KALAQASEENESSA

AS-Jabaa: Dargaggeessa Jenereetara boba’aa malee hojjatu fi meeshaa laaboraatorii ashaaraa harkaan gosa dhiigaa baruu dandeessisu kalaqe

Fedhasaa Shuumaa

Abdii Biyyansaatin @ABiyenssa

Finfinnee, Adoolessa 21/2023 – Dargaggeessi kun Fedhasaa Shuumaa jedhama. Godina Qeellam Wallaggaa magaalaa Dambii Dollootti dhalatee guddate. Sababa maatiin isaa harka qaleeyyii ta’aniif obboleewwan isaa torba barsiisuuf barnoota isaa yeroo garagaraatti addaan cituu kan himu Fedhasaan, yeroo ammaa barnoota isaa sadarkaa tokkoffaas achuma magaalaa Dambi Dolloo mana barumsa Oliiqaa Dingiil jedhamutti barachaa kan jiru yoo ta’u, kutaa 7ffaa xumuree garaa kutaa saddeetitti darbeera.

Hojiiwwan kalaqaa yeroo garaagaraatti hojjeteen abbaa kalaqaa cimaa jedhamuun badhaasaalee hedduu sadarkaa naannoo Oromiyaa hanga biyyooleessaatti badhaafameera. Yeroo ammaa kana ammoo hojii suuphaa eletiroonikisii hojjata. Jireenya isaa moobayilii, teleeviziyoona fi elekitronikisii kanneen biroo suuphuun of jiraachisaa jira.

Fedhasaan hojiiwwan kalaqaa badhaasa adda addaa isaaf argamsiise ilaalchisee Addis Standard waliin turtii taasiseera.

Jalqabbii hojii kalaqaa fi Jenereetara boba’aa malee hojjetu

Yeroo kutaa 4 barachaa ture irraa kaasee hojii kalaqaa meeshaalee elekroniksii akka jalqabe kan himu Fedhasaan, “bara 2005 ALI irraa kaase hojii jenereetara irratti xiyyeefadheen hojjachaa ture garuu milka’uu hin dandeenye,” jedha. “Bara 2009 hojii kana irra deebiin cimsee hojjachuu jalqabee achii bara 2014 milkaa’uu danda’eera, akka hojjatuus mirkaneeffadheera. Maqaa isaa SMS AC jedheen moggaase,” jedha.

Fedhasaan dhiyeenya kana Jenereetara karaa moobayiliin banamuu fi cufamuu hojjatee xumureera. Jenereetarichi ammoo boba’aa kan hin fayyadamne fi sagalee kan hin qabne ta’uun isaa adda isaa taasisa. 

“Jenereetarri ani hojjadhe kun guyyaa sadiif ibsaa irraa chaarjii yoo fudhate, waggaa tokkoo fi ji’aa shaniif kan hojjatuudha. Yoo baadiyyaa ta’e ammoo bakka ibsaan hin jirre chaarjii paanaalii aduutin (solar panel) irraa guyyaa afuriif yoo godhame, waggaa fi ji’a shaniif ni hojjata. Haalli kun immoo deebisanii chaarjii isaa guutuu akka danda’amuuf dandeessisa. Janareetarri kun ibsaan inni kennu osoo addaan hin citiin waggaa tokko fi ji’a shaniif tajaajila kenna, garuu yeroon isaa ammuma fagaachaa deemeen humni ibsaa kennu xiqqaachaa deema,” jedha. 

Jenereetara Fedhasaan kalaqe

Jenereetarri kun kan adda isa taasisu bakkuma jirrutti teenyee mobaayila keenya qofa fayyadamuun akka dhaabatu taasisu keenyaati jedha. “Osoo elekitrikii qabsiisnee irraanfannee bakka biraa deemne bakkuma jirru irraa bilbillee akka dhaabatu gochuu dandeenya. Kun akka hojjatuuf mobaayila irratti 09 jennee bilbiluu qofa nu gaafata,” jedha. Meeshaa kana fayyadamuuf siimii mobaayila lama akka barbaachisu kan himu Fedhasaan, tokko banuuf tokko ammoo cufuuf akka fayyadan ibsa. 

Akka Fedhasaan jedhutti, jenereetarri SMS AC jedhamu kun yeroo ammaatti hawaasa muraasaaf tajaajila kennaa jira. Ampoolii waatii 100, Jiipaasii, Televiziyoona dabalatee meeshaalee elektironiksii garaagaraaf tajaajila kenna. Kana malees annisa AC (Alternating current) garaa DC (Direct current), DC immoo garaa ACtti jijjiiru danda’a.

“Jeneratariin gabaarra jiru yoo ilaallee sagalee qaba, rukutanii kaasuu gaafata. Kana malees, boba’aa waan fayyadamuuf aara baasa,” kan jedhu Fedhasaan, “Inni kun [SMS AC] garuu sagalee hin qabu, boba’aa hin nyaatu, aaras hin qabu. Sagalee waan hin qabneef mana keessa taa’uu danda’a,” jedhe.

Jenereetarri boba’aa malee hojjetu kun hawaasa mala jireenyaan boodatti hafee jiruuf faayidaawwan hedduu akka qabu hima, Fedhasaan. Isaan keessaas mancaatii bosonaa mukkeen barbaachaaf godhamu hambisuu, aara waan hin qabneef faalama qilleensaa hambisuu, manneen yaalaa adda addaa keessatti sababa ciccituu ibsaatin wal’aansa danqamaa ture hambisuu, tajaajila dhaabbilee jireenya hawaasaaf bu’uura ta’an akka addaan hin cinne taasisu akka faayidaatti kaasa. 

Fedhasaan dorgommii kalaqaa sadarkaa biyyooleessaatti gaggeeffama irratti hojii isaa yeroo agarsiisu

Kalaqa meeshaa Laaboraatorii

Fedhasaan kalaqa jenereetara irraa darbe kalaqa meeshaa Laaboraatorii irrattis gahee isaa kaawwachaa jira. Meeshaa laaboraatorii ashaaraa harkaan qofa gosa dhiiga namaa himu hojjechuu hime. Kalaqa meeshaa laaboraatorii kanaanis sadarkaa federaalaatti badhaafameera. Hojii kalaqa meeshaa laaboraatorii kanaaf sababa isatti ta’e ammoo akka armaan gadiitti qoodeera.

“Yeroon isaa bara ALI 2004tti ture, naannoo keenyatti ijoolleen otoo kubbaa taphatanii walitti bu’anii dhagaa darbatameen mataa mucaa tokko rukutuun lafee isaa akka cabuu godhe. Mana yaalaa isa fudheen deeme. Sana booda obboleessi mucaa kanaa baay’ee yeroo cinqamuu isa argeen sababa qorannoo gosa dhiigaa baruuf taasifamu baay’ee waan tureef hamma dhiigni argamuutti lubbuun mucaa kanaa darbuu danda’a jedhe yaadaan ture. Yeroo sanitti meeshaa qorannoo kana salphisu kalaqu akkan qabu murteesse. Sanaanis milkaa’ee badhaasa itti argadheera.” 

Kalaqa meeshaa ashaaraa harkaan gosa dhiigaa himu kanaan dorgommii biyyooleessaa bara 2022 keessatti Buraayyuutti gaggeeffame irratti injifachuun Ministeera Hojii fi Ogummaa Itoophiyaa irraa maallaqa kuma dhibba lamaa fi kuma jaatamaa (260,000) badhaafameera.

Fedhasaan yeroo Ministeera Hojii fi Ogummaa irraa badhaasa isaa fudhatu

Kana malees, kalaquma kanaan bara 2017 Pireezdaantii Naannoo Oromiyaa duraanii Lammaa Magarsaa irraa badhaasa Geeba fi Medaaliyaa argateera.  Akkasumas bulchaa godina Qeellam Wallaggaa Gammachuu Abarraa irraa warqee qarshii kuma shantamaa baasu fi medaaliyaa badhaafameera.

Kalaqa Alaarmii/Akeekkachiistuu

Kana malees, kalaqaawwan biroo irratti milkaa’uu hima. “Kan biraa meeshaa manneen barumsaa keessatti sagantaan barnoota tokko xumurame gara itti aanutti akka darbamuuf daqiiqaa afurtama, afurtamaatti iyyuu (Alaarmii) kalaqeera. Meeshaan kun namni irra deddeebiin osoo hin xuqiin ofiisaa sa’aatii isaa eeggate iyyuun hawaasa mana barumsichaaf ergaa dabarsa.”

Yeroo boqonnaa isaa baay’inaan kalaqaawwan hojjechuun karoorfate irratti qo’annoo taasisaa akka dabarsu hima. Kalaqaawwan biroo hedduu hojjetee yaaliirra akka jiru kan himu Fedhasaan, yaalii taasisu kanaanis yeroo milkaa’u hawaasaaf akka ifa taasisu ibsa. 

“Saayintistii Fayyaa fi Makaanikaal Injinara ta’uun barbaada”

Gara fuula duraatti barnoota isaa itti fufuun Saayintistii Fayyaa ta’uuf kaayyoo akka qabu kan himu Fedhasaan, jaalala hojii kalaqaa isa keessatti jiru irraan kan ka’e barnoota Makaanikaal Injinariingiifis fedhii guddaa akka qabu fi gama sanaanis beekumsa isaa gabbifachuuf akka yaadu hime. 

Ergaa dargaggootaaf qabu…

Akka Fedhasaan jedhutti, hojiin kalaqa adda addaa biyyoota kan akka Itoophiyaa keessatti xiyyeeffannoo isaaf malu argachuu dhabuun isaa kanneen fedhii fi dandeettii qabaniif baay’ee rakkisaa ta’eera. Deeggarsa maallaqaa hojiin kalaqaa kun yaada fi yaalii irraa darbee gara kalaqa bu’aa buusutti akka jijjiiramu dandeessisu dhabamuun namoota hedduu abdii kutachiise fuula isaanii gara hojii biraatti akka naanneeffatan taasisu hima. 

“Dargaggonni fedhii fi dandeettii kalaqaa qaban abdii kutachuu hin qaban. Kalaqni keenya iddoo hundatti fudhatama argachuu dhabuu danda’a garuu yaada fi kalaqa keenya irra cichinee yoo hojjanne ni milkoofna,” jedha Fedhasaan.  

“Kalaqoonni kunniin gara hojiitti jijjiiramanii rakkoo biyyattii akka furaniif mootummaan gahee guddaa qaba,” kan jedhu Fedhasaan, qaamolee mootummaa sadarkaa sadarkaan dhimmichi isaan ilaallatu manneen barnoota dandeettii gabbifannaa hojii kalaqaa banuu fi dargaggoota hojii kana irratti bobbahanii jiraniif deeggarsa maallaqaa taasisuun gahee isaanirraa eegamu akka bahatan waamicha taasiseera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button