DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Itoophiyaa keessatti “hongee malee beelli hin mudanne” – mootummaa

Finfinnee, Muddee 21/2023 – Gabaasaalee hongeen Itoophiyaa keessatti mudate gara beelatti jijjiirameera jedhan “qaamolee kaayyoo biraa qabaniin kan odeeffamaa jiran malee bu’uura saayinsawaa fi dhugaa qabeessummaa kan hin qabne” ta’uu Komishinara Hoggansa Sodaa Balaa Dr. Shifarraaw Taklamaariyaam ibsan.

Komishinarichi, qaamoleen beelli Itoophiyaa keessatti mudateera jedhan gocha isaanirraa of qusachuu qabu jechuun hubachiisu isaanii FBCn gabaaseera.

Hongeen erga mudate booda mootummaan deeggarsa garagaraa taasisaa turuu eeruun, deeggarsa dhaabbilee deeggarsaa taasisan birrii biiliyoona 4.2 dabalatee deeggarsa namoomaa waliigalaa birrii biiliyoona 15.2 arganneerra jechuu isaanii gabaasichi beeksiseera.

Mootummaan balaawwan uumamaa Itoophiyaa keessatti mudataniif birrii biiliyoona 11 ramadee hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Hongeen kun godinaalee Amaaraa saddeet, godinaalee Affaar sadi fi godinaalee Tigraay sadi keessatti mudachuu eeruun, miidhamtoota hongee kanaa deeggaruuf carraaqqiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Haata’u malee, naannolee muraasa keessatti rakkoon nageenyaa deeggarsa namoomaa dhiyeessuu irratti ammallee qormaata ta’uu himaniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button