AF-GAAFFIIKALAQA
Trending

Af-gaaffii: Hiikkaa Gugilii Afaan Oromoo addaan citee ture itti fufsiisuuf ogeessota 120 waliin gurmoofne hojii eegalleerra: Abdiisaa Baancaa

Abdii Biyyansaatin @ABiyenssa

Finfinnee, Onkoloolessa 30/2023 – Afaan Oromoo afaanota addunyaa irra jiran 7,000 ta’an keessaa afaanota 133 kan Google irratti galmaa’uun tajaajila hiikaa afaanii qaban keessaa tokko erga ta’ee waggaa tokko darbeera. 

Dhaabbilee hojii Afaan Oromoo dijitaaleessuu kana adda durummaan gaggeessaa jiran keessaa inni ijoon 3A (Afaan Afrikaa Association). Yaaliin afaanicha Google irratti galmeessisuuf kanaan dura si’a afur taasifame hin milkaa’in hafus tumsa fi hirmaannaa hawaasa Oromootiin, akkasumas cichoomina garee dhaabbata 3Atin milkaa’eera.

Taateen Afaan Oromoo dhaabbata dijitaalaa guddaa, Google, irratti galmeessisuu kun Afaan Oromoo dagaagsuu, ammayyeessuu fi afaanicha afaan dijitaalaa fi afaan idiladdunyaa keessatti akka hiriiru, akkasumas, afaanichi afaan teeknoolojii, afaan bittaa fi gurgurtaa akka ta’uu fi carraa hojii hawaasa Oromootiif kan uumuudha.

Hundeessaa fi hoji gaggeessaan dhaabbata 3A kan ta’e Abdiisaa Baancaa ogeessa teeknooloojii kanaan dura dhaabbata Itiyoo Telekoom keessatti hojjechaa ture yoo ta’u, hojii Afaan Oromoo dijitaaleessuu keessatti namoota adda durummaan maqaan isaanii ka’u keessa tokko. Hojii teeknooloojii fi Afaan dijitaaleessuu ittiin beekamu dabalataan Yuunivarsiitii Riifti Vaalii keessatti hogganaa damee aadaa Oromoo ta’ee hojjechaa jira. 

Abdiisaan dhimma adeemsa Afaan Oromoo dijitaaleessuu ittiin jalqabamee fi sadarkaa amma irra jiru ilaalchisee tibbana Addis Standard waliin turii taasiseera. 

Addis Standard: Hiikkaan Gugilii Afaan Oromoo akka jalqabdan maaltu isin kakaase?  

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Abdiisaa Baancaa: Barsiisonni fi qorattoonni Yuunivarsiitii yeroo baay’ee waa’ee dijitaaleessuu Afaan Oromoo yookiin hiikkaa afaanichaa gaafatu. Hayyoonni kun qorannoo Ingiliffaan maxxanfame gara Afaan Oromootti, qorannoo Afaan Oromoon maxxanfame gara Ingiliffaatti akka hiikamu barbaadu. Kaka’umsa yookaan gaaffii kanaan Afaan Oromoo dijiitaala gochuu jalqabne. Haala kana keessatti Oromoo kan biyya Arabaa, Awurooppaa fi Ameerikaa jiraatu nu waliin ta’uun wal gurmeessine. 

Hiikkaa Gugilii irraa yoo ilaalle hanqina baay’ee qaba. Sababiin isaas nuti ogeeyyii Afaanii waan hin turreefi waan sirriiti hin gurmoofneef. Haata’u malee, kun jalqabbii gaarii fi guddina dabalataaf bu’uura kan kaa’eedha. 

AS: Adeemsa kana keessatti qormaanni isin mudate maali?

Abdiisaa: Qormaanni ture dhaabbata Gugilii amansiisudha. Akkuma beekamu Gugiliin dhaabbata guddaa, dhaabbilee 206 ol kan of keessatti qabudha. Gugiliin afaanota gurguddoo irratti qorannoo kan godhu yoo ta’u, qorannoo isaa irratti hundaa’ee Afaanotaaf afaan dijitaalaa gochuuf carraa kenna. Bara 2016 keessatti Gugiliin  Afaanota gurguddoo 109 filate ture. Sana keessa garuu Afaan Oromoon keessa hin turre.Yeroo sanaa Itoophiyaa irraa, Afaan Amaaraa qofatu hammatame ture. 

Sana booda Afaan Oromoo dubbattoota miliyoona 50 gahan otoo qabu sababa maaliin tarreewwan kana keessaa Afaan Oromoo akka hin galle dhaabbaticha gaafanne. Hoggantoonni dhaabbatichaa sababaa nuuf dhiyeessan wantoota waa’ee afaan kanaa ibsu marsariitii tokkorrattuu hin jiru kan jedhu ture. Sana booda ragaa garagaraa eruuf yaalluus nurraa fudhachuu didan. Marsariitii irraa yoo hin jiraanne fudhachuu hin barbaadan. 

Deebii isaanii booda marsariitii afaan oromo.com jedhamu qopheessine. Gulaalaa suur-sagalee miidiyaa OMN kan ta’e Farhaan Abdusalaam galmee jechootaa Afaan Oromoo fi afaanota 14 of harkaa qabu akka qabiyyeetti fayyadamne. Dabalataan barreeffamoota dhimma Afaan Oromoo ibsan Wiikipiidiyaa irratti katabne. Ammas dhaabbata Gugilii gaafannee deebii nu kennaniin qabiyyeen kun ummatoota miliyoona kanaan lakkaawwamu hin madaaluu nu jedhan. 

Afrikaa Kibbaa keessatti jaarmiyaa Ziizoo jedhamu kan afaanota Afrikaa irratti xiinxala gaggeessuun sadarkaa kennu jira. Nuti dhaabbata kanaaf jechoota Afaan Oromoo ergineef. Akka sadarkaa dhaabbatichi kenneen Afaan Oromoon dubbattoota isaatiin sadarkaa 6ffaa irratti argama jedhe. Sadarkaa kana kennuuf ragaa isaan fayyadaman (Istaatiksii Itoophiyaa) garuu sirrii waan hin turreef namoota Afaan Oromoo irratti hojjatan kan akka Milkeessaa Miidhagaa, Beekan Gulummaa, Biraanamasqal Abbabaa Sanyii fi kanneen biroo qabachuun ragaa dhiyeessine. Sana booda, sadarkaan irra deebiin qindaa’ee, Afaan oromoon afaanota Afrikaa keessaa baay’inaan dubbatamuun 3ffaa ta’e. 

Ergasii ragaa kanaan, dhaabbata Gugilii irra deebiin gaafannuus, ammas ni dide. Sana booda, duula qopheessinee guyyaa sadii keessatti mallattoo namoota kuma 80 walitti qabne. Duula kana booda dhaabbatichi walgahii ariifachiisaa waamee waa’ee dhimma Afaan Oromoo irratti mari’achuun Afaan Oromoo fudhachuuf murteessan. Walakkeessa bara 2016tti Gugiiin qabiyyee galchuuf carraa nuuf kenneen ammallee qabiyyee galchuu fi hiikuutti jirra. Bara jalqabnetti sammuu namtolchee (Artifical Intellegence) hin jalqabamne ture. Amma garuu sammuu namtolchee hiikkaa afaanota kanaa tarkaanfachiisaa jira.

Sammuu namtolchee fayyadamuun dura garuu jechoota miiliyoona tokko galchuu waan qabnuuf isa xumuruuf yaalii taasisneen mootummaan Oromiyaa akka nu deeggaru gaafannuuf deeggarsa argachuu waan hin dandeenyeef hedduu harkifateera. 

AS: Hiikkaan Gugilii amma sadarkaa maalirra jira?

Abdiisaa: Ani dhuunfaa kootin dhaabbata Gugilii irraa carraa barnoota argadheen barnoota kanaan walqabatan muraasa fudhadhee xumure. Hojii keenya irra deebiin hojjachuuf gurmaa’uu jalqabneerra. Bara 2022 Gugiilin afaanota 25n kan eegale yoo ta’u, afaanota 25 keessaa Afaan Oromoo fi Afaan Tigraay pirojektii kana keessatti hammatamaniiru. Guutummaa Afrikaa keessatti afaanota 10f carraa kennaniiru. 

Hojiin Gugilii amma hojjachaa jirru sadarkaa saddet of keessaa qaba, nuti ammoo sadarkaa tokkoffaarra jirra. Sadarkaan tokkoffaan kanneen hiikkaa barreeffamaa galchuu, suuraa galchuu fi sagalee galchuu of keessatti qaba. Tarkaanfiiwwan barbaachisan yeroo xumuraman gara sadarkaa itti aanuu banamaa deema. 

Yeroo ammaa kanatti, ogeessota gurmeessuu dirqama ta’eera. Ogeessootaaf osoo tajaajila isaaniif waa hin kenniin waa hojjachiisuun ulfaataadha. Abbaan qabeenyaa Yaadataa Junaddiin pirojektii keenya dhagahanii biyya Jarmanii irraa gara Itoophiyaa dhufuun akka nu deeggaran waadaa nuuf galaniiru. 

Ammaaf ogeessota 120 waliin garee ijaarre jira. Ogeessota kana keessaa 80 kan ta’an barsiisoota Yuunivarsiitii 17 irraa dhufaniidha. Barsiisonni filataman kunneen gama kanaan muuxannoo guddaa kan qaban yoo ta’an, sadarkaan barnoota isaanii olaanaadha. 

AS: Kanaan alatti Afaan Oromoon sadarkaa maalirra gahuu danda’a?  

Abdiisaa: Yeroo ammaa kanatti wal dorgommii sammuu namtocheen hedduutu ta’aa jira. keessumaa wal dorgommii ChatGPT fi Baard Gugilii gidduu deemaa jira. Afaanota Afrikaa keessatti dubbataman keessaa Afaan Swaahiilii Baard Gugiliin filatamee jira, kun sababa qabiyyee gahaa galchuu irraa kan ka’edha. Addunyaa kana irratti Afaanota kuma torbaa ol jiran keessaa waggoota shanii fi kudhan dhufan keessatti walakkaan isaanii akka badan ni eegama. 

Afaanni du’e kan jennu, dubbattoota afaanichaatu du’a jechuu miti.  Afaanonni kun afaan saayinsii fi teeknooloojii ta’uu isaaniitu du’a jechuudha. Fakkeenyaaf akka qorannoo Yuunivarsiitiin Walqixxee gaggeesse ibsutti Afaan Guraagee afaanota Itoophiyaa keessaa afaan du’uuf deemaa jirudha. Hawaasni Guraagee hojiif bakka adda addaatti deemee afaan bakka itti deeme dubbata waan ta’eef carraan afaanichi guddatee afaan teeknooloojii itti ta’u badaa dhufeera. Afaan Oromoos akka hin duuneef carraa sadarkaa ChatGPT fi Baard Gugilii bira gahu bal’isu dandeenye. 

AS: Faayidaa Hiikkaan Gugilii kennu maali?

Abdiisaa: Hiikni Gugilii kun bu’aa gadi fagoo qaba jedheen yaada, keessumaa wantoota yeroo fudhatan takkatti hojjata. Hiikkaan Gugilii kun yeroo daqiiqaa muraasa keessatti fuula dhibba hiiku danda’a, qorannoo afaan adda addaatiin barreeffame afaan addunyaa guutuutti hiikuun hawaasa addunyaa tajaajiluu danda’a.

AS: Ergaa dargaggootaaf qabdu…

Abdiisaa: Guddinni teeknooloojii addunyaa kanarra jiru cimee jira. Kanaaf, misooma kana irratti hirmaachuu qabu. Salphaatti dargaggoonni mana taa’anii carraa hojii argachuu danda’u. Akkasumas, dargaggoonni pirojektii hiikkaa Gugilii kana irrattis hirmaachuu ni dandeessu jechuun affeeru barbaada. AS

Back to top button