SIYAASAXIINXALA
Trending

Xiinxala: Masriin marii gam-sadee dhimma Hidha Haaromsaa irratti godhamu irraa of baasteetti, maaltu itti aana?

Abdii Biyyansaa @ABiyenssa fi Miliyoon Bayyanaa @MillionBeyene

Finfinnee, Amajjii 11/2024 – Dhimma Hidha Guddicha Haaromsaa ilaalchisee Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan gidduu marii marsaa afuriin (lama Kaayirootti, lama Finfinneetti) gaggeeffame furmaata yaadame osoo hin argamsiisin xumurameera. 

Inumaayyuu, Masriin marii kana keessaa bahuu ishee kan beeksistetti. Itoophiyaan “furmaata araarama teeknikaa ykn seeraa dantaa biyyoota sadan eegu kamiyyuu fudhachuu diduu ishee itti fufteetti” jechuun himachuun isheetiin waldhabdeen biyyoota lamaan gidduu jiru hammaataa dhufe.

Itoophiyaan gama isheetiin, mariin biyyoota sadii kun kan fashalaa’e Masriin “sammuu bara koloneeffataa qabaachuu ishee” fi “tattaaffii gara walitti dhufeenyaatti godhamu irratti daandii cufuu” isheetin ta’uu ibsiteetti.

Ogeeyyiin gama isaaniin akka jedhanitti, marii ji’oota afur darbe keessatti godhameen waliigaltee fudhatama qabu qaamni lachuu irraa gahamuu isaa shakkii qabna jedhu. 

Ogeessi Haayidirooloojii fi Yuunivarsiitii Kibba Filooriidaatti Piroofeesara kan ta’e Xuruusaw Asaffaa (PhD) Addis Standarditti akka himanitti, “Masriin itti fayyadama bishaan Abbayyaa irratti itti fayyadama sirnoota bara durii turan hojiirra akka oolu gaafatti, fedhii Masrii kun immoo itti fayyadama bishaan Abbayyaa irratti qaama lachuu giddutti waliigaltee akka irra hin gahamne godheera,” jedhu.

Itti dabaluun, “haala kanaan dura tureen wal bira qabamee yoo ilaalamu ejjennoo [Itoophiyaa fi Masrii] irratti jijjiiramni xiqqaan waan mul’ate fakkaata garuu bu’aawwan barbaachisaan hin argamne,” jechuun yaada kennaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Kana malees, Piroofeesar Xuruusaw ”haalli amma jiru biyyoonni yaa’a gadii lamaan, jechuunis Masrii fi Sudaan qofaan itti fayyadama bishaanii kan of keessatti hammatedha” jechuun, biyyoonni kunneen [keessattuu Masriin] biyyoonni biroo jallisii fi bishaan dhugaatiif laga Abbayyaa akka hin fayyadamne barbaadu jedhu. 

Itoophiyaan gama isheetiin, fedhii nyaataa ishee guutuuf bishaan Abbayyaa fayyadamuun dirqama akka ta’etti fudhachuun, madda yaa’a Abbayyaa 86% ta’uu ishee ilaalcha keessa galchuun yaada kana cimsitee ni mormiiti. “Lagni Abbayyaa dhibbeentaan gara 70% ta’u bishaan Itoophiyaa kan qabaatu yoo ta’u, biyyi kamiyyuu qabeenya bishaanii ishee haala kanaan dura hin argamneen balaadhaaf saaxiltuu hin jirtu,” jedhan.

Ogeessi siyaasa bishaanii fi yuunivarsiitii Finfinneetti kaadhimammaa doktarummaa saayinsii siyaasaa fi hariiroo idil-addunyaa kan ta’e Gaashaaw Ayfaraam, yaada Xuruusaw waliin walii galuun, mariin Hidhaa Haromsaa irratti taasifame bu’aa haaraa tokko hin fidu jedha.

Seenaa qoodinsa bishaan Abbayyaa irra jiru 

Ogeeyyiin lamaan kun garaagarummaan biyyoota lamaan gidduu jiruuf sababa kanneen ta’an adeemsa bulchiinsa yeroo hongee fi yeroo kanatti haalli bishaan itti gadhiifamudha jedhu.

Akka Xuruusaw jedhutti, “Masrii hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa guutuu fi hojiirra oolchuuf ‘waliigaltee hidhaa’ hundeessuuf akeekte. Akkasumas, mala bishaan waliin qooddachuu kan Itoophiyaan mormitu hojiirra oolchuuf yaadde. Waliigaltee yaadame kun waliigaltee addunyaa irratti hin jirree fi haqummaa irratti kan hundaa’e miti,” jedha. 

“Bishaan haqaan qooduu fi yaaddoo hongee furuun kun dirqama Itoophiyaa duwwaa miti, biyyoonni bishaan Abbayyaa qooddatan hundi kan irratti hirmaachuu qabaniidha. Kunis itti gaafatamummaa waloo ta’uudha” jedha.

Gaashaaw gama isaatiin, gareen Masrii bakka bu’ee marii irratti hirmaatu dubbii isaa jijjiire, yaad-rimee bu’uuraa waliigaltee koloneeffataa bara 1958 irratti hundaa’e mariif taa’ee jedhe. Itti aansuunis, “dhimma bulchiinsa hongee fi gadi lakkifamuu bishaanii waliin walqabatee waliigaltee Itoophiyaan fudhachuu hin dandeenye irratti akka gahamu barbaadu” jedhe.

Itti dabaluudhaan, Masrii fi Sudaan  bishaanii hidhaa Abbayyaa irraa dhufuu too’achuun, nageenya, dinagdee fi oomisha qonnaa itti fufsiisuuf murteessaa ta’etti ilaaluun, barbaachisummaa biyyee kuufamuu cimsanii ibsu jedha. Akka inni jedhutti, biyyoonni kunneen kan sodaatan osoo biyyee gahaan hin uumamin oomishni qonnaa Sudaan fi Masrii keessatti gadi bu’a jechuuni. 

Itoophiyaan gama isheetiin, hidhaan Abbayyaa balaa lolaa ni salphisa jechuun dubbatti, “Masrii fi Sudaan ammoo biyyee baay’ee akka isaanitti fiduuf lolaan jabaa ta’e akka dhufu barbaadu,” jedhe. 

Itti aansee maaltu dhufa?

Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduutti waliigaltee walhubannaa dhimma galaanaa irraa gahameen, Itoophiyaan buufata waraanaa buufata galaana Somaalilaand irraa akka kennamuuf, Somaalilaandiif immoo Itoophiyaa beekamtii idil-addunyaa akka kennituuf wal hubannoo irraa gahanii jiru. 

Hariiroo Itoophiyaa fi Somaalilaand hordofuun, Masriin Somaaliyaa waliin akka tumsitu ibsiteetti. Somaaliyaan waliigaltee kana abbaa biyyummaa fi birmadummaa ishee akka cabseetti fudhachuun waliigaltee kana kufaa taasisteetti. Ogeeyyiin akka jedhanitti, Masrii taateewwan akkanaa fayyadamuun biyyoota gaanfa Afrikaa fi kanneen biroo waliin tumsa tarsiimoo gochuun Itoophiyaa irratti dhiibbaa uumuu dandeessi jedhu.

Gaashaaw, marii Gamtaa Afrikaatin durfamu osoo hin milkaa’iin hafee sababeeffachuun Masriin marii hidhaa Abbayyaa irratti qaamolee sadaffaa hirmaachisuuf akka yaaddu ibseera. “Kunis dhaabbilee akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, BRICS fi Liigii Arabaatti dhiyyeesuun akka ilaalamu gochuu dandeessi, kun immoo dhimma hidhaa haaromsa Abbayyaa rakkoo idil-addunyaa gochuuf kan kaayyeffateedha,” jechuun ibseera.

Masrii dhimma Abbayyaa humnoota idil-addunyaa gurguddoo waliin tarsiimoodhaan kan walsimsiiftu yoo ta’u, adeemsi kun immoo biyyoonni kun ajandaa isaanii godhatanii akka dhimma Abbayyaa irratti hirmaatan isaan taasisa.

“Haala kanaan jijjiirama siyaasaa irratti hundaa’uun yeroo tokko dhimma biyyoota baha giddugaleessaa gochuun, yeroo biraa ammoo dhimma Indoo-Paasifiik gochuun hojjachaa turteetti. Kaayyoon isaas dhimma hidhaa bishaan Abbayyaa keessatti akka hirmaatan  gochuun pirojektii misooma Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa dhimma nageenyaa taasisuudha,” jedhe Gaashaaw.  

Haata’u malee, Itoophiyaan ammallee ammoo bu’uura seera bishaanii bal’aa ta’ee fi mootummoota laga Abbayyaan daangeeffaman hunda bifa hammaaterra akka gahamuu barbaaddi jedha. AS 

Related Articles

Back to top button