ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: “Barri 2016 bara araaraati” – PMNO Shimallis Abdiisaan rakkoo siyaasaa Oromiyaa keessa jiru furuuf waamicha nagaa dhiyeessan 

Finfinnee, Fulbaana 14/2023 – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa sagantaa simannaa bara haaraa 2016 mootummaan naannichaa qopheesse irratti haasawaa taasisaniin, mootummaan naannichaa rakkoo siyaasaa Oromiyaa keessa jiru bara haaraa kana keessatti furuuf qophii ta’uu ibsuun, hidhattoota naannicha keessa socho’aniif irra deebiin waamicha araaraa dhiyeessaniiru.

“Bara darbe qormaata hedduu nu mudateera. Haataʼu malee, rakkoowwan kana moʼanneerra. Mootummaan naannoo Oromiyaa rakkoo siyaasaa Oromiyaa keessaa jiru karaa waliigalteetin furuuf ni hojjataa, rakkoo siyaasaa kana kara nagaan furuuf cimsinee furuuf ni hojjanna,” jedhan.

“Barri 2016 bara araaraati, mootummaan keenya gaaffileen siyaasaa hunda karaa nagaa ta’een furuu ni barbaada, itti amanas” kan jedhan Pireezdaant Shimallis Abdiisaan, itti dabaluun, “nagaa malee karaan Oromoo hin jiru, nageenya malee jiruuf jireenyi hin argamu,” jedhan. 

Mootummaan Naannoo Oromiyaa finciltoota Oromiyaa keessa jiran waliin garaagarummaa siyaasaa qabu karaa nagaan furuu akka barbaadu kan dubbatan pireezdaantichi, rakkoon siyaasaa jiru bara haaraa kana keessatti mariidhaan akka hiikamu waamicha araaraa dhiyeessaniiru. “Barri 2016 bara qawween callisuu fi obbolaan wal hin ajjeesnedha. Lola fokkisaa Oromiyaa keessa jiruun qabeenya fi lubbuu namaa badu hin qabnu.” 

Waraana naannoo Oromiyaa keessa jiruuf furmaata karaa nagaa kennuu galmaan gahuuf Abbootiin Gadaa, Haadholii Siinqee, Abbootiin Amantaa, fi lammiileen hundi gahee isaanii akka gumaachan waamicha dhiyessaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan kanaan dura yaa’ii idilee Caffee Oromiyaa baatii Adoolessa darbe gaggeeffame irratti mootummaan naannichaa rakkoo siyaasaa mariidhaan furuuf “qaama hidhatee [Oromiyaa keessa] socho’u” simachuuf “fedhii olaanaa” kan qabu ta’uu ibsuun isaanii ni yaadatama.

“Qaamni karaa nagaatin nan qabsa’a jedhu garaagarummaa jiru marii fi marabbaadhaan ilaaluudhaaf bu’uura seeraa fi heeraatiin socho’uuf qophaa’ummaa kan qabu gara nagaatti akka dhufuuf fi olaantummaa seeraa kabajee akka socho’uuf mootummaan fedhii olaanaa qaba. Carraa kanaan Caffee kabajamaa kana fuulduratti ammas irra deebiidhaan gaafachuu barbaanna,” jedhan.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi humna hidhatee naannoo Oromiyaa keessa socho’aa jiru Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) wajjiin Taanzaaniyaatti godhamee ture waliigaltee malee goolabamuu ni yaadatama. Haata’u malee, abdiin mariin marsaa biraa ni jalqaba jedhu uummata Oromoo biraa haa jiraatu malee mariin marsaa biraa eegalame hin jiru.

Mariin kuni waliigaltee malee goolabamuu hordofee naannoo Oromiyaa iddoowwan garaagaraatti walwaraansi hammaataan meeshaa waraanaa gurguddaatiin deeggarame mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti cimee itti fufuun lubbuu namootaa galaafachaa jiraachuu Addis Standard yeroo adda addaa gabaasaa ture. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button