DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii balaan lolaa rooba gannaa namoota 1,000,000 ol buqqisuu danda'a jedhe

Finfinnee, Ebla 27, 2024 – Roobni gannaa dhufu namoota 1,000,000 tokkoo ol qe’eerraa buqqisuu akka danda’u Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessaan gargaarsa namoomaa (UNOCHA) beeksise.

Dhaabbatichi gabaasa baaseen, namoonni miliyoona 1.9 ta’an balaa lolaatiif kan saaxilaman yoo ta’uu kanneen keessaa miliyoona tokko kan ta’an qe’eerraa buqqa’uu mala jedheera.

Komishiniin bulchiinsa balaa tasaafi dhaabbileen gargaarsa namoomaa rakkoo kanaaf gargaarsa hatattamaa taasisuuf karoora baafatee qophaa’uu biirichi beeksiseera.

Naannolee balaa lolaa hammaataaf ni saaxilamu jedhamee shakkaman adda baafaman Oromiyaa, Affaar, Amaaraa, Somaalee, Tigraayiifi naannoolee kibba Itoophiyaatti argaman ta’uu ifoomseera.
Haa ta’u malee, gargaarsi barbaachisaan akka hin taasifammeef rakkoon hir’ina baajataa jiraachuu ibseera.

Naannoo Oromiyaatii namoonni 104,000 ta’an qe’eerraa buqqa’uu danda’u jedheera.

Naannoo Somaaleetii namoonni 773,000 ta’an ni buqqa’u jedhamee tilmaamama. Naannichatti godinaaleen Afdeer, Liiban, Qoraahee, Daawwaa, Jaaraar, Noogoboofi Shabalee lolaadhaaf akka saaxilaman tilmaameera.

Naannoolee Kibba Itoophiyaatti argaman keessaa namoonni 145,000 kan saaxilaman yoo ta’u 64,000 kan ta’an qe’eerraa buqqa’u jedhame.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Naannoo Affaarii 83,000 ta’an akka saaxilamaan eeruun 61,000 kan buqqa’an ta’a. Akkasumas, naannoo Amaaraatii namoonni 45,000 saaxilaman keessa 3,000 buqqa’uu danda’u. Naannoo Tigraayii namoonni 4,000 yoo saaxilaman 1,000 qe’eerra akka buqqa’an tilmaameera.

Balaan lolaa naannolee garaagaraa keessatti mudachuun lubbuu nama dabarsuufi qabeenya mancaasaa turuu gabaasichi yaadachiiseera. AS

Related Articles

Back to top button