DHIMMA HAWAASAAGULAALLISIYAASA
Trending

Gulaallii: Hojiin Finfinnee diiganii ijaaruu yeroo hin malletti, karoora malee hojjetamaa jiru harka qalleeyyiirratti dhiibbaa qaba. Yoo xiqqaate adeemsi isaa kabaja namummaa kan eege haa ta’u!

Finfinnee, Ebla 05/2024 – Qondaaltonni mootummaa biyya bulchaa jiran, hojiin misooma magaalaa Finfinnee yeroo ammaa kana hoggansa kantiibaa magaalattii Aadde Adaanach Abeebeetin gaggeeffamaa jiru, seenaa misooma magaalattii keessatti jijjiirama guddaa ta’uu isaa dhaadheessaa jiru.

Aanga’oonni kunneen, piroojektiin kuni bu’uuraalee misoomaa fi teessuma magaalaa karaa kooridoorii daandii adda addaa shan kan 40.7km dheeratu ammayyeessuuf kan kaayyeeffate ta’uufi magaalattiin akka maqaashee “daraaraa haaraa” akka calaqqisiiftuu fi jiraattota isheetiif “mijooftuu” akka taatu hojjetamaa jiraachuu eeru. 

Haa ta’u malee, carraaqqiin hawwii guddaa akkasii kun hojiiwwan diiggaa kunneen saffisa ifaatiin raawwatamuun manneen jireenyaa, daldalaa, fi gamooleen amantii diigamuun jiraattota magaalattiif mudannoo ulfaataa ta’aa jira.

Akkasumas, sanada sirrii abbaa qabeenyummaa harka qalleeyyii magaalattii keessa jiran mirkaneessu dhabamuu isaanif xiyyeeffannoo laatamuu dhabuun isaa harka qalleeyyii kanaan balaa mana dhabuuf isaan saaxila.

Manneen mootummaa gara 2,000 ta’an kan namoonni cunqurfaman harki caalaan isaanii gaaddisa itti argatan, manneen kiraa mootummaa 400 dabalataa, manneen jireenyaa dhuunfaa 300, akkasumas dhaabbilee daldalaa fi amantii hedduu, sheedii, manneen konteenaraafi bakka yeroof gaaddisa qaban, torban tokko qofa keessatti diigamuun isaanii, hariiroo hawaas-dinagdee waggoota kurnan darbaniif ture addaan citeera.  

Akka ibsa kantiibaa magaalittii Aadde Adaanachitti yoo ta’e, naannoo Piyaassaa jedhamurraa qofa namoonni gara 11,000 ta’an kaafamuu isaanii eeraniiru. Kunis hawaasa kanarratti dhiibbaa dinagdee hagamii akka uumamu agarsiisa.

Bulchiinsi magaalattii namoota buqqa’aniif jijjiirraafi dhiyeessii iddoo jireenyaa kennuun haala bu’a-qabeessa ta’een gaggeesssuu haa himu malee, gabaasni gareen Addis Standard tibbana hojjatee rakkoolee kaffaltii beenyaa, yaaddoo yeroo kennamu, addaan cituun tajaajila hawaasaa barbaachisoo kan akka tajaajila fayyaafi manneen barnootaa jiraachuun mul’iseera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Akkasumas, sanada sirrii abbaa qabeenyummaa harka qalleeyyii magaalattii keessa jiran mirkaneessu dhabamuu isaanif xiyyeeffannoo laatamuu dhabuun isaa harka qalleeyyii kanaan balaa mana dhabuuf isaan saaxila.  

Naannoowwan akka ‘Dooro Maanaqiyaa’ naannoo Piyaassaatti argaman baay’inaan naannoo gadi aanaa jedhamanii kan beekaman yoo ta’u, tajaajila bu’uuraalee jireenyaa kanneen akka mana fincaanii fi bishaan yaa’aa dabalatee dhabuu isaaniin beekamu. 

Garuu iddoowwan akkasii kuni iddoo harka qalleeyyiin magaalattii qaala’insa jireenyaa dabalaa dhufe itti dandamataniidha. Gandoonni ollaan kunneen kaappitaala hawaasummaa waggoota kurnan hedduu keessatti ijaaran fayyadamuun jiraattota galii gadiaanaa qaban deeggaru danda’aniiru.

Jiraattota kannniif manni jireenyaa filannoo ta’e kennamaa jiraatus, (hedduun isaanii ammallee waadaa sana eegaa jiru) hariiroo hawaasummaa waggoota kurnan lamaan darban keessatti ijaarame dhabuu fi baasii nireenyaa olaanaa bakka mana haaraa argataniitti mul’atu isaan mudachuu danda’a.

Sababa pirojektoota koridoorii daandii kanaan naannoo Araat Kiiloo, Magganaanyaa, CMC fi kanneen biroo dabalatee naannolee magaalattii sochii guddaa qaban kana keessatti daldaltoonni xixiqqaa hedduu cufamaa jiru.

Dhiibbaan dinagdee kanaa abbootii qabeenyaa daldalaa bira darbee maatii isaanii magaalattii keessa fi ala jiran ni huba.

Haala gaarii ta’e keessattillee, iddoowwan haaraan wal baruufi gabaa haaraa wajjin walsimachuu, maamiltootaafi daldaltootaaf baasii guddaafi oomishaalee fi tajaajiloota isaan barbaachisan argachuu dhabuun ni mudata.

Torban tokko keessatti kun yeroo raawwatamu, magaalaan reefuu qaala’iinsa jireenyaa , rakkoo dhiyeessii yeroo hunda addaan cituun raafamaa hirtu rakkoo waggoota dhufan keessatti rakkoof ni saaxilamti.

Barreeffamni kuni pirojektoota misoomsa bu’uuraalee magaalaa kanneen akka daandii, mana jireenyaa, geejjibaa ummataa, tajaajila fayyaafi iddoowwan magariisaa baay’ee barbaachisan keessatti hojjetaman kan mormu miti.

Haa ta’u malee, mootummaan diigamuu guddaa akkasii raawwachuuf sababni guddaan inni dhiyeesse ijaarsa magaalaa fooyyessuu fi daandii miilaafi biskileetii uumuuf ta’uun isaa shakkisiisaadha. Kaayyoon kun barbaachisaa fakkaachuu danda’us, gochoota badii kan akka hariiroo jireenya hawaasummaa fi dinagdee kumaatamaan lakkaa’aman karaa irraa maqsuu golguu hin danda’u. 

Tarkaanfiin kun mootummaan dureeyyii biyya alaa lafa dabalatee qabeenya akka qabaatan hayyamuuf yaada labse keessatti mul’ata. Itoophiyaannoonni garuu hanga ammaatti dhugaa sana hin hubanne.

Mootummaa ummanni isaa 60% hiyyummaa hamaa keessa jiraatuuf magaalaa miidhagsuun kaayyoo ijoo ta’uu hin qabu ture. Yeroo ammaa kanatti Itoophiyaan rakkoo gargaarsa namoomaa biyyattii keessatti hammaataa dhufeef deebii kennuuf hir’inni maallaqa Doolaara biiliyoona 1tti dhiyaatu mudatee jira. 

Baajanni manneen diiguuf, kaffaltii beenyaafi koridoorii daandii deebisanii ijaaruuf ramadame, miidhamtoota hongee kumaatamaan lakkaa’aman kanneen naannoo birootti du’aaf saaxilaman gargaaruuf ooluu danda’a ture. 

Haalli jijjiramni bal’aan kuniifi pirojektoonni walfakkaatoon biroo, jijjiirama hundee imaammataa Paartii Badhaadhinaa biyya bulchaa jiru, keessumaa tarsiimoo imaammataa ADWUI kan hiyyeeyyii deeggaruu ture irraa gara dureeyyii fayyaduutti jijjiiramuu isaati. Tarkaanfiin kun mootummaan dureeyyii biyya alaa lafa dabalatee qabeenya akka qabaatan hayyamuuf yaada labse keessatti mul’ata. Itoophiyaannoonni garuu hanga ammaatti dhugaa sana hin hubanne. 

Jijjiiramni magaalaa guddaa akkasii kan irra caalaa harka qalleeyyiirratti dhiibbaa geessisu hojiirra yeroo oolutti, aangawoonni dhimmicharratti gadi fageenyaan akka mari’atamuun adeemsi kuni hiyyeyyii irrratti ba’aa akka hin taane aanga’oonni haala mijeessuu qabu ture.

Falmiin kuni murtiiwwan duubatti deebi’uuf yeroon irra darben kan a ta’an falmu fakkaachuu danda’a. Haa ta’u malee, tarkaanfiin aanga’oonni fudhachaa jiran yoo xiqqaate haala safuu dhala namaa eegeen akka raawwatamuuf kan isaan qoruu danda’a. AS

Related Articles

Back to top button