AADAA FI AARTIIAF-GAAFFII
Trending

Af-gaaffii: ‘Warraaqsi gama muuziqaa Oromoon jalqabame itti fufuu qaba’: Leencoo Fiqiruu, ogeessa suur-sagalee

Abdii Biyyansaatin @ABiyenssa

Finfinnee, Sadaasa 01/2023 – Suur-sagalee muuziqaa Oromoo yeroo ammaa kana fooyya’insa guddaa agarsiisaa jiru keessatti maqaan Leencoo Fiqiruu jedhu adda durummaan ka’a. Leencoon ogummaa isaatin daayireektara suur-sagaleeti.

Leencoo Fiqiruun godina Wallagga Bahaa magaalaa Naqamteetti dhalatee guddate. Barnoota isaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa achuma magaalaa Naqamtee mana barumsaa Dallootti baratee xumure. Barnoota isaa qophaa’ina ammoo mana barumsa qophaa’ina Naqamteetti hordofe. Sana booda Yunivarsiitii Wallaggaatti ramadamee damee barnoota Aartii Tiyaatiraa hordofuun bara 2019 eebbifameera. 

Leencoon namoota hedduu biratti suur-sagaleewwan muuziqaa Afaan Oromoo babbareedan daayireektara ta’ee qopheessuun beekama. Tibbana ammoo mana barumsaa taatummaa barsiisu ‘Akkaadaamii Aartii Abbaa Lataa’ jedhamu waahila isaa Abrahaam Gammachuu waliin hundeesseera. Dhimmoota ogummaa isaa, muuxannoo fi ilaalcha indaastrii muuziqaa Oromoof qabu, akkasumas akkaadaamii aartii dhiyeenyatti baname ilaalchisee Addis Standard waliin turtii taasiseera. 

Addis Standard: Daayireektarummaan maali?

Leencoo Fiqiruu: Daayireektara suur-sagalee jechuun ogeessa suur-sagalee yaada muuziqaa tokko bifa ilaalamu danda’utti qajeelchu fi itti gaafatamummaa fudhatee oomishaa suur-sagalee muuziqaaf haala mijeessuu jechuudha. Adeemsa kana keessa daayirektarri kun sosochii muuziqaa, garee teeknikaa, taatoota, moodeelotaa fi shubbistoota muuziqichaa irra jiran hogganuu fi ajaja kennuun gahee isaati.

Daayireektara ta’uu jechuun seeneessaa gaarii ta’uu yookaan seenaa himaa ta’uu osoo hin taane, sammuu daawwattootaa keessatti fakkii uumuudha. Innis dandeettii seenaa tokko gara fakkiitti jijjiiruu qabaachuudha.

AS: Ogummaa daayirektarummaa suur-sagaleetti fedhii akka qabaattu maaltu si godhe? 

Leencoo: Ijoollummaa kootti fooddaa TV irratti suur-sagalee (viidiyoo) garagaraa ilaaluu baay’een jaaladha ture. Viidiyoo kamiyyuu yeroon ilaalu kofa (angle) haaraan ilaaluu fi tilmaamuuf nan yaala. Osoon ana ta’ee kana nan hojjedha, kana keessaa haqaa, kana itti dabala jechaa waan hedduun nan qeeqa, nan madaala ture. Gochi kun dandeettii viidiyoo hojjechuu koo akkan guddifadhu fi gabbiffadhu na gargaareera.

Yeroon barataa kutaa 7ffaa fi 8ffaa turetti abjuun abjoochaa ture dhimma taatoo ta’uu ture. Yeroos damee miinii miidiyaa, diraamaa fi monoloogii irratti nan hirmaadha ture. Yeroo mana barumsa tiyaatiraatti galuus kaayyoon koo daayireektara ta’uu osoo hin ta’iin taatoo ta’uu barbaadan ture. Garuu daayireektara ta’uun hojii bohaartii koo ture. Artistoota Oromoo gaafan isaan qunnamu waan suur-saglee isaanii irratti argee akka sirraa’u yaade ittan hima ture. Adeemsa keessa namoonni baay’een hojii koo baay’ee jaallachuu jalqaban. Anis fedhii hordoftoota koo fi daawwattoota koo ilaaluun hojii daayireektarummaa hojjechuu itti fufe.

Haala kanaan yeroo jalqabaaf affeerraa weellisaa Leencoo Gammachuu irraa naa dhufeen bara 2018 barataa yuunivarsiitii waggaa 3ffaa ta’ee muuziqaa isaa ‘Muuquxxaayee’ jedhu daayireektara ta’uun hojjedhee ittiin beekame. 

AS: Hojiiwwan ogummaa kanatti akka fakkeenyaatti ilaaltu jira?

Leencoo: Namoota fi hojiiwwan ani ilaalaa guddadhe baay’ee jiru. Isaan keessaa yeroon barataa kutaa saddeettaffaa turetti sirba Abbuush Zallaqaa fi Nugusuu Taammiraat nan hordofa ture. Keessumaa albamii viidiyoo isaanii bara sanatti gadhiisan baay’een jaalladha ture. Suur-sagaleen muuziqaa isaanii hedduu natti tola, irra deddeebi’een ilaala ture. Gahumsa isaanii fi hojiin isaanii na ajaa’iba ture, waan guddaa irraa baradheera.

AS: Sirboota hanga ammaatti daayireektara taate hojjette maal fa’i? 

Leencoo: Hanga ammaatti muuziqaa 50 ol ta’an daayireektara ta’ee hojjedheera. Muuziqoota hojjedhe keessa muraasa; sirba Yoosan Geetahuun ‘Bulloo’ jedhu, Guutuu Abarraa- ‘Deemi’, Leencoo Gammachuu – ‘Muuquxxaayee, Wandii Maak – ‘Shambaa Rambaa’, fi sirboota weellistoota kanneen biroo akka Andu’aalam Gosaa, Margituu Warqinaa, Helan Barihee, Galaanaa Gaaromsaa fi kkf caqasamuu danda’u. 

AS: Adeemsa kana keessa badhaasa argatte jira?

Leencoo: Hojiilee hanga ammaatti hojjedheen bara 2019 eegalee yeroo garagaraatti badhaasaalee adda addaa argadheera. Hojiiwwan weellisaa Leencoo Gammachuu (Muquxxaayee) fi Guutuu Abarraa (Deemi) waliin hojjedheen Odaa Award irratti si’a lama badhaasa suur-sagalee bareedaa jedhu badhaafameera. Akkasumas badhaasa Haacaaluu kan bara 2023 irratti daayireektara cimaa jedhamuun badhaafameera. 

AS: Indaastiriin ogummaa suur-sagalee muuziqaa Oromoo sadarkaa maalirra gaheera jetta?

Leencoo: Waggoottan sadan darban keessatti suur-sagaleen muuziqaa Oromoo haalaan jijjiirameera. Akka hubannoo kootti muuziqaan Oromoo gama daangaa, qabiyyee, qulqullina suur-sagalee, fi sochii ummataa yookaan jireenya hawaasaa guyyaa guyyaa  agarsiisuudhaan kan miidhageedha.

Amma muuziqaan Oromoo sadarkaa badhaasa sadarkaa addunyaatti badhaafamuu irra gaheera. Fakkeenyaaf badhaasni Afriimaa ilaaluu dandeenya. Guutuu Abarraa sirba isaa ‘Deemi’ jedhuun sadarkaa Afrikaatti badhaafameera. Haata’u malee, muuziqaa keenya keessatti wanti fooyya’uu qabu tokko qindeessitoota sagantaa (event organizer) dhabuudha. Qindeessitootni sirboota fi taateewwan hedduu irratti hojjatan jiraachuu qabu. Kanaan ala garuu warraaqsi gama muuziqaa Oromoon jalqabame kun itti fufuu qaba, jalqabii gaariidha.

AS: Moggaasa maqaa dabalatee waa’ee Akkaadaamii Taatummaa Abbaa Lataa xiqqoo nu himi

Leencoo: Akkaadaamii keenya maqaa Abbaa Lataa jedhuun kan moggaafneef gaheen Artiisti Admaasuu Birhaanuu (Abbaa Lataa) Aartii Oromoo keessatti qabu guddaa waan ta’eef isa yaadachuufi. Abbaa Lataan anaaf Mistar Biini fi Chaarlii Chaapliin Oromoodha. Erga Abbaa Lataan boqotee booda namoonni isa dagataniiru, wanti isaaf godhame hin jiru. Haalli kun maqaa isaatiin Akkaadaamii akka hundeessu na dirqiisiseera. Kaayyoo kootiif maatii isaa waliin wal qunnamee isaanis eeyyama naa kennaniiru. Yeroon itti himu baay’ee gammadan. 

AS: Akkaadaamii Taatummaa Abbaa Lataa hundeessuuf maaltu isin kakaase?

Leencoo: Akkaadaamiin Abbaa Lataa rakkoo gama fiilmii Oromoo keessatti mudatu guutuuf yaadamee kan hundeeffameedha. Rakkoo guddaan aartii Oromoo keessa jiru kan namoonni hedduun hin hubanne taatoo gahaa jiraachu dhabuu isaati. Ogeessoonni kanneen iskiriiptii barreessan fi suur-sagalee waraaban hedduun jiru garuu taatoota haala gaariin mala saayinsiin leenji’an xiqqoodha. Rakkoon kun sadarkaa biyyaatti illee yoo ilaallee baay’ee gad bu’aadha.

Wanti Akkaadaamii Abbaa Lataa adda isa taasisu tokko xiyyeeffannoo (specialization) inni kennuudha. Akkaadaamoonni baay’ee waan hedduu irratti xiyyeeffatu, irra caalaan isaanii barreessuu, qajeelchuu fi suur-sagalee bareechuu irratti xiyyeeffatu. Akkaadaamiin Abbaa Lataa garuu dhimma taatoo qofa irratti xiyyeefata. Akkaadaamii kana keessatti namni tokko leenjii xumuruuf ji’a jaha itti fudhata.  Barattoota gidduu dorgommii qopheessinee warri injifatan taatota Oromoo buleeyyii faana akka fiilmii dalagan ni taasisna. 

AS: Akkaadaamii Abbaa Lataan walqabatee karoora kee gara fuulduraa maali?

Leencoo: Kaayyoon Akkaadaamii Abbaa Lataa inni biraa damee isaa guutuu Oromiyaatti babal’isuudha. Waggoota muraasa booda damee isaa kutaalee Oromiyaa kan akka Shaashamannee, Boorana, Gujii, Naqamtee, Jimmaa, Amboo fi iddoowwan birootti banuuf jirra. Garaa fuulduratti ammoo Akkaadaamii Abbaa Lataa gara koolleejjiitti guddisu barbaada. Kolleejjii kana keessatti damee of danda’ee adda addaa kan akka damee muuziqaa, damee suuraa, damee kaameraa, fi  damee gulaallii jiraata. 

AS: Ergaa dargaggootaaf qabdu?

Leencoo: Dargaggoota daayireektara, taatoo fi ogeessa suur-sagalee ta’uuf hawwaniif ergaan koo ogummaa aartiiwwan kunneenif quuqama fi fedhii sirrii qabaachuu qabuun jedha. Hojii isaanitiif waa wareegamu qabaachuu qabu. Inni ijoon ammoo dargaggoonni beekamtii argachuufis ta’e bu’aa argachuuf gara aartii kanatti galuu hin qaban. Maallaqni of kennuu fi ciminaan hojjechuu booda waan dhufuudha, dursa hojii isaaniifi dandeettii isaanii guddisu irratti yeroo barbaachisu kennuu qabu. Beekaa ta’anii beekamuun irra ba’eessa. AS

Related Articles

Back to top button