AADAA FI AARTIISEENESSA
Trending

Seenessa: Hariiroo ayyaana Irreechaa fi guddina sadarkaa qulqullina uffata aadaa Oromoo irratti Dizaayinaroota fi fayyadamtootni maal jedhu?

Getaahun Laggasaatin @Birmaduu2

Finfinnee, Onkoloolessa 04/2023 – Ayyaana Irreechaa yeroo yaadannu uummatni Oromoo Waaqa isa bacaqii gannaa irraa gara booqaa birraatti isa ceesise galateeffachuuf gara malkaatti yaa’u dabalataan uffata aadaa Oromoo mimmiidhagaa yaadachuun hin oolu. Uffanni aadaa kunneen yeroo dhiyoo asitti garmalee kan qalbii namaa hawwatu ta’aa dhufeera. Kan dur nama uffata aadaa Oromoo bareedaa uffatee gara malkaa bu’u lakkoofsaan xiqqaa ture, amma akkaataa hodhaa isaa ammayyaa’ee sadarkaa nama ayyaanicha irratti uffata aadaa hin uffanne argachuun rakkisaa ta’eetti gahameera.

Ijoollee, dargaggoo fi maanguddoon ayyaana Irreechaa kabajan uffata aadaa Oromootiin miidhaganiiti. Uffatichi ayyaanichi daran akka miidhagu taasisa. Hirmaattonni ayyaanichaa uffata aadaa Oromoo godinaalee garaagaraa uffatanii guyyaa ayyaanichaa kabajanii ooluun Oromoo gosa garaagaraa walbara.

Yeroo birraan bari’ee ayyaanni Irreechaa dhiyaatutti suuraawwan uffata aadaa mimmiidhagoon miidiyaa hawaasaa irra baay’inaan naanna’u. Fayyadamtoonni uffata kanneeniis suuraa miidhagaa uffata aadaatiin ka’an kanneen miidiyaalee hawaasaa irratti ni dhoobu. Beeksisoonni manneen uffata aadaa garaagaraa miidiyaa hawaaasaa irratti ni mul’ata. 

Ogeessota uffata aadaa fi fayyadamtootni maal jedhu?

Ayyaanni saba Oromoo biratti ayyaana galateeffannaa ta’ee wagga waggaan si’a lama kan kabajamu Irreechaan, uffata aadaa Oromoo ammayyeessuu fi hawwattummaa isaa daran dabaluu irratti gahee guddaa taphachaa jira. Dhimma walitti dhufeenya uffata aadaa Oromoo fi ayyaana Irreechaa, akkasumas guddina uffata aadaa irratti mul’achaa jiru ilaalchisee Addis Standard dizaaynarii uffataa, ogeeyyii hodhaa uffataa fi fayyadamtoota dubbiseera.

Magaalaa Bishooftuu keessatti teessoo ishee godhachuun dizaaynara uffataa kan taate Furtunaa Baqqalaa dhimma kanaan walqabatee turtii Addis Standard Afaan Oromoo waliin taasisteen, erga yeroo dhiyoo asii uffatni aadaa Oromoo haala fayyadamtoota gammachiisuu fi guddina faashinii biyyattiirra jiru wajjiin walgituu danda’uun hojjetamaa jiraachuu himte. Guddina dizaayinii fi barbaadamummaa uffata aadaa Oromoof ammoo ayyaana Irreechaa akka sababa ijootti kaasti.

Yeroo ayyaana Irreechaatti uffanni aadaa oromoo daran kan barbaadamu ta’uu ibsuun, sababiin isaa Irreechi aadaa Oromoo keessaa isa tokko waan ta’eef uffata aadaatiin kabajuun akka dirqamaatti ilaalamaa waan dhufeefi jetti. Namoonni ayyaanicha irratti hirmaatan guutumaan guutuutti hamma jedhamutti uffata aadaa Oromoo uffatanii kan argaman ta’uu himti. Kanaafuu, barbaadamni uffatichaa yeroo kanatti kan dabalu ta’uu himti.

Namoota uffata dhahan afur of jala qacaruun gosa uffata qulqullina qabu oomishaa akka jirtu kan himtu Furtunaan, uffata aadaa Oromoo garaagaraa kan omishtu ta’uu himuun irra caalaan wandaboo fi shinshinii garaagaraa hojjachuun akka beekamtu himti. Dizaayniii uffatichaa ofumaa isheetii kan qopheessitu ta’uu himti.

Kana malees, ayyaana Irreechaatiin walqabatee gabaan uffata aadaa fooyyee kan qabu ta’u ibsuun, hubannoo ummanni Oromoo uffata aadaa fayyadamuuf qabu dabalaa dhufeera jetti. “Dhaloonni qubee uffata aadaatiif jaalala kan qabu waan ta’eef gabaan uffata aadaa Oromoo gaarii ta’aa jira,” jetti.

Uffatoonni kunneen hojjattoota barnoota ogummaa dizaayinii uffataa barataniin kan gaggeeffamu waan ta’eef haala aadaa hin daganne fi ammayyaawaa ta’een kan qophaa’uu fi uffatoota gosa biroo wajjiin dorgomaa akka ta’u godhamee kan hojjatamu ta’uu himteetti.

“Fedhiin namoonni uffata aadaatiif qaban daran dabalaa jira” kan jettu Furtunaan, sababiin isaa Oromoon aadaa isaa guddisuuf cichoominaan hojjachaa waan jiruuf ta’uu himti. Ofii uffata aadaa Oromoof jaalala guddaa akka qabdu fi yeroo baay’ee kan uffattu ta’uu kan himtu Furtunaan, namni aadaa Oromoo guddisuuf fedhii qabu ilaalcha uffata aadaatiif qabu jijjiiru akka qabu dubbatti.

“Hojiin uffata aadaa kana hojjachuu koo nan jaaladha. Ofii koo qaama dhaloota qubee aadaa isheetin bontu waanan ta’eef, hojii daldalaa hojjachuun alatti aadaa Oromoo calaqqisiisuu koon nan boona. Kana malees namooota uffata ani qopheesse uffatanii itti miidhagan yennaan argu baay’ee na gammachiisa,” jette.

Dizaaynara uffata aadaa biraa Dajanee Addaamuu, magaalaa Finfinnee naannoo Shiroo Meedaa iddoo addaa Mujjaa jedhamutti hodhaa uffata aadaa keessa hojjeta. Dajaneen dhimma guddina sadarkaa uffata aadaa Oromoo ilaalchisee turtii Addis Standard waliin taasiseen, ilaalchi fayyadamtoonni uffata aadaatiif qaban kan nama kakaasu ta’uu hime.

Namoonni uffata aadaa fayyadaman lakkoofsaan dabalaa dhufu hordofee manneen hodhaa uffata aadaa dizaaynii godhan dabalaa jiraachuu akka carraa gaariitti ilala, Dajaneen. Haalli kun daldaltoota gidduutti dorgommii gaarii qulqullina uffataa eegsisu danda’u akka uumu hima. “Iluu, Wallagga, Shawaa, Arsii fi kanneen biro osoo hin jenne aadaa godinaalee Oromiyaa hunda ni hojjanna,” jedha.

Fedhii fi jaalalli hawaasni Oromoo uffata aadaatiif qabu dabaluu ibsuun dorgommiin gabaa jiru garuu gatii uffatichaa irratti dhiibbaa uumuu hima. “Sababa kanaaf gatii gadi bu’aan gurgurraa” jedhe. Kana malees, “yeroo dhiyoo dura namootni uffata aadaa barbaacha fagoodhaa naannoo Shiroo Meedaa kana dhufu ture. Yeroo ammaa garuu uffata aadaa iddoo hedduutti kan argamu waan ta’eef gabaan uffata aadaa naannoo kana jiru gadi bu’aa dhufeera,” jedhe.

Jiraataa magaalaa Shaashamannee kan ta’e Iliyaas Sulxaan Addis Standarditti akka himetti, uffata aadaa Oromootiin miidhagee ayyaana Irreechaa baranaa kabajuuf qophiirra jiraachu hime.

Uffata aadaa Oromoo kan jaalatu ta’uu kan dubbatu Iliyaas, Irreechi immoo miidhagina aadaa Oromoo addunyaadhaaf kan mul’isu ta’uu hima. “Irreechi ayyaana guddaa aadaa Oromoo addunyaaf ifatti mul’isu waan ta’eef carraa kanatti fayyadamuun uffata aadaa Oromoo uffachuu uffaticha addunyaaf beeksisuun nurraa eegama,” jedha.

“Uffanni aadaa, seenaa fi duudhaa ummata tokkoo mul’isa. Irreechi immoo uffata aadaa kana mul’isuuf carraa tokkodha. Uffata aadaa uffachuun karaa amantaatiin hin dhorkamu. Uffata aadaa saba ofii uffatanii amantaa ofii kabajuun ni danda’ama waan ta’eef amantaatti sababeeffachuun uffata aadaa balaaleffachuun dogoggora. Kanaafuu, uffata amantaa iddoo amantaatti uffachuu sirri yoo ta’u iddoo kabaja aadaatti immoo uffata aadaa uffachuun sirriidha,” jedhe.

Shamarreen uffata aadaa osoo bitachaa jirtu Addis Standard dubbise, Jaalannee Darajjee, akkuma Iliyaas guddina sadarkaa qulqullina uffata aadaa Oromoo akka ishee gammachiisaa jiru himte. Uffanni aadaa erga yeroo dhiyoo asii hojjetaman uffannaadhaaf mijataa fi ammayyaawaa ta’uun isaanii filatamoo isaan taasisu himti. Jaalanneen hiriyyoota ishee biroo wajjiin ta’uun guyyaa kabaja ayyaana Irreecha dhufu irratti agarsiisa aadaa qopheessuuf qophii taasisaa jiraachuus himteetti. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button