jagool hambaalee galmeeffaman ta’uu odeeffannoon UNESCO irraa arganne ni mul’isa. Gaarreen Baalee, Dirree Sheek Huseen fi Holqi Soof Umar hambaalee seena-qabeeyyiii Oromiyaati.

UNESCOn qaroominaa fi ogummaa namootaa kanaaf beekamtii kennuu fi hambalee ajaa’ibsiisoo kanneen galmeessuun hawaasa idiladdunyaatiif beeksiseera. Iddoolee hambaa seenaa kunneen hawwata tuurizmii ta’uun galii tuurizmii irrraa argamu guddisuuf sababa ta’uun eerameera.

Akkasumas, Itoophiyaan hambaalee hafuuraa nama hawwatan kan akka Irreechaa, Masqalaa fi kanneen biroo UNESCOtiin galmeeffaman hedduu kan qabdu ta’uun ni beekama. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button