AADAA FI AARTIISEENESSA
Trending

Biqiltuu Waaqasaa: Walaleessituu kitaaba kuusaa walaloo ‘LEETOO’ jedhuun og-barruu Oromoo keessatti tarkaanfii jalqabaa eegalte 

Abdii Biyyansaatin  @ABiyenssa

Finfinnee, Sadaasa 14/2023 – Kitaabni walaloo mata duree ‘LEETOO’ jedhuun walaleessituu Biqiltuu Waaqasaan barreeffame guyyoota muraasa booda eebbifama. Leetoo jechuun jecha Afaan Oromoo looga Gujii keessa argamu yoo ta’u, hiikni isaas jireenya jechuudha. Kitaabichi walaloowwan dhimmoota fi haalota jireenya keessa mudatan hunda ibsuuf waan yaalaniif, mata dureen kitaabichaas yaada kana ibsuuf yaadamee mata dureen kun itti moggaafamuu barreessituun kitaabichaa Biqiltuu Addis Standarditti himte.

Akkaataa uummanni Oromoo yaadasaa ittiin ibsatuufi ergaa dabarfatu keesssaa og-barruun bakka olaanaa qaba; isaan keessaa ammoo walaloon inni ijooti. Walaloon jiruufi jireenya uummata Oromootiin walitti hidhannoo cimaa qaba. Akka qorattoonni seenaa fi hawaasummaa Oromoo jedhanitti, walaloon barreeffamaan katabamuu eegaluun dura, afaaniin dhalootaa gara dhalootaatti darbaa ture.

Nutis walaleessitoota ol adeemoo og-barruu Oromoo keessatti mul’achaa jiran keessaa tokko kan taate Biqiltuu Waaqasaa dubbifneerra. Biqiltuun walaleesituu cimtuu beekamtii argachaa jirtuudha. Waltajjiiwwan adda addaa irratti walaloo ofii barreessite dhiyeessurra darbee, marsaa hawaasaa tiiktookii irratti walaloo gurra hordoftoota ishee bira geessuun beekamti.

Biqiltuun kitaaba tullaa walaloowwan jalqabaa qopheessite eebbisiifte uummata biraan gahuuf qophii taasisaa jirti. Kitaabni mata duree ‘Leetoo’ jedhu qabu kun Muddee 10, 2023 Hoteela Ililliitti eebbifama. Dhimma kitaaba walaloo kanaa fi muuxannoo ogummaa ishee ilaalchisee Addis Standard waliin turtii taasisteetti. 

Biqiltuun eenyu? 

Biqiltuu Waaqasaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Abbayyi Coommaan bakka Migiruu jedhamutti dhalattee guddatte. Barnoota ishee sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa mana barumsaa Miigiruu keessa argamutti baratte. Barnoota qophaa’ina Finca’aatti hordoftee bara 2012 ALI erga xumurtee booda, gara magaalaa Shaggar ammaa, kutaa magaalaa Burraayyuutti Yuunivarsiitii Riifti Vaalii keessatti barnoota herreega (accounting) digirii jalqabaa barachaa jirti.

Biqiltuun Aartii, kessattuu walaloo baay’ee akka jaallatu himti. Walaloo dubbisuu kan eegalte sagantaa ijoollee waldaa Makaana Iyyesuus magaalaa Migiruu keessatti argamutti akka ta’e yaadatti. Kana malees, walaloo barreessitoonni akka Lataa Qana’ii fi Kumaa Safaraa hamilee na kakaasaa turan, anis miila isaanii hordofaa ture jetti. “Akka isaanii ta’uuf yaadaan ture.” Haala kanaan fedhiin walaloo ishee keessatti gagaagaa kan dhufe Biqiltuun, yeroo kutaa 11ffaa fi 12ffaa barattuu TV Oromiyaa, sagantaa Dambaalii Jaalalaa irratti walaloo ofii barreessite dhiyeessaa turte.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Kitaaba barreessuu fi dubbisuun baay’ee natti tola,” kan jettu Biqiltuun, fedhii dubbisuu ishee guddisuu irratti gaheen abbaa ishee guddaa akka ta’e himti. “Abbaan koo barnoota daree bira darbee akkan dubbisuu fi barreessuuf na kakaasaa ture.” Falaasamni walaloo barreessitu dhimma abdii, abdii kutannaa, siyaasa, dinaagdee fi waa’ee gahee shamarran hawaasummaa irratti qaban irratti fuulleeffata jetti.

Yeroo ammaa kana ammoo walaloo ishee suur-sagaleen waraabdee hojjechaa akka jiru fi hanga ammaatti suur-sagalee walaloo sadi xumurtee uummata biraan gahuu kan himtu Biqiltuun, waggoota afran darbaniif kitaaba tuullaa walaloo qopheessaa turte maxxansuuf qophii taasisaa jiraachuu fi kanaafis deeggarsa ispoonsaroota eegaa akka jirtu himti. Kana malees weellisaa Abbabaa Kafaniif albama haaraa hojjechaa jiruuf walaloo sirba lama barreessitee kennuufi himte.

“Ogbarruu Oromoo keessatti gaheen dubartootaa gadi aanaadha, ol’aantummaa dhiirotaan qabame jira. Fuulduratti ogbarruu Oromoo irratti, keessumattuu walaloo irratti mallattoo koo kaa’uun barbaada.”

Biqiltuun walaloo barreessu ala muuziqaa lama, sirba Yooseef Yaadataa “Anaaf-atoo” jedhu fi sirba Moo’ikaa Danfaa “Shinniigaa” jedhu irratti modeela taate hojjetteetti. Akkasumas, faarfannaa wangeelaa Dammee Fiqaaduu fi Abarraa Guddataa irrattis hirmaachuu himti.

Biqiltuuf walaloon maali?

Akka Biqiltuun jettutti, walaloon gosa ogbarruu sirba, fakkii fi afaan fakkeenyaa fayyadamuun miira, yaada fi seenaa dabarsuudha. Kana malees, walaloon bifa hedduu kan akka sooneettii, haayikuu, fi boo’oo bilisaa qabaachuu danda’aa; Aadaa, ammayyaa fi yaalii dabalatee akkaataa adda addaatiin barreeffamuu danda’as jetti.

“Walaloon miiraa fi muuxannoo dhuunfaa ibsuuf, akkasumas dhimmoota hawaasummaa fi siyaasaa irratti yaada kennuudhaaf itti fayyadamuu ni danda’ama. Seenaa keessatti akka mala duudhaa aadaa kunuunsuu fi seenaa fi sheekkoo dabarsuutti itti fayyadamaa tureera, itti fayyadama jiras,” jetti. Walaloon hiika yaadame maal iyyuu yoo ta’e, gatii miidhaginaa fi miiraa isaatiinis dinqisiifamuu ni danda’a jette Biqiltuun.

Kaka’umsa walaloo keessa jiru

Namoonni walaloo barreessan sababoota adda addaa qabu. Gariin walaloo akka bifa of ibsuutti, yaadaafi miira isaanii karaa kalaqaa fi aartiitiin kaa’uuf barreessa. Kaan immoo walaloo akka mala addunyaa naannoo isaanii jiru qorachuu fi hiika itti kennan, afaanitti fayyadamuun ilaalcha fi muuxannoo isaanii dabarsuudhaaf barreessu. Namoonni tokko tokko ammoo walaloodhaan jechoota isaaniitti fayyadamuun jijjiirama hawaasummaa ykn siyaasaa leellisu.

“Namoonni akka walaloo barreessanif kaka’umsa ta’an hedduutu jiru. Ani walaloodhaan yaadafi miira koo karaa kalaqaa fi aartiitiin barreessa. Kana malees, walaloo akkan barreessuuf kaka’umsa kanan argadhu taate addunyaa fi naannoo koo jiru qorachuu fi hiika itti kennuun, jechoota fayyadamuun ilaalcha fi muuxannoo koo dabarsuudhaaf barreessa,” jetti. 

Dabalataanis, “walaloo barreessuuf wantoota na kakaasan keessaa tokko  aktiivizimii ykn jechoota fayyadamuun jijjiirama hawaasummaa ykn siyaasaa leellisudha. Adeemsa kanaan humna jechootaan miira hawaasummaa ibsu fi hubannoo uumuu danda’ama,” jetti. 

“Namni dubbise ittiin of jijjiiruu illee danda’a!”

Akka Biqiltuun jettutti, jechi utubaa fi dagalee walalooti. Kaayyoon jechoota walaloo keessatti argaman miira, yaada fi yaada walaloo barreessaan karaa kalaqaa fi aartiitiin dabarsuudha. Walaloon afaan fayyadamuun fakkii kakaasuu, sirbaafi akkaataa sagalee uumuu, akkasumas hiikaa fi miira gadi fagoo dabarsuu jetti Biqiltuun.

Walaleessitoonni yeroo baay’ee jechoota isaaniitti fayyadamuun haala jiru mormuu, haqaa leellisuu, hawaasa isaaniif sagalee ta’uu danda’u. Walaleessitoonni ibsa kalaqaa isaaniitiin gara laafina fi hubannoo qabsiisuu, akkasumas namoota gara jijjiirama gaariitti akka hojjetan kakaasuu danda’u.

Walaloon raagduudha, miiraa salphaatti fayyadamuun ergaawwan dhiibbaa guddaa uuman ittiin dabarsu danda’ama. Walaloon dhimmoota hawaasummaa, siyaasaa fi naannoo barbaachisoo ta’an irratti ifa baasuun akka meeshaa jijjiiramaatti tajaajiluu danda’a. 

Qabiyyee kitaaba Leetoo 

Kitaabni walaloo guyyoota muraasa booda eebbifamu kun walaloowwan garagaraa 125 kan of keessatti hammate yoo ta’u, fuula 181 akka qabu himteetti. LEETOO jechuun jecha Afaan Oromoo looga Gujii yoo ta’u, hiikni isaas Jireenya jechuudha. “Jireenyi waan hedduu of keessatti qabata. Anis kanaafan wantoota jireenya kana keessatti argeen miira walaloon barreesse kitaaba godhe fide,” jetti Biqiltuun.

“Walaloowwan koo kuusaa walaloo kitaaba koo LEETOO keessa jiran kan waan tokko qofa irratti xiyyeeffatan miti. Hawaasummaa, siyaasa, diinagdee, jaalalaa, amantaafi falaasama jireenyaa hedduu kan of keessatti hammatee bifa hawwataaf adda ta’een qophaa’edha.”

Sababa mata duree kana filachuu ishee yeroo ibsitu, “wanti nuti guyyaa guyyaan goonu hundumtinuu jireenya keessatti hammatama. Wanti jireenyaan ala bahu hin jiru, kanaafan wantota jireenya kana keessatti madaaleefi taajjabeen LEETOO jireenya kana keessatti barreesse” jetti.

Walaloo mata duree “Meetira” jedhuun ofii barreessite keessaa tokko haala armaan gadiin dhiyaateera.

Meetira!

Har’aaf uffaannullee,

suufiif Karabaataa

Gosasaa jijjiirree,

oofnus konkolaataa

Warqiin ijaarrannee,

itti gallus mana

Bor dhiisneema deemna,

dachee bal’oo kana

Akka wanta  baraan,

jiraannuu asuma

Hojjechiifnee Kaartaa,

lafa Kaaree kuma

Akka waan hin duunee,

maaf of goona fira,

Kan baraan hin duune,

rabbi qofaa’t jira!

Hundumtuu ni duuna,

nu ilma namaati.

dhumni keenya bool’a,

Meetira lamaati!

Ergaa walaloo kana duuba jiru yeroo ibsitu, “namni kamuu boru waan du’uuf haga biyya lafaa kanarra jirutti hojii gaarii hojjachuu akka qabu yaadachiisuudha,” jetti. “Akkuma beekamu duuti adeemsa jireenya keessa isa tokko akkasumas waan hin oolledha. Duuti dhugaa yeroo tokkotti hundi keenya fudhachu qabnudha. Haa ta’u malee, namoonni baay’een du’a waan sodaataniif waa’ee du’aa yaaduu hin barbaadan, irraa fagaachuuf yaaluu. Dhugaan jiru garuu duuti waan sodaatamu osoo hin taane, waan akka qaama uumamaatti dhalli namaa fudhatuu qabuudha,” jetti Biqiltuun.

“Waa’ee du’aa yommuu yaadnu seera bu’uuraa barbaachisaa ta’e ilaaluu qabnu keessaa tokko du’uu keenya dura wanta gaarii hojjanneedha. Qajeelfamni kun gochi keenya jireenya dhala namaa keessatti dhiibbaa waaraa akka qabu, akkasumas yeroo du’aan boqonnu hambaa gaarii dhiisuuf carraaquu qabna,” jetti Biqiltuun.

Qormaata kitaaba maxxansiisu

Kitaaba kana maxxansiisuuf dubartummaa isheetin ala deeggarsa dhabuutin hedduu qoramte akka turte kan himtu Biqiltuun, cichoominaan milkeessuu ishee eerti. 

“Dhugaa dubbachuuf adeemsa addunyaa og-barruu keessatti qormaatilee hedduutu na mudatan, keessumaa kitaabakoo kana maxxansiisuuf akka na deeggaraniif dhaabbilee fi abbootii qabeenyaa hedduun dubbise. Garuu baay’een isaanii akkaataa hamileen koo bu’utti na simatan. Qaama baay’ee gaafadheen homaa dhabe abdii hagan kutuu gahutti haamileen koo laafaa ture ta’us garuu harka hin lanne guyyaan har’aa kun akka dhufu waanin beekuufan cichee, cimee tattaafadheen sadarkaa kanaan gahe. Dubartii ta’uun koo illee akkan waan meeqaan danqamu na godhee ture, garuu hundumtuu ni darbame,” jette. 

Karoora gara fuulduraa

“Jalqabuma ijoollee ta’ee walaloo dhaggeefachuu baay’een jaalladha ture. Walaleessituu ta’uunis hawwii koo ture. Amma isa erga milkeeffadhe booda gara fuuladuraaf waanan karoorfadhe jira. Kanuma jabaadhee walaloo bifa haaraa ykn hin baratamneen kalaqa addaa itti dabalee hojjechuudha. Kitaaba kanatti aansee Albama walaloo CDdhaan qopheessee fidaan jira,” kan jettu Biqiltuun, eebba kitaaba walaloo ishee Muddee 10, 2023 gaggeeffamu irratti uummatni Oromoo akka irraa hin hafne waamicha dhiyeessiteetti. AS

Related Articles

Back to top button