ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaan lammiileen alaa biyyattii keessatti qabeenya akka horatan eeyyamuuf ta’uu MM Abiy Ahimad dubbatan

Finfinnee, Bitootessa 25/2024 – Mootummaan Itoophiyaa karoora bal’aa diinagdee biyyattii banaa taasisuun invastaroota biyya alaa hawwachuuf qabuun walqabatee lammiileen biyya alaa Itoophiyaa keessatti qabeenya akka horatan eeyyamuuf seera baasaa akka jiru beeksise. 

Yeroo ammaa kana lammiileen biyya alaa Itoophiyaa keessatti mana jireenyaas ta’e kan daldalaa akka hin qabaanne seeraan kan dhorkaman yoo ta’u, kunis tattaaffii invastimantii alaa hawwachuuf taasistuuf gufuu ta’uu himama.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad marii torban darbe kaffaltoota gibiraa olaanaa waliin taasisaniifi Sanbata darbe miidiyaalee mootummaa irratti tamsa’een, mootummaan Itoophiyaa seera haaraa lammiileen biyya alaa qabeenya akka qabaatan taasisu baasaa jiraachuu fi kunis sadarkaa xumuraarra gahuu dubbataniiru.  

Haata’u malee, seerri biyya alaa Itoophiyaa keessatti qabeenya akka horatan eeyyamu kun yoom mana maree bakka bu’oota uummataatti akka dhiyaatu hin dubbanne.

“Seera lammiileen biyya alaa qabeenya akka horatan eeyyamu ni baasna” kan jedhan MM Abiy, mootummaan seerota amma jiran fooyyessee damee daldala gurgurtaa biyyattii yeroo ammaa lammiilee Itoophiyaa qofaaf daangeffame banuuf yaada akka qabus himaniiru.

“Diinagdeen biyya keenyaa cufamee ture, amma garuu xiqqoo ni banna. Kanaaf isinis gama kanaan akka qophooftan barbaanna,” jedhan.

Waggoota dhiyoo asitti mootummaan Itoophiyaa dameelee diinagdee waggootaaf mootummaan dhuunfatamanii jiran kan akka telekoomii fi baankii invastimantii biyya alaatif banaa taasisuuf sochii taasisaa jira. Gama telekoomiin dhaabbatni Saafaarikoom carraa kanaan fayyadamuun bara 2022 keessa hojii eegaluu ni yaadatama. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button