KALAQASEENESSA

AS-Jabaa: “Xiyyaara guddaa nama baatu fi dirooniiwwan guddoo humna guddaa qaban hojjechuuf karooran qaba”: Amaanu’eel Baalchaa

Amaanu’eel Baalchaa

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Caamsaa 26/2023 – Sadarkaan guddina biyya tokko ittiin madaalamu keessa kalaqa fi teeknoloojii isaan ijoodha. Biyyoota guddachaa jiran, kan akka Itoophiyaatti ammoo kalaqni teeknoloojii sadarkaa gadi aanaarra jira. Haata’u malee erga yeroo dhiyoo asi dargaggoota kalaqa teeknoloojii irratti kennaa qaban mul’achaa dhufuun guddina indastirii teeknoloojii biyyatti irratti abdii horaa jira. Dargaggoota kalaqa akkanaa irratti hojii guddaa hojjechaa jiran keessa tokko Amaanu’eel Baalchaati.

Amaanu’eel Baalchaan naannoo Oromiyaa, godina Qeellam Wallaggaa, magaalaa Dambi Dollootti dhalate guddate. Barnoota isaa sadarkaa jalqabaas achuma magaalaa Dambi Dollootti barate. Barnoota isaa sadarkaa tokkoffaa mana barumsaa Birhaane Yasuus jedhamu keessatti barate, sanaa booda barumsa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’ina (9-12) ammoo mana barumsaa Beetel jedhamu keessatti hordofe.

Amaanu’eel barnoota sadarkaa lammaffaa erga xumuree booda gara Yunivarsiitii Arbaa Mincii galuun wiirtuu barnoota Makaanikaal Injinariingii seenee barnoota isaa waggaa shaniif erga hordofee booda bara 2008 ALI eebbifame. 

Erga eebbifame booda imalli jireenyaa hojii jalqabaa isaa gara magaala Bishooftuutti isa geessee, dhaabbata Dajan Aviyeeshin jedhamutti qacaramee hojii eegale. Dhaabbata kana keessatti waggaa afuriif erga hojjeteen booda gara Yuunivarsiitii Dambi Dollootti seenuun turtii gara waggaa sadiitti dhiyaatuuf hanga ammaatti barsiisaa damee barnoota Makaanikaal Injinariingii ta’ee hojjechaa jira.  

Yuunivarsiitii Dambi Dolloo keessatti barsiisummaa irraa ala hojii kalaqa irratti bobbahee kan argamu Amaanu’eel, wiirtuu kalaqa saayisawaa (STEM center) keessatti ni barsiisa.

Dargaggeessi hojii kalaqa keessatti imala nama hawwatu irratti kan argamu Amaanu’eel Baalchaa dhimmoota muuxannoo jireenya isaa fi hojiiwwan kalaqa inni hojjechaa jiru ilaalchisee turtii Addis Standard waliin taasiseen fedhiin kalaqaa ijoollummaa isaa irraa kaasee keessa biqilee guddachu hime.

Jalqabbii hojii kalaqaa… 

“Xinnumaa koorra kaasee, osoollee mana barumsaa hin seeniin dura dhoqqee faarra wantoota akka konkolaata, barcuma faa nan hojjedha ture. Gaafan kutaa shan jaha torba faa seenee of baraa dhufuu wantoota elektironiksii naannoo keenyarra argaman hojii ala ta’an babbanee wantoota tokko tokko irraa hojjechaan ture. Durumaa kaasee ammoo xiyyaara hojjechuuf fedhii guddaa nan qaba ture. Kutaa 11ffaa yeroon baradhu mana barumsaa koo bakka bu’uun agarsiisoota adda addaa irratti hirmaadhe ture.”

Fedhiin kalaqaa of keessa qabu akka dagaagsuuf deeggarsi maatiin isaa isaaf gochaa turan guddaa akka ta’e kan himu Amaanu’eel, meeshaalee hojii kalaqaaf isa gargaaran bitudhaan akka isa jajjabeessaa turan ni yaadata. Yeroo umurii fi barnootaaf ol guddachaa deemu wantoota qabatamaa jireenya ilmaan namaa keessatti gahee qaban kan akka maashina nyaata ittiin bilcheefatan, alaarmii fi paraashuutii faa hojjechu hima. Adeemsa kana hunda keessatti deeggarsi maatii olaanaa ta’u hima.

Kalaqa Diroonii

Tibbana maqaan Amaanu’eel Baalchaa jedhu fi kalaqawwan diroonii inni hojjechaa jiru bal’inaan miidiyaa hawaasaa fi miidiyaalee idileetti ijoo dubbii ta’e jira. Diroonii hojjechu kan eegale yeroo magaalaa Bishooftuutti dhaabbata Dajan Aviyeeshin keessa hojjechaa turetti akka ta’e yaadachiisa, Amaanu’eel. 

“Yeroon Dajan Aviyeeshin keessa hojjechaa turetti xiyyaara guddaa hojjechuuf abuura (proposal) dhiyeesse ture. Xiyyaara guddaa hojjechu hammam danda’a isa jedhuuf amansiisuuf ammoo akkuma saayinsii xiyyaaraatti, jalqaba dizaayinii erga hojjette booda xiyyaara nama maleeyyii (diroonii) xiqqoo isuma fakkaatu hojjechu qabda. Haala kanaan yeroo achi turetti xiyyaara nama maleeyyii ‘fixed-wing’ ta’an sadii hojjedhe. Sadan isaaniifuu yaalii balalii taasifne balaliisifneerra.”

Sana booda Amaanu’eel erga gara Yuunivarsiitii Dambi Dolloo seene booda ammoo diroonii faayidaa qonnaaf oolu (farra ilbiisa biifu) hojjechuuf yaada keessa galfachuun bulchiinsa Yuunivarsiitichaaf abuura galfate. Haata’u malee maallaqa kutaa qorannoo (laabraatorii) kalaqa kanaaf gargaaru hundeessuuf barbaachisu baay’ee waan ta’eef yeroo barbaadametti gara hojiitti seenuun akka hin danda’amne yaadata. Sana booda garuu sababa agarsiisa Yuunivarsiitichatti qophaa’een meeshaalee isaaf barbaachisan guutameefi hojii eegale. 

“Yuunivarsiitii Dambi Dollootti dirooniiwwan gasa lama (‘fixed-wing’ fi ‘multi rotary’) hojjedheera. Hanga ammaatti dirooniiwwan lakkoofsaan gara 22 ta’an hojjedhe sadarkaa ofuma isaa balalisiisurra gaheera. Mala to’annoo balaliitin ‘Google Map’ irratti lafa dirooniin keenya hojii barbaanne hojjetu, sarara irratti deemu fi daqiiqaa deemu guutne ergama itti laanna. Yeroo nuti akka deemu ajajnu ergama itti laannee san ofiima isaa ni raawwata. Sadarkaa kanarra geenyeerra.”

Yaalii balalii dirooniiwwan yuunivarsiitii Dambi Dolloo keessatti yeroo taasifamu, Suuraa: Amaanu’eel Baalchaa

Tibbana diroonii guddaa ‘hexacopter’ jedhamu ykn ammoo bilaabillee (motora) jaha qabu hojjeteera. Dirooniin kun kanneen kanaan dura hojjedhe irraa isa guddaadha jedha. Motorri diroonii kanaa isaan kaanirra adda ta’u kan himu Amaanu’eel, motorri tokkicha humna 2450 KV qabaachu ibsa. Akka Amaanu’eel jedhutti dirooniin kun ba’aa haga kiiloo giraama lama baachuu danda’a. 

Waliigalaan dirooniiwwan inni hojjete xiqqaa hamma guddaatti ba’aa kiiloo giraama 0.8 hanga 2.5 baatanii fageenya kiiloo meetira 1 hanga 2.5 deemu danda’u. 

Ammaaf hojii kalaqa dirooniiwwan kana wiirtuu saayinsii Yuunivarsiitii Dambi Dolloo keessatti qofaa isaa hojjechaa akka jiru kan himu Amaanu’eel, Yuunivarsiitichi garuu yaada fi meeshaalee hojii isaaf barbaachisan guuttachuudhaan isa bira dhaabbachu hima. “Yuunivarsiitiin koo yeroo hunda na cinaa jira. Pireezdaatii keenya Dr. Lataa Tasfaayee fi hojjettoota yuunivarsiitichaa, akkasumas Profeesar Yooseef jalqabaa kaase na cinaa jiru.”

Kalaqa diroonii sadarkaa dhuunfaa isaa fi Yuunivarsiitii Dambi Dollootti eegalame kana daran babal’ifamee faayidaa biyyaaf oolu danda’u milkeessuuf yuunivarsiiticha waliin ta’uun hojii eegalu kan ibsu Amaanu’eel, dhaabbilee barnootaa biyya alaa irraa deeggarsa kalaqa kanaaf ta’u argachuuf yaalii taasifamaa jiraachu kaase. 

Karaa biraan ammoo meeshaalee dirooniiwwan gurguddoo ittiin hojjetaman biyya alaarraa galfamanii biyya keessatti oomishuuf eeyyama akka argachuuf Ejensiin Nageenya Neetwokii Odeeffannoo (INSA) waliin marii taasisu dubbateera. “Meeshaa to’annoo balaliif itti fayyadamnu isa dirooniiwwan gurguddoof ooludha. Amma kan nu hafu baatirii fi motorota gurguddoodha. Isa yoo arganne dirooniiwwan gurguddoo faayidaa olaanaaf oolan oomishne biyyaaf oolu dandeenya.”

Amaanu’eel wiirtuu STEM yuunivarsiitii Dambi Dolloo keessatti yeroo hojjetu

Amaanu’eel beekumsa fi dandeettii kalaqa isaa akka isa biratti qofa hafu hin barbaadu, akka barsiisummaa isaatti barattoota fi ijoollee fedhii kalaqaa qaban gahoomsuuf carraaqaa jira. 

“Manneen barnoota sadarkaa lammaffaarra deemne ijoollee fedhii fi dandeettii kalaqaa qaban calaluudhaan wiirtuu saayisii (STEM) keenya keessatti ogummaa kompitara, softiweerii fi saayinsii xiyyaaraa fi diroonii barsiisaan jira. Barsiisee dhiisu osoo hin taane gosota dirooniiwwan ani hojjedhe itti argarsiisa, akkamitti akka hojjetamu nan barsiisa, balaliisisee illee ittan argarsiisa,” jedha. 

Karoora gara fuulduraa…

Amaanu’eel hojii hanga ammaatti hojjeteen daageeffamu hin barbaadu. “Hojii amma hojjechaa jiru namni hojii koo irratti maallaqa baasee deeggaruuf (investment) akka na amanuufan hojjadha malee karoorri koo guddaadha,” jedha. 

Gara fuulduraatti garee namoota dandeettii qaban hundeessuun xiyyaara guddaa nama lama baatu fi dirooniiwwan gurguddaa fageenya hanga kiiloo meetira 50tti deemuun keemikaala garaagaraa biifan, ergaa garaa garaa fudhachuun faayidaa qonnaa fi fayyaa irratti oolu danda’an hojjechuuf karoora qabaachu hima. 

Kana malees, maashinoota qonnaa jireenya qonnaan bulaa salphisan hojjechu yaada. “Maashinoota xinnaa hanga guddaatti, keessattuu qonnaa irratti hojjechuun yaada. Fakeenyaan maashina boqolloo falfaluu, xaafii hamuu, kan lafallee salphaatti qotuu danda’u yaada,” jedhe. 

Faayidaan kalaqni biyyaaf qabu

“Sadarkaa addunyaan amma irra jirtu kanaan biyyi tokko guddateetti kan jedhamu ykn sadarkaan guddina biyya tokko kan madaalamu teeknooloojii fayyadamteeni. Biyyi guddaa jedhamtu tokko biyya teeknooloojii gurguddaa fayyadamtuudha,” kan jedhu Amaanu’eel, teeknooloojiiwwan guddaa jedhaman kunniin kalaqaawwan xixiqqoo irraa maddu ibsa. 

“Fakeenyaaf konkolaataa jalqaba oomishamte yoo ilaalle waanuma eessarraa ka’ee hagam fooyya’ee sadarkaa amma jiruurra akka gahe ni hubanna. Kalaqni, keessattuu biyyoota guddachaa jiran akka Itoophiyaatif faayidaa guddaa qaba. Tokkoffaa humna baay’ee barbaachisu gara humna yartuuttii geeddara. Lammaffaan qisaasama yeroo hambisa. Qarshii guddaas argamsiisa.”

Biyyoota nyaataan of hin dandeenye akka Itoophiyaatif kalaqni qonnaa irratti hojjetamu ammoo oomishaa fi oomistummaa dabaluun faayidaa guddaa qabaachu hima. 

Ergaa dargaggootaaf qabu…

Dargaggoonni kennaa kalaqaa qaban kennaa ofii keessa qaban mul’isuuf carraaqu akka qaban dhaama. “Kennaa fi dandeettii ofii koo keessa arge kana bakkeetti baasuu kan qabu anuma. Yaada sammuu koo keessa jiru gara qabatamaatti jijjiiruu fi namni na gargaaru danda’u akka dandeettii koo hubatu gochuun qaba. Adeemsi sana booda jiru beekumsa guddifachu fi deeggarsa barbaadu ta’a,” jedha.

Ijoollee kennaa kalaqa qaban barbaadanii adda baasuun jajjabeessu fi carraa gaarii mijeessu irratti hanqinni guddaa jiraachu kan kaasu Amaanu’eel, mootummaan ijoollee kana sadarkaa aanaa fi magaalota irratti gadi bu’uun intarneetii irraa jalqabee meeshaalee isaan barbaachisan guutuun akka jajjabeessu dhaameera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button